Cimina

13 Lakkoofsota12Afaan Oromoo

Lakkoofsa 14:24

24Garuu garbichi koo Kaaleb hafuura kan biraa waan qabuuf, inni garaa isaa guutuudhaan ana duukaa waan bu'eef, ani biyya inni dhaqee ilaale sanatti isa nan galcha; sanyiin isaas isa in dhaala.

1ffaa Seenaa Baraa 16:11

11Waaqayyoon, aangoo isaas qoradhaa! Yeroo hundumaas fuula isaa barbaaddadhaa!

Iyoob 17:9

9haa ta'u iyyuu malee, namni qajeelaan karaa isaatti in jabaata, inni harki isaa hin xuraa'inis humna dabalachaa in adeema.

Faarfannaa 37:24

24Waaqayyo harka isaa qabee waan isa eeguuf, inni yoo kufe iyyuu, lafa hin ga'u.

Fakkeenya 4:18

18Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittumaa ifaa ol adeemuu ti.

Maatewos 24:13

13Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya.

Yohaannis 6:37

37Abbaan koo anaaf kan kennu hundinuu gara koo in dhufa, isa gara koo dhufus ani of irraa hin ari'u.

Hojii Ergamootaa 13:43

43Sagada booddee immoo Yihudoonni baay'een akkasumas saba garaa garaa keessaa barsiisa Yihudootaa kan fudhatan, Phaawulosii fi Baarnaabaas duukaa bu'an. Phaawulosii fi Baarnaabaas isaan gorsanii, ayyaana isa Waaqayyo isaaniif kennetti qabamanii akka jiraatan, cimsanii isaan yaadachiisan.

Roomaa 2:6-7

6Waaqayyo nama hundumaafuu adda addaan akkuma hojii isaatti gatii in kennaaf.

7Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa, guddina, ulfina hin darbine, jireenya hin badnes Waaqayyo biraa argachuu barbaadaniif jireenya bara baraa in kennaaf.

Efesoona 6:18

18Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa!

Filiphisiyus 4:1

1Kanaafis yaa obboloota jaallatamoo ani arguu yaadu, gammachuu koo fi gonfoo ulfina koo michoota koos, gooftaatti jabaadhaa dhaabadhaa!

2ffaa Tasalonqee 3:13

13Obboloota nana, isin garuu wanta gaarii gochuutti hin laafinaa!