Ulee Gara Bofaatti Garagala
33 Lakkoofsota3Afaan OromooBa'uu 7:8-13
8Waaqayyo ammas Museedhaa fi Aaroniin,
9“Amma mootiin Gibxii,“Milikkita dhugaa keessan mul'isu argisiisaa!” yoo isiniin jedhe, yaa Musee, ati Aaroniin,“Ulee kee fuudhii mooticha dura buusi!” jedhi, ulichis bofa in ta'a” jedhe.
10Museenii fi Aaron mooticha bira dhaqanii akkuma Waaqayyo isaan abboome godhan; Aaronis mootichaa fi hojjetoota isaa duratti ulee isaa lafa buuse, ulichis bofa ta'e.
11Kana irratti mootichis beektotaa fi warra qoricha namatti godhan in waamsise; warri ayyaana hedanis ogummaa isaanii isa dhokataadhaan akkasuma godhan.
12Jarris adduma addaan ulee isaanii lafa in bubbuusan, uleewwan isaaniis bofa ta'an; uleen Aaron garuu uleewwan jaraa in lilliqimse.
13Haa ta'u iyyuu malee, mootichi akkuma mata-jabeessa ta'etti in hafe; akkuma Waaqayyo dubbatee ture isaaniif hin dhageenye.
Ba'uu 7:14-25
14Kana booddees Waaqayyo Museedhaan,“Garaan mootichaa hadoodee saba sana gad dhiisuu dide.
15Kunoo mootichi laga Abbayyaatti gad bu'a; ganamaan isa bira dhaqi, ulicha bofa ta'u sana harkatti qabadhuutii lagicha qarqaratti isa eegi!
16Yommuu isa argitu,“Waaqayyo gooftaan inni kan Ibrootaa sitti na erge:- Sabni koo gara lafa onaa dhaqee anaaf haa hojjetuu gad dhiisi! siin jedheera; ati garuu hamma ammaatti dhaga'uu in didde.
17Waaqayyo ammas:- Ani Waaqayyo akkan ta'e beekuuf jirta siin jedha; ani immoo kunoo, ulee harka koo keessa jiru kanaan bishaan laga Abbayyaa nan rukuta, bishaanichis dhiiga in ta'a;
18qurxummiin bishaanicha keessaas in duddu'u, lagichis in ajaa'a; warri Gibxii immoo bishaan lagichaa dhuguu in dadhabu” jedhiin!” jedhe.
19Waaqayyo Museedhaan,“Dhaqii Aaroniin,“Ulee kee harkatti qabadhuu, bishaan biyya Gibxii hundumaa, lagoota isaanii, yaa'ota isaanii, bishaan ciisu, kuufama bishaanii irrattis harka kee ol fudhadhu! Isaanis dhiiga haa ta'an! Guutummaa biyya Gibxiitti qodaa mukaa isaanii fi qodaa dhagaa isaanii keessa kan jiru iyyuu dhiiga haa ta'u!” jedhiin” jedhe.
20Museenii fi Aaron akkuma Waaqayyo isaan abboome godhan; Aaron ija mootichaa fi hojjetoota isaa duratti ulee isaa ol fuudhee bishaan laga Abbayyaa rukute; bishaan lagicha keessa jiru hundinuus dhiiga ta'e.
21Qurxummiin Abbayya keessa jiran in duddu'an, lagichi in ajaa'e, warri Gibxiis bishaan lagichaa dhuguu hin dandeenye; biyya Gibxii keessaa lafa dhaqan hundumaatti dhiigatu argame.
22Biyya Gibxii keessaas warri ayyaana hedan ogummaa isaanii isa dhokataadhaan, akkasuma in godhan; mootichi akkuma mata-jabeessa ta'etti hafe malee, akkuma Waaqayyo dubbatee ture isaaniif hin dhageenye.
23Yommus mootichi gara mana isaatti in deebi'e, wanti ta'e kunis garaa isaa hin rukunne.
24Warri Gibxiis bishaan laga Abbayyaa dhuguu waan hin dandeenyeef, hundumti isaanii bishaan dhugaatii baafachuudhaaf qarqara bishaan Abbayyaa irra boolla qoqqotan.
25Waaqayyo erga bishaan Abbayyaa rukutee, guyyaa torba guuteera.
Ba'uu 8:1-15
1Waaqayyo yommus Museetti dubbatee,“Gara mootichaatti ol galiitii itti dubbadhu,“Dhaqanii anaaf akka hojjetanitti saba koo gad dhiisi!
2Ati isaan gad dhiisuu yoo didde immoo, kunoo ani guutummaa biyya keetti fattee naquudhaan dha'icha itti nan fida!
3Lagni Abbayyaa fatteedhaan in guuta, isaan lagicha keessaa ol ba'anii mana keetti, diinqa keetti, siree keetti, mana hojjetoota keetti, mana saba keetti, iddoo ibiddaa keetti, qodaa bukoo keettis in nam'u;
4fatteewwan kunis sitti, saba keetti, hojjetoota keettis ol in ba'u!” jedhiin!” jedhe.
5Waaqayyo ammas Museedhaan, “ ‘Harka kee isa ulee qabu lagoota irratti, yaa'ota irratti, bishaan ciisu irrattis ol fudhadhu, fatteen guutummaa biyya Gibxii irratti akka dhufu godhi!” jedhiitii Aaronitti himi!” jedhe.
6Aaronis bishaanota biyya Gibxii irratti harka isaa ol fudhatee, fatteewwanis ol yaa'anii lafa uffisan.
7Ayyaana hedduun warra Gibxii immoo ogummaa isaanii isa dhokataadhaan akkasuma godhanii, biyya Gibxii irratti fattee in fidan.
8Mootichi yommus Musee fi Aaroniin waamsisee,“Fattee kana ana irraa, saba koo irraas akka fuudhuuf Waaqayyoon kadhadhaa! Anis sabni kun dhaqee Waaqayyoof aarsaa akka dhi'eessuuf gad nan dhiisa” jedhe.
9Museen yommus deebisee mootichaan,“Fatteen si irraa, mana kee irraas balleeffamee laga Abbayyaa duwwaatti akka hafuuf, siif, hojjetoota keef, saba keefis yoom akkan kadhadhu ati akka sitti toletti anatti himi!” jedhe.
10Inni immoo deebisee,“Bor” jedhe; Museenis,“Kan akka Waaqayyo gooftaa keenyaa tokko illee akka hin jirre ati akka beektuuf, akkuma ati jettetti haa ta'u!
11Fatteen si irraa, manneetii kee irraa, hojjetoota kee irraa, saba kee irraas fuudhamee laga Abbayyaa duwwaatti in hafa” jedhe.
12Musee fi Aaron egaa mooticha biraa gad in ba'an; Museen waa'ee fattee isa inni mooticha irratti fide sanaaf gara Waaqayyootti in iyye.
13Waaqayyo akkuma Museen kadhate in godhe; fatteen manneen keessaa, oobdii keessaa, bakkee keessaas in duddu'an.
14Yommus namoonnis tuullaa tuullaatti walitti in qaban; kanaafis biyyichi in ajaa'e.
15Mootichi garuu amma akka hafuura fudhate yommuu arge, deebisee garaa isaa in jabeesse; akkuma Waaqayyo dubbatee ture, Musee fi Aaroniif hin dhageenye.