Dhiphina sammuu
13 Lakkoofsota5Afaan OromooFaarfannaa 22:1-2
Fakkeenya 24:10
10Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa.
Faaruu Bo'ichaa 3:39
39Namni utuu hin du'in sababii cubbuu isaatiif yommuu adabamu maaliif guunguma ree?
Luqaas 18:1
1Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime.
Ibraa'oota 12:1-8
1Egaa nuyi dhuga-baatota akka duumessaa lafa uffisan naannoo keenyaa qabna; kanaafis kottaa wanta ba'aa nutti ta'u hundumaa, cubbuu isa nutti qabates of irraa fuunee, dorgomee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiignaa!
2Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu. Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e.
3Isin dadhabdanii yaadni keessan akka hin laafnetti ittiin mormuu cubbamootaa isa obsaan danda'e sana yaadatti qabadhaa!
4Cubbuudhaan wal'aansoo qabuu keessan keessatti ammuma iyyuu dhiigni keessan hamma dhangala'uu ga'utti jabaattanii hin dhaabanne.
5Sagalee gorsaa isa Waaqayyo akka ilmaaniitti isinitti dubbatu irraanfattaniittuu ree? Inni, ?Ilma ko! Gooftichi si barsiisuudhaaf yommuu si adabu, salphaatti hin ilaalin; adabee yommuu si qajeelchus garaa hin kutatin!
6Gooftichi nama jaallatu barsiisuuf in adaba, nama akka ilmaatti fudhatus in reeba? in jedha.
7Isinis barsiifamuudhaaf adaba kana obsaan danda'aa! Waaqayyo wanta ilmaaniif godhamuun ta'u, isiniif in godha; ilmi abbaan isaa barsiisuuf hin adabne immoo isa kami ree?
8Adaba hundinuu barsiifamuudhaaf argatan keessaa, utuu hin argatin yoo haftan garuu, isin ilmaan abbaa hin beekamneettii dhalattan malee, dhuguma ilmaan isaa hin taatan.