Isaayaas 42

GAZGAZAfaan Oromoo25 Keeyyattoota6:40 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:40 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo itti fufee,“Kunoo, garbichi koo inni ani ol ol qabu, inni ani fo'adhe, inni ani jaalladhu isa kana! Ani hafuura koo isaaf kenneera, inni firdii qajeelaa saba lafa irraatiif in baasa;

2inni hin iyyu, hin wacu, sagaleen isaas karaa irratti akka dhaga'amu hin godhu;

3inni jajjaba buruqfame hin cabsu, fo'aa ibsaa isa seequs hin dhaamsu; inni amanamummaadhaan firdii in kenna.

4Inni firdii qajeelaa lafa irratti hamma fidutti ittuma fufa malee, hin dadhabu, abdiis hin kutatu; warri biyya galaana gidduu keessa jiraatanis seera isaa abdiidhaan in eeggatu” jedhe.

5Waaqayyo gooftaan inni bantiiwwan waaqaa diriirse, inni biyya lafaa fi wanta isa irratti biqilu uume, inni lafa kana irratti namootaaf hafuura kenne, warra lafa irra jiraatan hundumaafis jireenya kenne,

6“Ani Waaqayyoo dha, ani qajeelummaadhaan si waameera, ani harka sin qaba, sin eegas; saba ani kakuu galeefiif, saba lafa irraatiifis ifa akka taatuuf si kenneera;

7ija warra jaamaa akka bantu, warra hidhaman akka hiiktu, warra dukkana mana hidhaa keessa jiranis akka baaftu sin godha.

8“Ani Waaqayyoo dha, maqaan koo isa kana; ani ulfina koo kan biraatiif hin kennu, maqaa koo isan ittiin galateeffamus waaqayyolii tolfamaniif hin dhiisu.

9Kunoo! Wanti dur dubbatame ta'eera, amma immoo waan haaraa isinitti nan beeksisa, utuu isaan bakkeetti hin ba'inis isinitti nan hima” jedhe.

10Faarfannaa haaraadhaan Waaqayyoon faarfadhaa! Galata isaas hamma andaara lafaatti himaa! Warri galaana irra adeemtanii fi warri isa keessa jiraattan hundinuu, biyyi galaana gidduu fi warri achi keessa jiraattan hundinuu isa galateeffadhaa!

11Lafti onaa fi mandaroonni achi keessa jiran, warri Qedaar keessa jiraatanis sagalee isaanii ol haa fudhatan! Warri mandara Selaa keessa jiraatan gammadanii haa faarfatan, warri gubbee tulluu irra jiraatanis haa ililchan!

12Isaan Waaqayyoof ulfina haa kennan, galata isaas warra biyya galaana gidduu keessa jiraatanitti haa himan!

13Waaqayyo akka loltuu jabaatti gad in ba'a, akka gootaas hinaaffaan isaa isa keessaa in dammaqa; inni dhaadannaa lolaa in dhaadata, sagalee guddaadhaanis in dubbata, aangoo isaas diinota isaatti in argisiisa.

14Yommus Waaqayyo, “Ani yeroo dheeraan calluma jedhee, gab jedhee, of qabees ture, amma garuu akka dubartii ciniinsfattuu tokkichumaan nan aada, nan argana, nan iyyas;

15ani tullootaa fi gaarota nan onsa, biqila achi irra jiru hundumaas nan gogsa; lagoota bishaan keessa yaa'anis gogsee akka biyya galaana gidduu nan godha, burqootas nan gogsa.

16Warra jaamota garuu karaa isaan hin beekne irra, daandii dur irra ba'anii hin beekne irras isaan nan geessa; dukkana ifatti isaaniif nan diddiira, iddoo jajal'aas wal nan qixxeessaaf; ani kana isaaniif nan godha, deebi'ees isaan hin gatu;

17warri waaqayyolii tolfamoo amanatanii, “Isin waaqayyolii keenya” isaaniin jedhan, deebi'anii in yeella'u.

18“Isin warri duudaan dhaga'aa! Isin warri jaamaanis argaa!

19Garbichuma koo malee jaamaan eenyu” Ergamaadhuma koo isa ani erge malee, duudaan eenyu” Akka isuma guutummaatti kan koo ta'uun isaa beekame, akka garbicha kootiis eenyutu jaamaa dha”

20Wanta baay'ee argitaniittu, garuu isa hin eegdan; gurri keessan banamaa dha, garuu wanta tokko illee hin dhageessan” jedhe.

21Waaqayyo qajeelummaa isaatiif jedhee seera isaa guddaadhaa fi ulfina-qabeessa gochuu in jaallate.

22Sabni kun garuu in saamaman, in booji'amanis; hundumti isaanii qabamanii mana hidhaa keessa in buufaman; yommuu isaan saamaman namni isaan oolchu hin turre, warra booji'eenis,“Deebisaa!” kan jedhu hin turre.

