Utubaa Soogidda

12 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Seensa 19:15-26

15Yommuu boruun baqaqes ergamoonni sun Looxiin,“Ka'i, mandara cubbuu isheetiif adabamtu keessatti akka hin balleeffamneef, haadha manaa kee, intaloota kee warra addana jiran lamaanis fudhadhuu ba'i!” jedhanii lubbuutti qaban.

16Inni garuu qaqqabachaa ture; haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo waan isa baraareef, namoonni sun isa, haadha manaa isaa, intaloota isaa lamaanis harka qabanii baasanii mandarattii duubaan in ga'an;

17erga gad isaan baasaniis, inni tokkoo,“Lafa lubbuu kee oolfatutti baqadhu, of booddee hin mil'atin; naannoo kana keessaas iddoo tokko illee hin dhaabatin! Ati akka hin balleeffamnetti, gara roga tullootaatti ol baqadhu!” jedheen.

18Loox immoo,“Achi miti, yaa gooftaa ko!

19Kunoo, garbichi kee fuula kee duratti ayyaana argateera, lubbuu koo oolchuudhaanis gaarummaa guddaa ana argisiifteetta; garuu ani gara roga tullootaatti baqadhee jalaa ba'uu waanan hin dandeenyeef, wanti balleessu kun karaatti na qaqqaba, anis nan du'a;

20kunoo, mandarri fuullee jirtu kun itti baqachuudhaaf dhi'oo dha, xinnoo dhas, isheen xinnoo dha mitii ree” Achitti baqadhee lubbuun koo akka oolu anaaf godhi!” jedhe.

21Ergamichis,“Kunoo, ani isa kanaafis faara sitti nan tola, mandara ati waa'ee ishee dubbattu kanas gara hin galchu.

22Hamma ati achi geessutti, ani waanan ergameef sana gochuu hin danda'u; ariifadhuu achitti baqadhuu jalaa ba'i!” jedheen; mandarattiin immoo xinnoo waan taateef, maqaan ishee“Zo'aar” jedhame.

23Akkuma aduun lafa irratti baateen, Loox mandara Zo'aar in ga'e.

24Yommus Waaqayyo bantii waaqaa keessaa dhagaa boba'u, ibiddas mandaroota Sodoomii fi Gomoraa irratti gad in roobse.

25Inni mandaroota sana, guutummaa lafa naannoo sanaa, warra mandaroota sana keessa jiraatan hundumaa, wanta lafa sana irratti biqilus in barbadeesse.

26Haati manaa Loox garuu dugda isaa duubaa gara booddee ishee mil'attee, utubaa soogiddaa taate.