Isaayaas 46

GAZGAZAfaan Oromoo13 Keeyyattoota3:19 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:19 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyolii tolfamoonni warra Baabilon, “Beel” inni jedhamu in qoomma'a, “Neboon” inni jedhamu immoo in gugguufa; isaan horii fe'umsaa fi horii qe'ee warra kaanitti in fe'aman; horii itti fe'aman sanas in dadhabsiisan.

2Waaqayyolii tolfamoonni sun in gugguufu, walii wajjinis in qoomma'u, fakkeenya isaanii isa baatamu sana oolchuu hin danda'an, ofii isaaniitii iyyuu booji'amanii in adeemu.

3Waaqayyo,“Isin yaa mana Yaaqoob, sanyii Israa'el keessaa warri haftan na dhaggeeffadhaa! Garaa haadha keessanii keessatti anatu isin eege, dhalachuu keessanii jalqabees anatu isin baate;

4yommuu isin dulloomtanii harrii baaftanis anumatu isin baata, dur anatu hojjete, anatu baates, ammas anatu baata, anatu fayyisas.

5“Eenyutti na fakkeessitu, eenyuu wajjinis wal nu qixxeessitu” Yookiis eenyuu wajjin wal fakkaannaa”

6Namoonni warri warqee korojoo isaanii keessaa baasanii, meetiis madaalii irra kaa'an, nama warqee tumu itti qacaratanii, Waaqayyo tolfamaa in hojjechiifatu, jilbeenfataniis isatti in sagadu;

7ol fuudhanii gatiittii irratti isa in baatu, geessaniis iddoo isaaf qophaa'e in kaa'u; inni achuma ijaajja malee, iddoo isaatii hin socho'u; rakkina keessattis tokko illee nama gargaaruu hin danda'u; namni yommuu isatti iyyatu, isa biraa deebii tokko illee hin argatu.

8“Isin warra irra-daddarbituu nana, kana yaadadhaa, garaattis qabadhaa!

9Wanta dur ture yaadadhaa; ani Waaqayyoo dha, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru, kan akka kootiis hin jiru;

10ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin ta'in jiru dubbadheera; akeeki koo dhaabataa in ta'a, wantan yaades nan raawwadha.

11Joobira biyya ba'a-biiftuutii, nama akeeka koo fiixaan baasus biyya fagoodhaa nan waama; wantan dubbadhe iddoodhaan nan ga'a, akeeka koos nan raawwadha.

12Isin warri mata-jabeeyyiin, warri qajeelummaattii fagaattan, na dhaggeeffadhaa!

13Ani qajeelummaa koo isinitti nan dhi'eessa, innis fagoo hin jiru; fayyisuun koos hin turu; ani Xiyooniif fayyina, Israa'eliifis ulfina nan kenna.

Ibsa

46:1-4

Warri saba Waaqayyoo hin beekne Yihudoota arrabsan, akka waan waaqoliin isaanii Beelii fi Naaboo Yihowaa irra jabaatanitti. Haa ta'u malee, waaqeffattoonni isaanii isaan gargaaruu hin danda'an; waaqoliinis ta'an waaqeffattoonni isaanii boojuutti fudhatamaniiru. Saba Waaqayyoo kana lamaanittii hin sodaatin. Wanti namoonni cubbamoon nagaa fi gammachuu irraa eeggatan, du'aatii fi ibidda jalaa isaan oolchuu akka hin dandeenye argama.

Waaqayyo dhugaan waaqeffattoota isaa gonkumaa hin gatu. Seenaan jireenya nama amanaa hunda, fakkeenya gabaabaa seenaa Israa'elii ti. Jireenyi keenya inni hafuuraa ayyaana isaatiin utubamaa jira, akkuma jireenyi keenya inni uumamaa gaggeessaa isaan yeroo hundumaa jiraatu. Waaqayyo isaan gonkumaa hin gatu. Inni Jalqabduu fi Xumurtuu nagaa isaanii ta'a, yommuu dullooman, akkuma daa'imummaatti gargaarsa barbaadan sana, gargaarsa guddaa barbaadanittillee. Abdii kun Israa'elitti, saba ta'ee dadhabaa fi dullomaa turetti kenname, duuka bu'aa Kiristoos isa dullomaa hundaaf ni hojjeta. Yommuu dadhabbiin isin marfatu, fi yeroo namoonni naannoo jiran isinitti dadhabuu jalqabanillee, Anuma isa akkan ta'u waade sanaa fi isa isin akkan ta'u barbaaddan sana nan ta'a.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ቤል ተዋረደ፥ ናባው ተሰባበረ፤ ጣዖቶቻቸው በእንስሳና በከብት ላይ ተጭነዋል፤ ሸክሞቻችሁ ለደካማ እንስሳ ከባድ ጭነት ሆነዋል። አማርኛ ENGNIV Bel bows down, Nebo stoops low; their idols are borne by beasts of burden. The images that are carried about are burden… English BCV “ቤል ተዋረደ፤ ናባው ተሰባበረ፤ ጣዖታቶምውን ኣብ እንስሳን ከፍትን ተፅዓኑ። ነቲ ድኹም እንስሳ ኸቢድ ፆር ኮንዎ። ትግርኛ GAZBIB Waaqayyolii tolfamoonni warra Baabilon, “Beel” inni jedhamu in qoomma'a, “Neboon” inni jedhamu immoo in gugguufa; isaan… Afaan Oromoo BCV GIZ ወድቀ ቤል ወተቀጥቀጠ ዳጎን፤ ወኮነ ግልፎሆሙ ከመ እንስሳ አንሥእዎሙ እስመ እሱራን እሙንቱ ከመ ጾረ ኵስሕ። giz BCV aksum “ቤል ተዋረደ፤ ናባው ተሰባበረ፤ ጣዖታቶምውን ኣብ እንስሳን ከፍትን ተፅዓኑ። ነቲ ድኹም እንስሳ ኸቢድ ፆር ኮንዎ። ትግርኛ AMHNIV ቤል ተዋረደ፤ ናባው እጅግ ዝቅ አለ፤ ጣዖቶቻቸው በአጋሰስ ተጭነዋል፤ ይዘዋቸው የሚዞሩት ምስሎች ሸክም ናቸው፤ ለደከሙ እንስሳት ከባድ ጭነት ናቸው። አማርኛ SWAHSUV Beli anaanguka chini, Nebo anainama; sanamu zao ziko juu ya wanyama, na juu ya ng'ombe; vitu vile mlivyokuwa mkivichuku… Kiswahili