Mudaa kan hin qabne
8 Lakkoofsota7Afaan OromooKeessa Deebii 18:13
13Kanaaf ati Waaqayyo gooftaa kee duratti mudaa kan hin qabne ta'i!
1ffaa Mootota 8:61
61Isin sabni isaa akkuma har'a hojjechaa jirtan kana akka seerrata isaatti jiraachuudhaaf, abboommii isaas eeguudhaaf Waaqayyo gooftaa keenya duratti garaan keessan tokko haa ta'u!” jedhe.
Iyoob 9:20-21
Faarfannaa 18:32
32Waaqayyo kun, isa mudhii koo humnaan hidhachiisee isa karaan koo mudaa akka hin qabaanne godhee dha;
Faarfannaa 106:3
3Warri wanta qajeelaa ta'e eegan, warri yeroo hundumaa qajeelummaadhaan hojjetanis haa gammadan!
Fakkeenya 2:21
21Warri gara-qajeelonni biyya keessa in jiraatu, namoonni balleessaa hin qabnes isa keessatti in hafu.
Maatewos 19:21
21Kana booddee Yesus deebisee, ?Raawwatee guutuu ta'uu yoo feete, dhaqi qabeenya kee gurguri, warra deegaadhaaf kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta! Kottuutii ana duukaa bu'i!? jedheen.