Dubartoonni Foon Dibachuuf Dhufan

7 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Maatewos 28:1-7

1Sanbanni erga darbee, jalqaba torbaniitti barii [gaafa Sanbata guddaa], Maariyaam isheen Magdalaa fi Maariyaam isheen kaan awwaalicha ilaaluu dhaqan.

2Kunoo, ergamaan gooftichaa waaqa irraa gad bu'ee, dhufee dhagicha balbala awwaalichaa irraa gara galche waan irra taa'eef, socho'i lafaa guddaan isaa ta'e.

3Bifni isaa akka bakakkaa, uffanni isaas akka cabbii adii ture.

4Warri eegdonni awwaalichaa isa sodaachuu irraa kan ka'e rom'anii, akka waan du'anii ta'an.

5Ergamaan sun garuu warra dubartootaan, ?Isin Yesusin isa fannifamee ture akka barbaaddan anuu beeka. Hin sodaatinaa!

6Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa kaa'amee ture iyyuu ilaalaa!

7Ammas dafaa dhaqaa bartoota isaatti, ?Inni du'aa ka'eera, kunoos inni isin dura Galiilaa in dhaqa, achitti isa in argitu? jedhaatii himaa! Kunoo ani isinitti himeera? jedhe.