Cuuphaa

10 Lakkoofsota7Afaan Oromoo

Maatewos 3:11

11Yohannisis itti fufee, ?Yaada garaa keessanii geddarachuu keessaniif bishaaniin isin nan cuupha, inni ana booddee dhufu garuu ana irra in jabaata, anis kophee miilla isaatii illee baachuudhaaf nama ta'u miti; inni hafuura qulqulluudhaa fi ibiddaan isin in cuupha.

Maatewos 3:13-14

13Yesus yommus Yohannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe.

14Yohannis garuu, ?Siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?? jedhee jabeesse isa ittise.

Maatewos 28:19

19Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!

Maarqos 1:4-5

4Yohannis cuuphaan lafa onaa keessatti argamee, ?Cuuphamaa, yaada garaa geddarachuu keessan mul'isaa! Waaqayyo immoo cubbuu keessan isiniif in balleessa? jedhee labse.

5Guutummaa kutaa biyya Yihudaa keessa, mandara Yerusaalem keessa kan jiraatanis hundinuu lafa Yohannis cuuphaan jirutti ba'anii, cubbuu isaanii himachaa laga Yordaanositti of in cuuphsisu turan.

Maarqos 16:16

16Namni amane namni cuuphames in fayya; namni hin amanne garuu itti in faradama.

Luqaas 3:21

21Yeroo namoonni hundinuu cuuphamanitti, Yesusis in cuuphame; utuu inni kadhachuutti jiruus waaqni baname.

Luqaas 7:29-30

29Namoonni hundinuu kana yommuu dhaga'an, warri qaraxa fuudhan iyyuu Waaqayyoof dhugaa galchanii, cuupphaa Yohannisiin cuuphaman.

30Fariisonnii fi barsiisonni seeraa garuu, Yohannis biraa cuupphaa argachuu diduudhaan waan Waaqayyo isaaniif yaade tuffatan.