Uumama

28 Lakkoofsota25Afaan Oromoo

Seensa 1:1-2

1Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume;

2lafti bifa hin qabu, onaas ture; callabboo gad fagoo irra dukkanatu ture, hafuurri Waaqayyoos bishaan irra in sosocho'a ture.

Faarfannaa 139:13-14

13Keessa namummaa koo situ uume, gadameessa haadha koo keessatti situ na tolche;

14isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajii ti, anis kana ba'eessa godhee nan beeka.

Ibraa'oota 3:4

4Manni illee adduma addaan nama tokkoon in ijaarama; inni wanta hundumaa ijaare garuu Waaqayyoo dha.

Roomaa 1:20

20Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda'a; kanaafis waan itti qabatan hin qaban.

Ermiyaas 32:17

17“Yaa Waaqayyo gooftaa! Ati humna kee isa guddaadhaa fi irree keetiin waaqaa fi lafa uumteetta; wanti siif hin danda'amnes tokko illee hin jiru.

Roomaa 11:36

36Wanta hundumaa Waaqayyotu uume; wanti hundumtuu isaan in jiraata; wanti hundumtuu isaaf in jiraata; bara baraan isaaf galanni haa ta'u! Ameen!

Faarfannaa 121:1-2

1Iji koo gara gaarotaatti ol in ilaala, gargaarsi koo eessaa dhufa”

2Gargaarsi koo Waaqayyo biraa in dhufa; inni immoo isa bantiiwwan waaqaa, lafas uumee dha.

Efesoona 2:10

10Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne.

Isaayaas 40:28

28Ati hin beeknee ree” Hin dhageenyeesii ree” Waaqayyo, gooftaa bara baraan jiraatuu dha, inni isa guutummaa biyya lafaa uumee dha; inni hin mudhuku, hin dadhabu, hubannaa isaas namni qoree bira hin ga'u;

Faarfannaa 90:2

2Tulloonni utuu iddoo isaaniitti hin dhalatin lafti, guutummaan biyya lafaas utuu hin argamin, bara baraa jalqabee hamma bara baraatti ati Waaqayyoo dha.

Seensa 1:27

27Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume;

Roomaa 8:19

19Uumamni hundinuu, mul'achuu ijoollee Waaqayyoo dhimmanii eeggachaa jiru.

Faarfannaa 33:6

6Bantiiwwan waaqaa dubbii Waaqayyootiin, wanti bantiiwwan waaqaa keessatti argamanis hafuura afaan isaa keessaa ba'uun hojjetaman;

Amoos 9:6

6Waaqayyo gooftaan mana isaa isa gara irraa, bantiiwwan waaqaa keessatti in ijaare; bantii waaqaa isa naannoos lafa gara irraa in dhaabe; inni bishaan galaanaa waamee, irra lafaatti lolaasus maqaan isaa Waaqayyoo dha!

Faarfannaa 118:24

24Guyyaan Waaqayyo dhaabe isa kana, kottaa isatti in gammannaa, itti gammaduu keenyas in dhageessifnaa!

Seensa 1:26

26Kana booddee Waaqayyo,“Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in umnaa! Isaan qurxummii galaanaa irratti, simbiraa fi allaattii qilleensa keessa balali'an irratti, horii qe'ee irratti, bineensa lafaa hundumaa irratti, munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irrattis mootummaa haa qabaatan!” jedhe.

Seensa 2:18

18Ergasii Waaqayyo gooftaan,“Namichi kophaa isaa ta'uun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha” jedhe.

2ffaa Qorontos 5:17

17Kanaafis namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo inni haaraan dhufeera.

Mul'ata 5:13

13Wanti waaqa irratti, lafa irratti, lafa jalatti, galaana keessatti uumamee, isaan keessa jirus hundinuu, ?Hooqubaan, ulfinni, guddinni, aangoon, isa teessoo irra taa'ee jiru sanaaf, hoolichaafis baraa hamma bara baraatti haa ta'u!? jechuu isaanii nan dhaga'e.

Seensa 2:3

3Waaqayyo waan uume hundumaa raawwatee guyyaa torbaffaatti waan boqoteef, guyyaa torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses.

Yaaqoob 1:18

18Nuyi uumama isaa hundumaaf angafa akka taanuuf, inni akka jaalala isaatti dubbii dhugaatiin nu dhalche.

Faarfannaa 124:8

8Maqaa Waaqayyoo isa waaqaa fi lafa uumeen, nuyi gargaarsa arganne.

Hojii Ergamootaa 17:28

28Nuyi isatti in jiraanna, in sochoona, in argamnas; isin keessaa iyyuu warri walleen akkuma jedhan, ?Nuyi immoo sanyii isaa ti?.

Isaayaas 45:9

9Nama uumaa isaa qoccoluuf wayyoo! Inni akka suphee harka nama qodaa suphee dha'uu keessa jiruu ti; supheen dhooftuu isaatiin, “Ati maal hojjetta?” jechuu danda'aa ree” Wanti inni dha'es, “Ati harka hin toltu” ittiin jechuu danda'aa ree”

Faarfannaa 95:6

6Kottaa in sagannaa gadis in jennaa, Waaqayyo uumaa keenya durattis in jilbeenfannaa!