Museen nama Gibxii ajjeese
52 Lakkoofsota6Afaan OromooBa'uu 2:11-12
11Museen nama ga'aa erga ta'ee, gaaf tokko gara sanyii isaatti gad ba'ee hojii isa ba'aa ulfaataa isaanitti ta'e sana in ilaale; namni Gibxii tokko Ibroota sanyii isaa keessaa isa tokko utuu rukutuu arge.
12Inni asii fi achi ilaalee nama biraa tokko illee yeroo dhabetti, namicha Gibxii sana ajjeesee reeffa isaa cirracha jala dhokse.
Ba'uu 2:13-15
13Guyyaa itti aanuttis yeroo gad ba'e, Ibroonni lama utuu wal lolanii arge; inni namicha isa balleesseen,“Ati maaliif Ibricha akkaa keetti rukutta?” jedhe.
14Namichi immoo deebisee,“Ati eegduudhaa fi abbaa firdii akka taatuuf eenyutu nu irra si kaa'e” Yookiis akkuma namicha Gibxii sana ajjeefte anas ajjeesuu yaaddee?” jedhe; yommus Museen in sodaate; itti yaadees,“Dubbichi beekamuun isaa dhuguma!” jedhe.
15Mootichi yommuu waa'ee isaa dhaga'e immoo Musee ajjeesuu barbaade; Museen garuu isa jalaa gara biyya Miidiyaanitti baqate; achi yommuu ga'e boolla bishaanii tokko bukkee in taa'e.
Ba'uu 2:16-22
16Lubni Miidiyaan tokko ijoollee durbaa torba qaba ture; isaan gara boolla bishaanichaa dhufanii, bushaayee abbaa isaanii obaasuudhaaf bishaan buduqsanii bidiruutti guutan.
17Tiksoonni biraa immoo dhufanii irraa isaan in ari'atan; Museen garuu achii ka'ee durboota sana gargaaree bushaayee isaanii in obaaseef.
18Durboonni kun gara abbaa isaanii Reu'ela isa Yetroo jedhamu, yommuu dhufan, inni immoo,“Har'a maalittuu akkas daftanii deebitan?” jedhe.
19Isaan immoo,“Nama Gibxii tokkotu tiksoota nu irraa dhowwe, bishaan iyyuu nuuf buduqsee bushaayee nuuf obaase” jedhan.
20Inni immoo durboota isaatiin,“Amma namichi eessa jira ree” Maaliif isa dhiiftanii dhuftan” Waamaa buddeena haa nyaatu!” jedhe.
21Akkasitti Museen namicha bira jiraachuu in jaallate; namichis intala isaa Siiforaa Museef in kenne.
22Isheen ilma deesse; Museen immoo,“Ani biyya ormaatti galaa ta'eera” jedhe, maqaa isaa Gershoomitti moggaase [“Gershoom” jechuun “Galaa” jechuu dha].
Ba'uu 2:23
23Bara baay'ee booddee mootiin biyya Gibxii in du'e; namoonni Israa'el immoo garbummaa isaanii keessatti aadanii gargaarsaaf in iyyatan; inni isaan garbummaa keessaa iyyatanis gara Waaqayyootti ol ba'e.
Ba'uu 3:1-22
1Museen bushaayee Yetroo abbiyyuu isaa luba Miidiyaan in tiksa ture; gaaf tokko bushaayee lafa onaa keessa dabarsee gara Horeeb tulluu Waaqayyoo isa Siinaa jedhamu dhufe.
2Achitti ergamaan Waaqayyoo arraba ibiddaa isa huuxxii qoraattii tokko keessaa boba'u keessatti Museetti mul'ate; Museenis gara huuxxii qoraattichaa ilaalee, kunoo, huuxxicha irratti ibiddi in argama ture, garuu hin gubanne.
3Yommus Museen,“Wanta guddaa mul'atu kana itti goree nan ilaala; huuxxiin qoraattii kun maaliif hin gubanne laata?” jedhe.
4Waaqayyo gooftaan immoo Museen kana ilaaluudhaaf akka itti gore argee, huuxxicha qoraattii keessaa,“Musee! Musee!” jedhee waame; Museen immoo,“Kunoo asan jira” jedhe.
5Ammas Waaqayyo,“As hin dhi'aatin! Iddoon ati irra dhaabattee jirtu lafa qulqullaa'aa waan ta'eef, kophee miilla keetii baafadhu!” jedhe.
