Mucaa Elizaabeet

10 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Luqaas 1:57-66

57Elsaabex yeroon da'umsa ishee geenyaan, ilma deesse.

58Olloonni isheetii fi firoonni ishee araara guddaa gooftaan isheedhaaf buuse yommuu dhaga'an, ishee wajjin gammadan.

59Guyyaa saddeettaffaa isaatti mucicha dhagna qabuudhaaf warri dhufan, akka maqaa abbaa isaatti Zakaariyaas jedhanii moggaasuuf turan.

60Haati isaa Elsaabex garuu, ?Waawuu, maqaan isaa Yohannis haa jedhamu malee? jettee didde.

61Isaan immoo, ?Firoota kee keessaa maqaa kanaan tokko illee hin waamamne? jedhan.

62Rakkannaanis mucicha eenyu jedhee waamuu akka fedhu abbaa isaa milikkitaan gaafatan.

63Zakaariyaasis waan irratti caafu akka isaaf kennaniif gaafatee maqaan isaa Yohannis jedhama, jedhee caafnaan, hundumti isaanii raajeffatan.

64Achumaan Zakaariyaas arrabni isaa hiikamnaan dubbachuu danda'e, hundumaa duras Waaqayyoon galateeffachuu jalqabe.

65Olloonni isaaniis hundinuu in na'an; dubbiin kun baddaa Yihudaa guutummaatti dhaga'amee, bal'aattis dubbatame.

66Warri kana dhaga'an hundinuu immoo dubbicha garaatti qabatanii, ?Mucaan kun maal ta'inna laata? Dhugumaan harki Waaqayyoo hamma ammaatti isaa wajjin ture? jechaa turan.