Dubartii Abbaan manaa irraa du’ee cimtuu

14 Lakkoofsota2Afaan Oromoo

Luqaas 18:1-8

1Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime.

2?Abbaan firdii Waaqayyoon hin sodaanne, namas hin safeeffanne tokko, mandara tokko keessa ture.

3Mandarichuma sana keessaa immoo haati hiyyeessaa tokko yeroo yerootti deddeebitee, ?Anaa fi isa anatti falmu gidduutti firdii qajeelaa anaaf kenni!? jettee, itti boossi turte.

4Inni immoo ishee jalaa didee lafa irra duraa harkise; booddee garuu innumtuu, ?Waaqayyoon yoon sodaachuu dhabaadhe, namas yoon safeeffachuu dhabaadhe,

5haati hiyyeessaa kun waan na dadhabsiiftuuf firdii kennuufii anaaf wayya, kanaa achi dhuftee ana nuffisiifti? jedhee ofitti dubbate? jedhe.

6Gooftaan kana irratti, ?Dhaggeeffadhaa, waan abbaan firdii jal'aan kun jedhu!

7Waaqayyo immoo warra isaaf fo'amanii, guyyaa fi halkan gara isaatti iyyaniif dhugaa isaanii hin baasufii ree? Yookiis lafa irra duraa harkisaa ree?

8Ani isinittan hima, dafee dhugaa in baasaaf; haa ta'u iyyuu malee, ilmi namaa yommuu dhufu amantii lafa irratti argata laataa?? jedhe.

Luqaas 18:9-14

9Yesus namoota warra ofii qajeelummaatti jiraanna jedhanii, of amanatanii, warra kaan hundumaa immoo tuffatanitti, fakkeenya kana dubbate.

10?Jarreen lama kadhachuudhaaf mana qulqullummaatti ol galan; isaan Fariisicha tokkoo fi, namicha qaraxa fuudhu tokko turan.

11Fariisichi fuula dura dhaabatee garaa isaa keessatti, ?Yaa Waaqayyo, akka namoota warra kaanii, warra saamtuu, jal'oota, ejjitoota yookiis akka qaraxxuu kanaa iyyuu waanan hin ta'iniif sin galateeffadha.

12Torban keessaa guyyaa lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko nan baasa? jedhee kadhate.

13Inni qaraxa fuudhu sun garuu, achi fagaatee dhaabatee, ija isaan illee gara waaqaatti ol hin ilaalle; qoma isaa rukutachaa, ?Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami!? in jedha ture malee.

14Egaa isa Fariisicha sana irra namichi qaraxa fuudhu kun Waaqayyo duratti qajeelaa ta'ee, gara mana isaatti akka deebi'e, isinittan hima; kan ol of qabu hundinuu gad in deebifama, kan gad of deebisu immoo ol in qabama? jedhe.