6Itti fufees,“Ani Waaqayyo isa kan abboota keetii ti, Waaqayyo isa kan Abrahaam, Waaqayyo isa kan Yisihaq, Waaqayyo isa kan Yaaqoobis” ittiin jedhe; kana irraa kan ka'e Museen gara Waaqayyoo ilaaluu sodaatee fuula isaa in dhokfate.
7Yommus Waaqayyo,“Gad qabamuu saba koo warra Gibxi jiranii argeera; isa isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa ba'uudhaaf iyyatanis dhaga'eera; dhiphina isaaniis ani beeka;
8ani harka warra Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf gad bu'eera; biyya sana keessaa gara biyya gaariitti, biyya bal'aatti, biyya aannanii fi damma baasutti, lafa Kana'aanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa, Yibusootaattis ol isaan nan baasa.
9Amma kunoo, iyyanni Israa'elootaa na bira ga'eera; akka warri Gibxii itti isaan cunqursanis argeera.
10Ani mootii Gibxiitti sin erga, dhaqi, saba koo Israa'elin biyya Gibxiitii baasi!” jedhe.
11Museen immoo Waaqayyoon,“Gara mootii Gibxii dhaqee, saba Israa'el biyya Gibxiitii kanan baasu ani eenyu?” jedhe.
12Waaqayyo immoo Museedhaan,“Ani sii wajjin nan ta'a; ati saba sana biyya Gibxiitii yommuu baaftu, tuulu kana irratti Waaqayyoof sagaduuf jirtu; si erguu kootiifis kun milikkita siif in ta'a” jedhe.
13Museen yommus Waaqayyoon,“Ani saba Israa'el bira dhaqee,“Waaqayyo isa kan abboota keessaniitu isinitti ana erge” yommuun isaaniin jedhu, isaan immoo “Maqaan isaa eenyu?” jedhanii na gaafatu; ani immoo maal isaaniin jedhu ree?” jedhe.
14Waaqayyo deebisee Museedhaan,“Ani“Isa jiraataa dha” ati immoo saba Israa'eliin,“Inni jiraataan isinitti na ergeera” in jetta.
15Bara hundumaa maqaan koo isa kana, dhaloota hundumaa keessattis kanumaan nan yaadatama” jedhe; Waaqayyo ammas Museedhaan,“Saba Israa'eliin,“Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii, Waaqayyo inni kan Abrahaam, Waaqayyo inni kan Yisihaq, Waaqayyo inni kan Yaaqoobis isinitti na ergeera” jedhi!”
16Akkasumas dhaqii, maanguddoota Israa'el walitti qabi, isaaniin,“Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii, Waaqayyo inni kan Abrahaam, inni kan Yisihaq, inni kan Yaaqoobis anatti mul'ate; anatti dubbatee,“Ani wanta biyya Gibxiitti isin irratti hojjetame ilaalee argeera;
17ani gad qabamuu biyya Gibxiitti isin irra ga'e keessaa isin baasee, gara biyya aannanii fi damma baasutti, biyya Kana'aanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa, Yibusootaattis ol isin baasuudhaaf murtoo godheera naan jedhe” jedhii isaanitti himi!
18Maanguddoonni Israa'el dubbii kee in dhaga'u; isinis immoo walii wajjin mootii Gibxii bira dhaqxanii mootichaan,“Waaqayyo gooftaan warra Ibrootaa nutti mul'ateera, egaa karaa guyyaa sadii lafa onaa keessa adeemnee, Waaqayyo keenya gooftichaaf aarsaa in dhi'eessina!” in jettu.
19“Mootiin Gibxii irree jabaadhaan yoo giddisiifame malee, adeemuudhaaf akka inni gad isin hin dhiifne ani beeka.
20Ani garuu harka koo ol nan fudhadha, dinqii ani achi keessatti hojjedhu hundumaanis warra Gibxii nan dha'a; mootichi kana irratti gad isin in dhiisa.
21Sabni kun warra Gibxii duratti faara tolaadhaan akka ilaalamu nan godha; yommuu baatan harka duwwaa hin adeemtan.
