Itti Gaafatamummaa

20 Lakkoofsota8Afaan Oromoo

Keessa Deebii 6:6-9

6Dubbiin ani har'a si abboomu kunis garaa kee keessa haa taa'u!

7Isas keessa deddeebi'ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waa'ee isaa dubbadhu!

8Ati akka milikkitaatti harka kee irratti isa hidhadhu! Ija kee durattis kan rarra'u haa ta'u!

9Michichila balbala mana keetii fi karra keetii irratti isa caafi!

Fakkeenya 22:6

6Akka itti jiraachuun ta'u mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu.

Maatewos 5:13-16

13Yesus itti fufee, ?Isin soogidda lafaa ti, soogiddi garuu miyaa yoo of keessaa dhabe maaliin deebi'ee miyeeffama ree? Gad baafamee gatamee namni irra ejjetee balleessa malee, homaa tokkoofuu waa'ee hin baasu.

14Isin ifa biyya lafaa ti, mandarri tulluu gubbaatti ijaarame dhokachuu hin danda'u.

15Homtinuu ibsaa qabsiisee guuboo jala hin kaa'u, baattuu ibsaa irra kaa'a malee; ibsichis mana keessa kan jiran hundumaaf in ibsa.

16Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!? jedheen.

Maatewos 10:42

42Dhuguman isinitti hima, eenyu illee isaan xixinnayyoo kana keessaa isa tokkoof, waan inni bartuu koo ta'eef, bishaan qabbanaa'aa willee tokko illee yoo kenne, gatii isaa hin dhabu? jedhe.

Maatewos 25:35-40

35Beela'een ture, nyaata anaaf kennitaniittu; dheebodheen ture, dheebuu na baaftaniittu; orman ture, akka nama keessaniitti na simtaniittu.

36Qullaa koo ta'een ture, daara na baaftaniittu; dhukkubsadheen ture, na gaafattaniittu; hidhameen ture gara koo dhuftaniittu? jedhe.

37?Ergasii warri qajeelonni deebisanii, ?Gooftaa! Yoom beela'uu kee arginee, nyaata siif kennine? Yookiis yoom dheebochuu kee arginee, dheebuu si baafne?

38Yoom orma ta'uu kee arginee, akka nama keenyaatti si simne? Yookiis yoom qullaa ta'uu kee arginee, daara si baafne?

39Yoom dhukkubsachuu kee yookiis hidhamuu kee arginee, gara kee dhufne?? jedhaniin.

40Mootichi immoo deebisee, ?Ani dhuguman isinitti hima, obboloota koo warra hundumaa irra gad deebi'an kana keessaa isa tokkoof hammi isin gootan, anaaf gootan? isaaniin jedhe.

Maarqos 16:15

15Inni, ?Gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa! Uumama hundumaattis wangeela lallabaa!

Luqaas 3:10-11

10Kana irratti jarreen sun, ?Egaa maal goonu ree?? jedhanii Yohannisin gaafatan.

11Inni immoo, ?Uffata lama kan qabu kan hin qabneef haa kennu; nyaata kan qabu warra dhabaniin haa ga'u!? jedhee deebiseef.

1ffaa Ximotewos 5:8

8Namni tokko akkasitti fira isaatiif, caalaadhumatti immoo warra mana isaatiif yoo yaaduu dhabaate, inni amanticha ganuu isaa ti, nama hin amanin caalaas hammaachuu isaa ti.