Du’a

25 Lakkoofsota12Afaan Oromoo

Iyoob 14:1-2

1“Nama ta'ee lafa irratti kan dhalate, barri isaa gabaabaa dha, rakkinni isaa immoo baay'ee dha;

2inni akka daraaraatti ol in ba'a, in coollagas; akka gaaddisaatti in darba, hin turus;

Iyoob 14:10-14

10namni garuu in du'a, in badas; erga hafuurri keessaa yaa'ee, egaa namni eessa jira ree”

11Akkuma kuufamni bishaanii manii isaa keessaa badu, bishaanis yaa'aa isaa keessaa yaa'ee dhumu,

12akkasuma namni in ciisa, deebi'ees hin ka'u; bantiiwwan waaqaa hamma dhabamanitti, namni hin dammaqu; yookiis hirriba isaa keessaa hin kaafamu.

13“Dheekkamsi kee hamma darbutti, iddoo lafa jalaa keessa utuu ana dhoksite, akkan hin argamnes utuu goote, yeroo muramaa laattee utuu na yaadatte, attam gaarii dha!

14Namni erga du'ee deebi'ee in jiraataa ree” Hamma inni na furu dhufutti, baran dadhabbiidhaan lafa irra jiraadhu hundumaatti isa nan eeggadha;

Iyoob 19:25-27

25Furiin koo jiraataa akka ta'e, guyyaa booddeettis lafa irratti dhugaa baasuudhaaf akka inni ka'u ani beeka.

26Gogaan dhagna kootii ana irraa qunca'ee, foonis dhagna koo irra hin jiru yoo ta'e iyyuu, ani Waaqayyoon arguuf jira.

27Ani ofii kootii isa nan arga; anumatu ija kootiin isa arga malee, kan biraa miti; ani garuu isa yaaduu irraa kan ka'e nan gaggabe.

Faarfannaa 1:6

6Waaqayyo karaa qajeelotaa duukaa bu'ee in beeka, karaan jal'ootaa garuu gara badiisaatti in geessa.

Faarfannaa 13:3

3Yaa Waaqayyo gooftaa ko na ilaali, anaaf deebisis; hirriba du'aa akkan hin rafnetti ija koo anaaf ibsi!

Faarfannaa 17:15

15Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee ilaaluufan jira, dammaqees bifa kee arguu kootti nan quufa.

Faarfannaa 28:1

1Yaa Waaqayyo, si kattaa jabaa kootti nan iyyadha, ati ana jalaa hin didin! Akka warra boollatti gad bu'anii akka ani hin taanetti, ati ana jalaa calluma hin jedhin!

Faarfannaa 28:3-5

3Warra jal'ootaa wajjin, warra hamaa godhanii wajjinis ana hin butin! Isaan garaa isaaniitti hamaa in yaadu, afaaniin immoo nagaa namatti in dubbatu.

4Ati akka hojii isaaniitti, akka gocha isaanii isa hamaatti isaaniif kenni! Akka hojii harka isaaniitti isaaniif kenni, amala isaan argisiisaniif waan ta'u isaanitti deebisi!

5Isaan gocha Waaqayyoo yookiis isa harki isaa hojjete waan hin ilaalleef, inni isaan in diiga malee, deebi'ee isaan hin ijaaru.

Faarfannaa 30:9-12

9Ani boollatti yoon gad bu'e, ati du'a koo keessaa maal argatta” Biyyoon si jajaa ree” Yookiis amanamummaa kee in himaa ree”

10Yaa Waaqayyo na dhaga'i, araaras anatti argisiisi! Yaa Waaqayyo, ati gargaaraa koo anaaf ta'i!

11Ati boo'icha koo sirbatti anaaf geddarte, uffata gaddaas ana irraa hiikte, gammachuu ana hidhachiifte.

12Lubbuun koo faarfannaadhaan akka si jajattuuf, callumas akka hin jenneef, yaa Waaqayyo gooftaa ko, ani bara baraan galata siif nan galcha!

Faarfannaa 37:16

16Qabeenya guddaa jal'oonni baay'een qaban irra, qabeenya xinnaa namni qajeelaan qabu wayya.

Faarfannaa 37:28-29

28Waaqayyo waan dhugaa ta'e in jaallata, warra isaaf of kennanis hin gatu; isaan bara baraan in eegamu, ijoolleen jal'ootaa immoo lafa irraa in balleeffamu.

29Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa'u.

Faarfannaa 68:20

20Waaqayyo keenya Waaqayyo isa fayyisuu dha, Waaqayyo gooftaan du'a jalaa baasuufis karaa qaba.