22Dubartiin adduma addaan dubartii Gibxii ishee ollaa ishee irraa, ishee mana ishee jirtu irraas, mi'a meetii, mi'a warqee, uffatas gaafattee in fudhatti; mi'ichas ilmaan keessanii fi intaloota keessanitti in naqxu, uffatichas itti in uffiftu; akkasitti isin warra Gibxii harka-qullaa in hambiftu” jedhi!” jedhe.
Ba'uu 4:1-17
1Yommus Museen deebisee,“Kunoo sabni Israa'el,“Waaqayyo sitti hin mul'anne” naan jedhanii, ana hin amanan, dubbii koos hin dhaga'an ta'a” jedhe.
2Kana irratti Waaqayyo,“Maal inni harka kee keessaa?” jedheen; inni immoo,“Ulee dha” jedhe.
3Gooftaan immoo,“Ulicha lafa buusi!” jedheen; innis lafa buufnaan, ulichi bofa ta'e; Museenis irraa in baqate.
4Waaqayyo garuu Museedhaan,“Harka kee hiixadhuu eegee isaa qabi!” jedhe; Museenis hiixatee qabe; inni yommus harka isaa keessatti deebi'ee ulee ta'e.
5Egaa,“Kanaan ani Waaqayyo gooftaan inni kan abboota isaanii, Waaqayyo inni kan Abrahaam, Waaqayyo inni kan Yisihaq, Waaqayyo inni kan Yaaqoob akka sitti mul'ate in amanu” jedhe.
6Itti dabalees Waaqayyo,“Harka kee dachaasaa wayyaa keetii keessa kaa'i!” jedheen; innis harka isaa dachaasaa wayyaa isaatii keessa in kaa'e; yeroo inni harka isaa gad baase immoo, kunoo, harki isaa lamxi'amee adii akka boralee ta'e.
7Ammoo Waaqayyo,“Harka kee deebisii dachaasaa wayyaa keetii keessa kaa'i!” jedhe; innis harka isaa deebisee dachaasaa wayyaa isaatii keessa kaa'e; yeroo inni achi keessaa baase immoo, kunoo, akka isaa duraatti deebi'eefii gogaa isaa isa kaan fakkaate.
8Yommus Waaqayyo,“Isaan yoo si amanuu dhabaatan, milikkita isa duraa kanaanis tole yoo jechuu dhabaatan, milikkita isa booddee kanaan in amanu;
9isaan milikkita kana lamaan iyyuu yoo amanuu dhabaatan, dubbii kees yoo dhaga'uu dhabaatan immoo bishaan laga Abbayyaatii buduqsii, lafa gogaa irratti dhangalaasi! Bishaan inni ati laga Abbayyaatii buduqsitu sun lafa gogaa sana irratti dhiiga in ta'a” jedheen.
10Museen garuu Waaqayyoon,“Yaa gooftaa ko, ani duris nama arraba qajeeluu miti, erga ati ana garbicha keetti dubbattee jalqabes ani nama akkasii hin taane; ani afaan koo hidhamaa dha, arrabni koos anatti in ulfaata” jedhe.
11Yommus Waaqayyo immoo,“Afaan namaa eenyutu uume” Eenyutu didaa yookiis duudaa, kan argu yookiis jaamaa isa godha” Ana Waaqayyo mitii ree”
12Kanaaf amma ati dhaqi, ani immoo akka ati dubbattuuf sin gargaara! Waan ati dubbattus sin barsiisa!” jedheen.
13Inni garuu,“Yaa gooftaa ko, hadaraa nama biraa utuu ergitee in wayya” jedhe.
14Yommus dheekkamsi Waaqayyoo Musee irratti in boba'e; Museedhaan,“Obbooleessi kee Aaron, sanyiin Lewwii jira mitii” Inni ba'eessa godhee akka dubbatu ani beeka; kunoo, inni si simachuudhaaf in ba'a, yommuu si argus garaa isaatti in gammada.
15Ati isatti in dubbatta, dubbicha afaan isaa keessa in keessa; ani immoo akka ati dubbattuuf, akka inni dubbatuufis nan gargaara; wanta hojjettanis ani isin nan barsiisa.
16Inni waan ati dubbachuuf jettu namootatti siif in dubbata; inni afaan siif in ta'a, ati immoo ana Waaqayyoof afaan taatee isatti kan dubbattu in taata.
17Ati ulee ittiin milikkita argisiiftu kana of harkatti in qabatta” jedhe.