Miila Yesus Dhiqachuu

27 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Luqaas 7:36-50

36Fariisota keessaa tokko nyaataaf isa waamnaan, Yesus mana Fariisichaatti galee maaddiitti dhi'aate.

37Mandara sanas dubartiin cubbamtuun tokko turte; Yesus mana Fariisichaa maaddiitti dhi'aatee akka jiru yommuu dhageesse, urgooftuu dibataa shurrubbeetti fudhatee dhufte.

38Achumaanis boo'aa gara miilla isaa jalaa dhaabatee, imimmaan isheetiin miilla isaa jiisaa, rifeensa mataa isheetiinis haxaa'uu jalqabde; kana booddees miilla isaa in dhungatti, urgooftuus in dibdi turte.

39Fariisichi isa waame sun kana yommuu arge, ?Namni kun dhugumaan raajii utuu ta'ee, isheen miilla isaa qaqqabdu kun dubartii attamii akka taate in beeka ture; isheenoo cubbamtuu dha? jedhee garaa isaatti yaade.

40Yesus immoo deebiseefii, ?Yaa Simoon waanan sitti himu qaba? jennaan, inni immoo, ?Maal inni? Yaa barsiisaa? jedhe.

41?Namni tokko jara lama irraa horii qaba ture, isa duraa irra birrii dhibba shan, isa lammaffaa irra immoo birrii shantamatu ture.

42Isaan lachuu waan baasaniif dhabnaan akkasumatti dhiiseef; jara lamaan sana keessaa kamtu abbaa horii kana caalaa jaallata?? jedhe.

43Simoon yommus deebiseefii, ?Namicha isa birriin dhibbi shan dhiifameeftu caalaa jaallata anatti fakkaata? jedhe. Yesus immoo, ?Dhugaa dubbatte?;

44gara dubartittiitti argisiise immoo Simooniin, ?Dubartii kana argitaa? Ani mana keen dhufe bishaan miillaa illee anaaf hin fichisiifne; isheen garuu, imimmaan isheetiin miilla koo jiiftee, rifeensa mataa isheetiinis haxoofte.

45Ati yommuu na simatte ana hin dhunganne, isheen garuu, erga asitti na argitee jalqabdee, miilla koo dhungachuu hin dhaabne.

46Ati mataa koo homaa hin dibne, isheen garuu, urgooftuu gati-jabeessa miilla koo dibde.

47Kanaafis sittan hima, jaalalli ishee inni guddaan kun, cubbuun ishee inni baay'een akka dhiifameef mul'isa; xinnoon kan dhiifamuuf garuu, jaalala xinnoo argisiisa? jedhe.

48Yommusuma dubartittiidhaan, ?Cubbuun kee siif dhiifameera? jedhe.

49Isaa wajjin maaddiitti dhi'aatanii kan turan guungumuu jalqabanii, ?Cubbuu namaa iyyuu kan dhiisuuf kun eenyu?? jedhan.

50Kana booddee Yesus dubartittiidhaan, ?Amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi!? jedhe.

Luqaas 8:4-15

4Namoonni yommus mandara garaa garaatii gara Yesusitti in yaa'u turan. Tuuti gobbuun yeroo walitti qabametti, Yesus fakkeenya kana itti hime;

5?Namichi tokko sanyii facaafachuudhaaf ba'e; utuu facaasuus kaan karaa bukkee bu'anii, achitti namni irra ejjete; simbirroonnis funaananii nyaatan.

6Kaan immoo lafa dhagaa qabu irra bu'an; erga biqilaniis biyyoon isaa jiidha waan hin qabneef gogan.

7Sanyii faca'e keessaa kaan qoraattii keessa bu'an; qoraattichis wajjin biqilee isaan hudhe.

8Kaan garuu biyyoo gaarii keessa bu'an; biqilanii, guddataniis tokkon tokkon isaanii dachaa dhibba ija godhatan? jedhe. Yesus sagalee isaa ol fuudhee, ?Gurra ittiin dhaga'u kan qabu haa dhaggeeffatu!? jedheen.

9Ergasii bartoonni isaa, ?Hiikaan fakkeenya kanaa maali?? jedhanii Yesusin gaafatan.

10Yesus deebisee, ?Dhoksaa mootummaa Waaqayyoo beekuun isiniif kennameera; warra kaaniif garuu, utuma ilaalanii akka hin arginetti, utuma dhaga'anii akka hin hubannetti, fakkeenyaan in kennama? isaaniin jedhe.

11?Hiikaan fakkeenya namicha sanyii facaasuu isa kana; sanyichi dubbii Waaqayyoo ti.

12Karaa bukkeen, fakkeenya warra dubbii Waaqayyoo dhaga'anii, yommusumas Seexanni dhufee akka isaan amananii ittiin hin fayyineef, dubbicha garaa isaanii keessaa butatuu ti.

13Lafti dhagaa, fakkeenya warra dubbicha dhaga'anii gammachuudhaan fudhatanii ti; garuu hidda gad fagoo waan hin qabaanneef, yeroodhaaf in amanu; yommuu qoramni dhufuttis irraa kufu.

14Lafti qoraattii, fakkeenya warra dubbicha dhaga'anii, yaaddoon, soorumnii fi qannoon jireenyaa dacha'anii isaan huunaan, ija utuu hin godhatin hudhaatti hafanii ti.

15Lafti gaariin, fakkeenya warra dubbicha dhaga'anii, garaa gaariidhaa fi abboomamaadhaan fudhatanii, rakkina hundumaa obsanii ija godhatanii ti? jedhe.