Materialism
28 Lakkoofsota25Afaan Oromoo1ffaa Ximotewos 6:7-8
Lallaba 5:10
10Namni horii jaallatu horii hin quufu, namni badhaadhummaa jaallatus isa hin quufu; kunis wanta waa'ee hin baafne dha;
Maatewos 6:19-20
19Yesus ammoo, ?Badhaadhummaa ofii keessaniif lafa irratti iddoo bilii fi daana'oon nyaatutti, hattuunis cabsitee iddoo hattutti, walitti hin qabatinaa!
20Garuu badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti iddoo biliin yookiis daana'oon hin nyaannetti, hattuunis cabsitee iddoo hin hannetti walitti qabadhaa!
Ibraa'oota 13:5
5Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin ta'in, wanta argattaniin ?Nu ga'a? jedhaa! Waaqayyo, ?Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!? jedheera.
Maarqos 8:36
36Namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree?
Luqaas 12:15
15Kanatti fufee hunduma isaaniitiin, ?Ilaaladhaa, sassata hundumaattiis of eeggadhaa! Jireenyi eenyuu illee baay'ina qabeenya isaa irra hin dhaabatu? jedhe.
2ffaa Qorontos 4:18
18Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla malee, gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu; wanti ijaan argamu yeroodhumaaf ta'a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti.
1ffaa Ximotewos 6:9
9Warri sooromuu barbaadan immoo qoramatti, kiyyootti, kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baay'ee keessattis in kufu; kajeellaawwan kunis balleeffamuu fi baduu keessa isaan in buusu.
Fakkeenya 15:16
16qabeenya guddaa waca qabu irra, qabeenya muraasa Waaqayyoon sodaachuudhaan itti jiraatan wayya.
Fakkeenya 16:16
16Warqee argachuu irra ogummaa argachuun, meetii fo'achuu irra hubannaa fo'achuun maal maal gaarii dha!
Lallaba 5:15
15Qullaa isaa garaa haadha isaa keessaa akkuma ba'e, akkasuma qullaa isaa biyyootti in deebi'a; wanta itti dadhabe keessaa tokko illee harkatti qabatee hin deebi'u.
1ffaa Ximotewos 6:17
17Warri amma biyya lafaa kanatti sooressota ta'an waan guddaa akka of hin seene, abdii isaaniis sooruma isa hin amansiifne irra akka hin kaa'anne isaan hubachiisi! Abdii isaanii Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay'isee nuuf kennu irra haa kaa'atan!
Qolosaayis 3:5
5Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu halalummaa fi xuraa'ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa'amus, of keessaa ajjeesaa.
Maatewos 19:21
21Kana booddee Yesus deebisee, ?Raawwatee guutuu ta'uu yoo feete, dhaqi qabeenya kee gurguri, warra deegaadhaaf kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta! Kottuutii ana duukaa bu'i!? jedheen.
1ffaa Ximotewos 2:9-10
9Warri dubartii immoo amalli isaan argisiisan mataa tolfachuutti warqeedhaa fi callee naqachuutti, uffata gati-jabeessa uffachuutti, keessa ba'uudhaan of kuuluu utuu hin ta'in, uffata qajeelaa fakkaatu akka ta'utti uffachuudhaan maal naan jedhudhaan, of qabuudhaanis haa ta'u!
10Dubartoota Waaqayyoof in saganna jedhaniif akka ta'uttis, wanta gaarii haa argisiisan.
Maatewos 6:21
21Garaan kee lafa badhaadhummaan kee jirutti hidhama? jedhe.
Maatewos 16:26
26Namni biyya lafaa guutummaatti yoo buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree? Yookiis namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda'a ree?
1ffaa Ximotewos 6:6
6Nama Waaqayyoo ta'uun, nama wanta qabuun of danda'ee jiraatu biratti bu'aa guddaa qaba.
Fakkeenya 30:8
8Dubbii waa'ee hin baafnee fi dubbii sobaa anattii fageessi, soora har'aa-borii anaaf kenni malee, na hin badhaasin, na hin deegsinis!
Fakkeenya 22:1
1Badhaadhummaa guddaa irra, maqaa gaarii wayya; meetii yookiis warqee irra, faara tolaadhaan ilaalamuu wayya.
Fakkeenya 11:4
4Guyyaa dheekkamsaatti soorumni homaa waa'ee hin baasu, qajeelummaan garuu du'a nama oolcha;
Fakkeenya 21:26
26Inni ittuu caalchisee argachuuf guyyaa guutuu in kajeela, namni qajeelaan immoo harka keessa utuu hin qabatin in kennaaf.
Fakkeenya 23:5
5Soorumni akka wanta baallee qabuutti, akka joobiraattis qilleensa keessa balali'ee, hamma liphsuu ijaatti ija namaa duraa in sokka.
Hojii Ergamootaa 4:32
32Namoonni amanan hundinuu, warra garaa tokkoo fi yaada tokkoo turan. Isaan keessaa tokko illee qabeenya ofii qaba tureen kan koo ti hin jenne; qabeenyi isaanii hundinuu kan walii isaanii ture.
Fakkeenya 18:11
11Qabeenyi warra sooreyyii isaaniif mandara da'oo qabuu dha, akka dallaa dhedheeroottis isa in lakkaa'u;