Maqaa Haaraa Abraam

8 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Seensa 17:1-8

1Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii yeroo ta'etti Waaqayyo isatti mul'atee,“Ani El-Shaadaayii dha” [“El-Shaadaayi” jechuun “Waaqayyo isa hundumaa danda'u” jechuu dha];“Balleessaa kan hin qabne ta'i, fuula koo dura deddeebi'i!

2Anis kakuu koo anaa fi si gidduu nan dhaaba, hamma malees sin baay'isa!” jedheen.

3Yommus Abraam fuula isaatiin lafatti gad in gombifame; Waaqayyos isatti in dubbate;

4inni,“Kunoo, kakuun ani sii wajjin gale, ati saba sonaan baay'eedhaaf abbaa akka taatuu dha;

5maqaan kee si'achi“Abraam” hin jedhamu, ani saba sonaan baay'eedhaaf abbaa waanan si godhuuf, maqaan kee“Abrahaam” in jedhama; [“Abrahaam” jechuun “Abbaa saba baay'ee” jechuu dha].

6Ati sonaan baay'iftee akka hortu nan godha; sabni baay'een si keessaa akka argaman, mootonnis si keessaa akka ba'an nan godha;

7ani siif Waaqayyo ta'ee, si booddeedhaanis sanyii keetiif Waaqayyo ta'uufiif kakuu koo ofii koo fi si gidduutti, dhaloota si booddee jiran, sanyii isaanii hundumaa gidduuttis kakuu bara baraa godhee, cimsee nan dhaaba.

8Biyya ati amma galaa itti taate, biyya Kana'aan hundumaa siif, si booddeedhaanis sanyii keetiif, dhaala bara baraa godhee nan kenna; isaaniifis Waaqayyo nan ta'a” jedhe.