Cidha Kanaa - Bishaan gara Wayiniitti

11 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Yohaannis 2:1-11

1Guyyaa sadaffaatti immoo kutaa biyya Galiilaa mandara Qaanaatti cidhi tokko ture; haati Yesus achi turte.

2Yesusii fi bartoonni isaas cidhichatti waamamanii turan.

3Daadhiin waynii duraa dhumnaan, haati isaa, ?Daadhii waynii hin qaban? jettee Yesusitti himte.

4Yesus immoo ?Haadhoo, maaliif hojii koo keessa lixa ree? Waa gochuuf yeroon koo amma illee hin geenye? jedhee deebise.

5Haati isaa yommus warra achii ergamaniin, ?Waanuma inni isinitti himu godhaa!? jetteen.

6Warri Yihudootaas seera ittiin ofii isaanii, qodaa isaaniis qulleessan qabu turan; kanaafis gaanii dhagaa ja'a, tokkon tokkon isaa akka liitrii saddeettamaa hamma dhibbaa fi digdamaatti kan fudhatu achi in dhadhaabatu.

7Yesus yommus jaraan, ?Bishaan gaanota kanatti guutaa!? jedhe; kanaaf isaan hamma afaaniitti guutan.

8Kana booddee Yesus, ?Buusaatii isa cidhicha geggeessutti geessaa!? isaaniin jedhe; isaan yommus itti geessan.

9Namichi bishaan isa daadhii ta'e sana miyeeffatee ilaale. Daadhichi eessaa akka ba'e, warra bishaan guure sanatu beeka malee namichi hin beeku ture. Yommus dhirsa misirroo ofitti waamee,

10?Silaa illee akka amala biyya kanaatti namni hundinuu daadhii waynii isa gaarii dura kennee, erga keessummoonni quufanii daadhii isa laafaa fida; ati garuu daadhii isa gaarii hamma ammaatti keesse?, ittiin jedhe.

11Yesus milikkita argisiise hundumaa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaatti hojjete, ulfina isaa mul'ise, bartoonni isaas ittumaa isatti amanan.