Esaawuun Mirga Dhaloota isaa Gurgurate

11 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Seensa 25:24-34

24Yeroon da'uu ishee yommuu ga'e, kunoo lakkuun gadameessa ishee keessa turan.

25Inni duraa diimaa, dhagni isaa hundinuus akka uffata dabbasaa qabuu rifeensa'aatu as ba'e; maqaas isaa “Esaawuu” jedhaniin.

26Isa booddeedhaan immoo obboleessi isaa as ba'e; harki isaa koomee Esaawuu qabatee ture; maqaan isaas “Yaaqoob” jedhame; yeroo isaan dhalatan Yisihaq nama waggaa jaatamaa ture.

27Ijoolleen kunis in guddatan; Esaawuun nama akka itti adamsu beeku, nama bakkee oolu ta'e; Yaaqoob garuu nama amal-toleessa qe'ee keessa oolu ture.

28Yisihaq wanta inni adamsee fidu nyaachuun waan itti toluuf, Esaawuu in jaallata ture; Ribqaan garuu Yaaqoobin in jaallatte.

29Gaaf tokko utuu Yaaqoob nyaata tolchuutti jiruu, Esaawuun bakkeedhaa dhufee ol gale; isas uruuriin dha'ee ture.

30Esaawuun yommus Yaaqoobiin,“Amma uruuriin na dha'eraa, nyaata diimaa sana akkan nyaadhuuf anaaf kenni!” jedhe; kanaafis maqaan isaa “Edoom” jedhame; [“Edoom” jechuun “Diimticha” jechuu dha].

31Yaaqoob immoo,“Ati dura angafummaa kee anatti gurguri kaa!” jedheen.

32Esaawuunis,“Anoo amma du'uu ga'e, angafummaan kun maal anaaf godha ree?” jedheen.

33Yaaqoob immoo,“Dura anaaf kakadhu!” jedhe; innis in kakateef; akkasittis angafummaa isaa Yaaqoobitti in gurgure.

34Yommus Yaaqoob buddeenaa fi ittoo misiraa sana Esaawuuf in kenne; innis nyaatee, dhugee, ka'ees karaa isaa irra in bu'e; Esaawuun akkasitti angafummaa isaa in tuffate.