Mata Duree Macaafa Qulqulluu: Gibxii Ba’uuf Qophaa’i

10 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Ba'uu 12:33-42

33Warri Gibxi,“Nu hundumti keenya in dhumna” waan jedhaniif, jara biyya sana keessaa baasuudhaaf jabeessanii itti ariifatan.

34Kanaaf jarri bukoo utuu raacitiin itti hin nam'in fudhatanii, qodaa bukoo isaaniis wayyaa isaaniitiin hidhanii gatiittii isaanii irra kaa'atan.

35Israa'eloonni akka Museen isaanitti hime in godhan; mi'a meetii fi warqee irraa hojjetaman, uffatas warra Gibxii irraa argachuuf in gaafatatan.

36Waaqayyo wanta jarri gaafatan akka isaan kennaniifitti, jarri warra Gibxii duratti faara tolaadhaan akka ilaalaman in godhe; akkasitti jarri warra Gibxii irraa guuratanii in ba'an.

37Israa'eloonni Raamsesii ka'anii hamma Suukootitti in adeeman; isaan dubartootaa fi ijoollee malee, lafoon akka namoota kumaatama dhibba ja'aa turan.

38Tuuti saba garaa garaa isaanii wajjin in ba'an, horiin qe'ee, bushaayeen, saawwanis sonaan baay'eetu isaan duukaa ba'e.

39Isaan bukoo isa biyya Gibxii fudhatanii ba'an isa raacitii hin qabne sana irraa maxinoo in tolfatan; yeroo Gibxii keessaa ba'an oofamanii waan ba'aniif, bukichi raacitii hin qabu ture; isaan turanii karaadhaaf galaa qopheeffachuu hin dandeenye.

40Barri Israa'eloonni biyya Gibxii keessa jiraatan, waggaa dhibba afurii fi soddoma ture.

41Dhuma waggaa dhibba afurii fi soddomaa sanatti, guyyaadhuma sana macci Waaqayyoo hundinuu biyya Gibxii keessaa in ba'an.

42Waaqayyo biyya Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf dammaqee halkan sana waan isaan eegeef, halkan kun dhaloota Israa'elootaa hundumaa keessatti halkan itti Waaqayyoof ulfina kennuudhaaf dammaqaan eeganii dha.