Cuunfaa Seera Yesus
11 Lakkoofsota2Afaan OromooMaarqos 12:28-34
28Barsiisota seeraa keessaa tokko yeroo isaan waliin morkatan dhaga'ee, Yesus deebii gaarii akka deebiseef yommuu arge gara isaatti dhi'aatee, ?Abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kami?? jedhee, gaaffii isa gaafate.
29Yesus deebisee, ?Inni hundumaa irra caalu, ?Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.
30Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a?!
31Inni lammaffaan immoo ?Nama, akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta'a?! isa jedhuu dha. Abboommiin isaan kana irra caalu kan biraa hin jiru? jedhe.
32Barsiisichi seeraa sun immoo, ?Ba'eessa dubbatte yaa barsiisa! ?Inni tokkicha, isa malee kan biraa hin jiru? isa jette dhugaa dubbatte.
33Isas garaa guutuudhaan, qalbii guutuudhaan, humna guutuudhaanis jaallachuun, nama akka mataa ofiitti jaallachuun, guutummaa qalma gubamuu fi aarsaa hundumaa irra guddaa in caala? jedheen.
34Ogummaadhaan akka inni deebiseef yommuu arges Yesus, ?Ati mootummaa Waaqayyoottii fagoo miti? ittiin jedhe. Kana booddees namni tokko illee gaaffii isa gaafachuudhaaf ija hin jabaanne.
Maarqos 12:41-44
41Al tokko Yesus fuullee qodaa buusii taa'ee, yeroo namoonni horii qodaa buusii sana keessa buusan in ilaala ture; namoonni warri badhaadhonni baay'een horii baay'ee keessa buusan.
42Haati hiyyeessaa tokkos dhuftee, horii sibiilaa diddiimtuu kan akka saantiima lamaa qodicha keessa buufte.
43Yommus inni bartoota isaa ofitti waamee, ?Dhuguman isinitti hima! Haati hiyyeessaa kun warra qodaa buusii sana keessa horii buusan hundumaa caalaa buufteetti.
44Isaan kun hundinuu bultoo isaanii irraa hafee kan kaa'atan keessaa qodaa buusii keessa buusan; isheen kun garuu danuu hiyyuma ishee keessaa, bultoo isheetiif waan qabdu hundumaa qodicha keessa buufte? jedhe.