Cubbuu
30 Lakkoofsota16Afaan OromooFaarfannaa 66:18
18Ani hamaa gochuu garaa kootti utuun yaadeera ta'ee, gooftichi matumaa ana hin dhaggeeffatu ture.
Fakkeenya 6:16-19
16Waaqayyo wanta ja'a in jibba, isa torbaffaa immoo in ciigga'a;
17isaanis kanatti fufanii jiru, nama waan guddaatti of ilaalu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
18garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu, miilla waan hamaa gochuuf ariifatee fiigu,
19nama sobaan nama irratti dhugaa ba'u, isa soba gad jijjigsu, nama gargar ba'uu obboloota gidduutti facaasuu dha.
Fakkeenya 28:13
13Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata.
Fakkeenya 30:20
20Dubartii ejjituun, akka ishee nyaattee afaan ishee haxaa'attee, “Ani homaa hin balleessine” jettuu ti; karaan dubartii ejjituu kan akkasii ti.
Maatewos 18:9
9Iji kee yoo si gufachiise, of keessaa baasii gati; ija lachuu qabaattee qilillee ibiddaatti darbatamuu kee mannaa, ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya? jedhe.
Maatewos 23:25-28
25?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, isiniif wayyoo! Kubbayyaadhaa fi waciitii duuba duuba isaa in qulleessitu, garuu keessi isaanii sassataa fi of gad dhiisuudhaan guutuu dha!
26Fariisicha jaamaa nana! Duubi isaa akka qullaa'utti mee dura kubbayyicha keessa isaa qulleessi!
27?Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana isiniif wayyoo! Isin alaa gaarii akka awwaalota nooraa dibamanii ti; isaan karaa alaa ijatti mimmiidhagoo in fakkaatu, keessi isaanii garuu lafee warra du'anii fi waan xuraa'aa hundumaatiin guutuu dha.
28Isinis immoo akkasuma karaa alaa namoota biratti qajeelota fakkaattu, keessi keessan garuu of arguu dhabinaa fi irra-daddarbaan guutuu dha? jedhe.
Luqaas 12:10
10Ittiin mormee ilma namaa irratti waa kan dubbatu hundinuu, dhiifama in argata; hafuura qulqulluu salphisee kan arrabsu garuu dhiifama hin argatu.
Yohaannis 9:2-3
2Yommus bartoonni isaa, ?Barsiisaa! Namni kun cubbuu eenyuutiif jaamaa ta'ee dhalate? Isatu yakke moo yookiis abbaa isaatii fi haadha isaatu yakke?? jedhanii Yesusin gaafatan.
3Yesus immoo deebisee, ?Inni cubbuu hojjeteef yookiis abbaan isaatii fi haati isaa cubbuu hojjetaniif miti, isa fayyisuudhaan hojiin Waaqayyoo akka mul'atuuf jaamaa ta'ee dhalate malee.
Yohaannis 9:31
31Waaqayyo warra cubbamootaaf akka hin dhageenye in beekna; nama isa sodaatuuf jaalala isaas isa raawwatuuf garuu in dhaga'a.
Yohaannis 9:40-41
Yaaqoob 4:7
7Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.
Yaaqoob 4:17
17Namni wanta gaarii hojjechuu beeku, wanta gaarii sana yoo hojjechuu dhiise, cubbuu itti in ta'a.
Yaaqoob 5:19-20
1ffaa Yohaannis 2:2
2Inni furee cubbuu keenyaa ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee.
1ffaa Yohaannis 3:4
4Cubbuu kan hojjetu hundinuu seera malee in jiraata; cubbuunis seera malee jiraachuu dha.
1ffaa Yohaannis 3:7-12
7Yaa ijoollee ko, homtinuu karaa irraa isin hin kaachisin! Inni sun qajeelaa akka ta'e, namni waan qajeelaa hojjetu qajeelaa dha.
8Seexanni jalqabaa jalqabee cubbuu waan hojjeteef, namni cubbuu hojjetu kan Seexanaa ti; ilmi Waaqayyo immoo hojii Seexanaa diiguudhaaf mul'ate.
9Namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu, sanyii Waaqayyoo waan ta'eef cubbuutti qabamee hin jiraatu; mucaa Waaqayyoo waan ta'eefis cubbuutti qabamee jiraachuu hin danda'u.
10Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaallannes hundinuu, kan Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Seexanaas kanaan in beekamu.
11Ergichi isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan, ?Wal jaallachuun nuuf ta'a? isa jedhuu dha.
12Akka Qaayin ta'uun hin ta'u. Inni kan isa hamaa sanaa ture; obboleessa isaas in ajjeese. Sababii maaliitiif immoo isa ajjeese? Hojiin ofii isaa hamaa ta'ee, hojiin obboleessa isaa qajeelaa waan ta'eef isa ajjeese.