Du'a Ananiyaas

12 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Hojii Ergamootaa 5:1-12

1Namichi Anaaniyaas jedhamu tokko ture; inni haadha manaa isaa Safiiraa wajjin walii galee, lafa qaban tokko gurgurate.

2Horicha irraa garuu dhokfatee, gar tokko fidee ergamootatti kenne; kanas immoo maree haadha manaa isaatiin waan godheef, isheen gaarii gootee beekti turte.

3Phexros yommus, ?Anaaniyaas, akka ati hafuura qulqulluu sobduuf, horii araddaa kee itti gurgurte keessaas akka dhokfattuuf, maaliif Seexanni yaada garaa kee keessa guute?

4Qabeenyi kee kun utuu ati hin gurgurin kan kee ture, erga gurgurtees horichi harka kee keessa jira mitii ree? Attamitti garaa kee keessatti kana malte ree? Ati namoota sobde miti, Waaqayyoon sobde malee? jedheen.

5Anaaniyaas dubbii kana yommuu dhaga'e, lafa dha'ee du'e; warri kana dhaga'an hundinuus, guddaa sodaatan.

6Dargaggoonni immoo dhufanii reeffa isaa kafananii, geessanii awwaalanis.

7Akka sa'aatii sadii kan ga'u turtee haati manaa isaa, waan abbaan manaa ishee ta'e utuu hin beekin dhufte.

8Phexros immoo, ?Araddaa keessan dhuguma hamma kanatti gurgurtanii? Anatti himi!? jedhe; isheenis, ?Eyyee, nuyi hammasumatti gurgurre? jetteen.

9Phexros garuu, ?Hafuura gooftaa qoruudhaaf, kan isin walii galtan kun maali? Warri abbaa manaa kee awwaalan kunoo, amma balbala dura jiru, sis immoo gad si baasu!? ittiin jedhe.

10Isheenis yommusuma miilla isaa jalatti lafa dhooftee duute; dargaggoonni sun ol galanii akka duute yommuu argan, gad baasanii abbaa manaa ishee bukkeetti ishee awwaalan.

11Waldaan amantootaa guutummaatti, warri kana dhaga'an hundinuus guddaa sodaatan.

12Yommus milikkinnii fi dinqiin baay'een harka ergamootaatiin saba sana gidduutti in hojjetama ture, amantoonni hundinuus gardaafoo Solomoonitti wal ga'u turan.