Mucaa Seexanaan Qabame

19 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Maarqos 9:14-29

14Isaan gara bartoota warra kaanii yommuu dhufan, namoonni baay'een isaanitti naanna'anii, barsiisonni seeraa tokkos isaanitti utuu falmanii argan.

15Namoonni hundinuu akkuma Yesusin arganiin raajeffatanii, gara isaatti fiiganii nagaa gaafatan.

16Inni immoo, ?Maal isaanitti falmitu?? jedhee isaan gaafate.

17Yommus tuuta sana keessaa namni tokko deebiseefii, ?Barsiisaa! Ilma koo isa hafuura didaadhaan qabame gara keetti fideera.

18Hafuurichis iddoodhuma isa qabutti lafaan isa dha'a; gurbichi immoo hoomacha afaaniin in yaasa, ilkaan in qara dhagni isaas qaratti in goga. Ani illee akka isaan hafuuricha baasaniif bartoota kee gaafadheera; isaan garuu isa baasuu hin dandeenye? jedhe.

19Yesus deebisee, ?Isin yaa dhaloota hin amannee nana, hamma yoomiittan isin bira jiraadha? Hamma yoomiittis ba'aa anatti taatu? Gara kootti isa fidaa!? isaaniin jedhe.

20Yommus isaan gurbicha gara Yesusitti fidan. Hafuurichi immoo Yesusin yommuu arge, gurbicha wixxifachiisee lafaan dha'ee, gangalachiisees hoomacha afaaniin baase.

21Yesus, ?Kun isa qabuun isaa erga yoomiitii?? jedhee abbaa gurbichaa gaafate. Inni immoo deebisee, ?Mucummaa isaatii jalqabe.

22Yeroo baay'ees isa balleessuudhaaf jedhee ibidda keessa, bishaan keessas buuseera; garuu waan tokko gochuu yoo dandeesse, nuuf oo'ii nu gargaari!? jedhe.

23Yommus Yesus, ?Yoo dandeesse jettee? Nama amanuuf wanti hundinuu in danda'ama? jedheen.

24Achumaan abbaan mucichaa sagalee isaa ol fudhatee, ?Nan amana, amanti-dhabina kootti na gargaari!? jedheen.

25Yesus immoo namoonni akka itti dacha'an argee, hafuuricha hamaa sana ifatee, ?Ati hafuura didaadhaa fi dudaa nana! Sin abbooma, isa keessaa ba'i deebites itti hin galin!? ittiin jedhe.

26Hafuurichi mucicha iyyisiisee baay'ees erga wixxifachiisee booddee keessaa in ba'e; yommus gurbichi akka waan du'ee taanaan, namoonni baay'een ?Du'eera? jedhan.

27Yesus garuu harka gurbichaa qabee lafaa ol isa kaase, innis in ka'e.

28Yesus erga manatti ol galee booddee, bartoonni isaa kophaatti, ?Nuyi maaliif hafuuricha hamaa sana baasuu hin dandeenye?? jedhanii isa gaafatan.

29Inni immoo deebisee, ?Inni akkasii kun kadhataan, [soomuudhaanis] malee, waan biraatiin baafamuu hin danda'u? isaaniin jedhe.

Maarqos 9:30-32

30Ergasii isaan achii adeemanii kutaa biyya Galiilaa keessa darban; Yesus immoo namni tokko illee kana akka beeku hin barbaanne.

31Inni, ?Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee in kennama, isaan isa in ajjeesu; inni garuu ajjeefamee guyyaa sadii booddee in ka'a? jedhee bartoota isaa barsiisaa ture.

32Bartoonni garuu dubbii isaa hin hubanne, isa gaafachuus in sodaatan.