Muuziqaa
18 Lakkoofsota11Afaan OromooBa'uu 15:21
21Yommus Miiryaam, “Waaqayyoon faarfadhaa! Inni dhugumaan mo'eera; inni farda, abbaa fardaas galaana keessa buuseera” jettee isaaniif jalqabde.
1ffaa Seenaa Baraa 6:31-32
31Sanduuqi kakuu mana qulqullummaatti erga galee booddee, faarfannaa manicha keessatti faarfatamuuf itti gaafatamoo akka ta'aniif, namoonni Daawit mootichi hojii irra dhaabe kanatti fufanii kan jiranii dha.
32Isaan hamma bara Solomoon Yerusaalemitti mana qulqullummaa ijaareetti, akka abboommii isaaniif kennameetti balbala dunkaana wal ga'ii iddoo qulqullaa'aa duratti argamanii faarfachuudhaan isaaf in hojjetu turan.
1ffaa Seenaa Baraa 13:7-8
7Isaan sanduuqa kakuu Waaqayyoo mana Abinaadaabii fuudhanii konkolaataa haaraa tokko irra in kaa'an; Uzaanii fi Ahiiyon immoo horii konkolaaticha harkisan in oofu turan.
8Daawitii fi Israa'eloonni hundinuu immoo Waaqayyo duratti humna isaanii guutuudhaan, weedduudhaan, sagalee kiraaraatiin, maseenqoodhaan, dibbeedhaan, sibiila walitti rukutamee sagalee guddaa dhageessisuun, fiingeedhaanis of irraa bu'anii in taphatu turan.
Faarfannaa 33:2-3
Faarfannaa 49:4
4Dubbii yaada gad fagoo of keessaa qabu fudhachuudhaaf gurra koo itti nan qaba, yeroo ani kiraara rukututtis hiikaa isaa isa dhokataa nan mul'isa.
Faarfannaa 81:1-3
Faarfannaa 98:4-6
4Yaa guutummaa lafaa, Waaqayyotti gammaduu kee guddisii dhageessisi, weedduu gammachuu guddisii dhageessisi, ililleedhaanis faarfadhu!
5Sagalee kiraara guddaatiin, kiraaraa fi sagalee faarfannaatiin Waaqayyoon jajadhaa!
6Fiingee fi fiinoo afuufaa, Waaqayyo mooticha durattis gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa!
Faarfannaa 119:54
54Mana isa ani akka kara-adeemaatti itti galu keessatti, seerranni kee faarfannaa anaaf ta'e.
Fakkeenya 25:20
20nama garaan isaa gadde faarfachuun, akka waan guyyaa dhaamochaa uffata isaa isa irraa fuudhanii ti, akka waan soogidda madaatti naqanii tis.
Isaayaas 42:10
10Faarfannaa haaraadhaan Waaqayyoon faarfadhaa! Galata isaas hamma andaara lafaatti himaa! Warri galaana irra adeemtanii fi warri isa keessa jiraattan hundinuu, biyyi galaana gidduu fi warri achi keessa jiraattan hundinuu isa galateeffadhaa!
Ibraa'oota 2:12
12Inni, ?Obboloota kootti maqaa kee nan beeksisa, waldaa keessattis sin faarfadha? jedheera.