Dhugaa
25 Lakkoofsota7Afaan OromooYohaannis 4:23-24
Yohaannis 14:5-6
1ffaa Qorontos 2:13
13Kanaafis nuyi dubbii hafuuraa warra hafuuricha argataniif waan hiiknuuf, isa dubbannu barsiisa hafuurichaatiin malee, barsiisa ogummaa namaatiin hin dubbannu.
2ffaa Qorontos 11:1-6
1Gowwummaa koo isa xinnaa akka anaaf dandeessan nan hawwa; eyyee, anaaf in dandeessu.
2Ani akka durba amanamtutti Kristos abbaa manaa tokkichatti isin heerumsiifachuudhaaf, isin kaadhimachiisee waanan tureef, akkuma Waaqayyo hinaafu, anis isiniif nan hinaafa.
3Akkuma bofni haxxummaadhaan Hewwaanin gowwoomsite, yaadni keessanis immoo karaa irraa kaatee, Kristos isa garaa qulqulluudhaan of kennitaniif sana irraa gara galtu jedhee sodaadheera.
4Namni tokko dhufee, isa nuyi isinitti lallabne malee, Yesus isa kan biraa yoo isinitti lallabe yookiis isa kanaan dura fudhattan malee, hafuura kan biraa yoo fudhattan yookiis isa kanaan dura simattan malee, wangeela kan biraa yoo simattan, calluma jettanii in dandeessu jechuu dha.
5Ani karaa tokko illee ergamoota warra hundumaa irra caalan kanaa gaditti waanan ilaalamu anatti hin fakkaatu.
6Dubbii nama dhageessisuutti bartuu yoon ta'e iyyuu, beekumsatti bartuu miti; nuyis kun karaa adda addaatiin, waan hundumaattis isin biratti akka beekamu gooneerra.
Efesoona 5:8-9
Efesoona 6:10-18
10Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aango-qabeessaattis jabaadhaa.
11Haxxumaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!
12Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aansoo wal qabna.
13Kanaaf guyyaa hamaa sanatti mormitanii ittiin qabuu, mi'a guutummaatti hidhatan sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo fudhadhaa!
14Egaa akka nama sabbataan hidhatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa!
15Akka nama kophee kaa'ateettis wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa'aa!
16Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa, warra boba'aa adeeman dhaamsuu in dandeessu.
17Fayyina akka gonfoo-sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura qulqulluu biraa fudhadhaa!
18Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa!
Ibraa'oota 6:1-3
1Kanaafis kottaa dubbii waa'ee Kristos isa gara jalqabaa dubbachuu dhiifne, gara barsiisa isa warra ga'aniif kennamuutti in darbina. Nuyi waa'ee hojii gara du'aatti geessu irraa yaada garaa geddarachuu, waa'ee Waaqayyotti amanuus deebinee hundee barsiisichaa kaa'uuf miti.
2Barsiisa waa'ee cuupphaa, waa'ee harka mataa namaa irra kaa'uu, waa'ee ka'uu warra du'anii, waa'ee firdii bara baraa keessa hin deebinu.
3Yoo Waaqayyo jedhes, nuyi isa kaanitti darbuuf jirra.