Carraa
13 Lakkoofsota5Afaan OromooErmiyaas 8:20
20Namoonni,“Yeroon makarii darbeera, ji'i bonaas dhumeera, nuyi garuu amma iyyuu rakkina keessaa hin baane” in jedhu.
Hezeqeel 3:19
19ati garuu nama jal'aa sana utuma of eeggachiiftuu, inni immoo jal'ina isaattii yookiis karaa isaa isa hamaa irraa hin deebi'u yoo ta'e, inni yakka isaatiin in du'a, ati immoo lubbuu kee in oolfatta;
Maatewos 10:14-15
14Eenyu illee yoo isin simuu dhabaate, dubbii keessanis yoo dhaga'uu dhabaate, manicha sanaa yookiis mandaricha sanaa yommuu baatan awwaara miilla keessan irraa dhadha'adhaa!
15Ani dhuguman isinitti hima, guyyaa firdiitti inni warra Sodoomii fi Gomoraatti faradamu kan warra mandara kanaa irra salphaa in ta'a? jedhe.
Maatewos 23:34-38
34?Kanaaf kunoo ani raajota, namoota ogeeyyii, barsiisotas isinittan erga; isaan keessaa kaan in ajjeeftu kaan in fanniftu, warra kaan immoo manneen sagadaa keessan keessatti in reebdu, mandaraa gara mandaraattis in ari'attu.
35Kanaanis dhiigni warra qajeelotaa inni lafatti dhangala'e hundinuu isin irratti in dhufa; kunis immoo dhiiga Abeel nama qajeelaa sanaa jalqabee, hamma dhiiga Zakaariyaas ilma Baraakiyaa, isa isin iddoo aarsaa fi balbala mana qulqullummaa gidduutti ajjeeftaniitti, isa jiruu dha.
36Ani dhuguman isinitti hima, gumaan kun hundinuu dhaloota kana irratti in dhufa? isaaniin jedhe.
37Yesus amma immoo, ?Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ishee raajota ajjeeftuu, warra sitti ergamanis dhagaadhaan rukuttuu, indaanqoon cuucota ishee qoochoo ishee jalatti akkuma walitti qabatutti, si'a meeqan ijoollee kee walitti qabuu barbaade; atii fi ijoolleen kee garuu hin barbaanne.
38Ilaa, manni keessan onee in hafa.
Luqaas 13:25-28
25Egaa abbaan manaa ka'ee balbalicha erga cufee, isin immoo ala dhaabattanii balbala rukutaa, ?Yaa gooftaa nuuf bani!? jettanii in waamtu; abbaan manichaa immoo, ?Ani isin hin beeku, lafa isin dhuftanis hin hubadhu? jedhee isiniif deebisa.
26Achumaanis, ?Sii wajjin nyaanneerra dhugneerras, karaa irrattis nu barsiifteetta? jettanii in falmattu.
27Inni garuu, ?Ani isin hin beeku, lafa isin dhuftanis ani hin hubadhu; argaa koo duraa adeemaa isin hamaa kan gootan hundinuu? isiniin jedha.
28Abrahaamii fi Yisihaqin Yaaqoobin, raajota hundumaas mootummaa Waaqayyoo keessatti akka fudhataman, ofii keessanii immoo alatti akka darbatamtan yommuu argitan, achitti boo'ichaa fi ilkaan qaruutu isin irra ga'a.