23Isin keessaa eenyutu kana dhaga'uu jaallata” Isa si'achi dhufuuf jirus eenyutu dhaga'ee qalbifata”

24Yaaqoobin eenyutu warra isa saamutti dabarsee kenne” Yookiis Israa'elin eenyutu warra aatutti dabarsee kenne” Waaqayyo isa nuyi fuula isaa duratti cubbuu hojjenne sana mitii ree” Nuyi karaa isaa irra adeemuu hin jaallanne, abboommii isaas hin eegne;

25kanaaf inni dheekkamsa isaa isa akka barbadaa ibiddaa nu irratti in dhangalaase, lola cimaas nutti in fide; inni naannessee ibidda nutti in qabsiise, nuyi garuu amma iyyuu isa hin hubanne; inni nu in gube, nuyi garuu kana garaatti hin qabanne.

Ibsa

42:1-4 Raajiin kun Kiristoos keessatti raawwatameera, Maat 12:17. Lubbuun keenya Isa irratti haa hirkattu, akkasumas Isatti haa gammannu; yoo kana taʼe, sababa Isaatiif Waaqayyo Abbaan nuun ni gammada. Hafuurri Qulqulluun dhufaatii qofa utuu hin taane, Irra bulee, daangaa malees Irra ture. Wal-mormii cubbamootaa obsaan fudhate. Mootummaan Isaa hafuuraadha; ulfina lafaatiin mulʼachuu hin turre. Warra shakkiifi sodaa irraan kan kaʼe dhiphataniif, akka qamalee cabdee, gara laafessaadha; warra akka talbaa aaruu, akka daadoo qabsiifamtee yeroo gabaabaatti dhaamuu geessee jirtuutiifis gara laafessaadha. Isaan hin tuffatu, hojii yookiin dhiphina danda’an caalus isaan irra hin buusu. Karaa dinqii hedduufi duʼaa kaʼuu Isaatiin, dhugaa amantii Isaa qulqulluu guutummaatti agarsiiseera. Humna wangeela Isaa fi ayyaana Isaatiin, bu’uura adda addaa sammuu namootaatti dhaaba, kanneen isaan ogeessotaafi qajeeloo taasisuuf gargaaran. Saboonni fagoo jiranis seera Isaa ni eegu, wangeela Isaa ni eegu, akkasumas ni simatu. Yoo waamichaafi filannoo keenya dhugoomsuuf, akkasumas Abbaan tola nuuf yaadee nuun gammaduu isaa yoo barbaanne, Kiristoosin ilaaluu, dhaggeeffachuu, amanuufi Isaaf abboomamuu qabna.

Isaayaas 42:5-12

Hojiin furamuu nama gara ajajama Waaqayyoof, Uumaa isaa ta'eef, baasuu qabutti deebisa. Kiristoos ifaa addunyaati. Akka ayyaana isaatiinis, hubannoo Seexanni jaamse ni bana, akkasumas hidhaa cubbuu irraa bilisoomsa. Gooftaan waldaa isaa deeggareera.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እነሆ ደግፌ የያዝሁት ባሪያዬ፤ ነፍሴ ደስ የተሰኘችበት ምርጤ፤ በእርሱ ላይ መንፈሴን አድርጌአለሁ፥ እርሱም ለአሕዛብ ፍርድን ያወጣል። አማርኛ ENGNIV “Here is my servant, whom I uphold, my chosen one in whom I delight; I will put my Spirit on him and he will bring just… English BCV “እንሆ፥ ደጊፈ ዝሓዝኩዎ ባርያይ፥ ኣነ ዝሓረኽዎ፥ ብእኡ ኸዓ ደስ ዝብለኒ፥ ሕሩየይ፥ መንፈሰይ ኣብ ልዕሊኡ ኣሕዲረ ኣለኹ፤ ንሱ ኸዓ ንኣህዛብ ፍትሒ ኸውፅአሎም እዩ። ትግርኛ GAZBIB Waaqayyo itti fufee,“Kunoo, garbichi koo inni ani ol ol qabu, inni ani fo'adhe, inni ani jaalladhu isa kana! Ani hafuur… Afaan Oromoo BCV GIZ ናሁ ቍልዔየ ዘአኀዝክዎ፤ ወእስራኤል ኅሩይየ ዘተወክፈቶ ነፍስየ፤ ወወሀብኩ መንፈስየ ዲቤሁ ያመጽእ ፍትሐ ለአሕዛብ። giz BCV aksum “እንሆ፥ ደጊፈ ዝሓዝኩዎ ባርያይ፥ ኣነ ዝሓረኽዎ፥ ብእኡ ኸዓ ደስ ዝብለኒ፥ ሕሩየይ፥ መንፈሰይ ኣብ ልዕሊኡ ኣሕዲረ ኣለኹ፤ ንሱ ኸዓ ንኣህዛብ ፍትሒ ኸውፅአሎም እዩ። ትግርኛ AMHNIV “ደግፌ የያዝሁት አገልጋዬ፣ በእርሱም ደስ የሚለኝ ምርጤ ይህ ነው፤ መንፈሴን በእርሱ ላይ አደርጋለሁ፤ ለአሕዛብም ፍትሕን ያመጣል። አማርኛ SWAHSUV Tazama mtumishi wangu nimtegemezaye; mteule wangu, ambaye nafsi yangu imependezwa naye; nimetia roho yangu juu yake; na… Kiswahili