Musee bakka bu'aa

10 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Keessa Deebii 31:14-23

14Waaqayyo yommus Museedhaan,“Kunoo guyyaan ati itti duutu dhi'aateera, Iyaasuu waamii isaa wajjin gara godoo itti wal ga'aniitti dhi'aadhaa! Ani isatti hojii nan kenna” jedhe; Museenii fi Iyaasuun gara godoo itti wal ga'aniitti in dhi'aatan.

15Waaqayyo immoo godicha biratti utubaa duumessaa keessaan in mul'ate, utubaan duumessaas balbala godichaa irra in dhaabate.

16Waaqayyo itti fufee Museedhaan “Kunoo, ati in duuta, abboota kee birattis in sassaabamta; jarri kun garuu dhaqanii waaqayyolii ormaa kan warra biyya itti galuuf jiranii sana duukaa in bu'u, ana immoo in irraanfatu, kakuu ani isaanii wajjin gale kanas in cabsu.

17Yeroo sanatti immoo aariin koo isaan irratti in boba'a, ani isaan nan dhiisa, fuula koo isaan duraa nan dhoksa, isaan in dhumu, wanti hamaan baay'eenii fi rakkinni isaanitti in dhufa, guyyaa sanattis,“Wanti hamaan kun Waaqayyo keenya nu gidduu waan hin jirreef nutti dhufe mitii ree?” in jedhu.

18Ani guyyaa sanatti isaan gara waaqayyolii biraatti gara galuudhaan wanta hamaa waan hojjetaniif, fuula koo raawwadhee isaan duraa nan dhoksa.

19“Ammas faarfannaa kana caafadhuutii akka isaan faarfataniif Israa'eloota barsiisi! Innis isaan irratti anaaf dhugaa in ba'a.

20Yeroo ani biyya aannanii fi damma baasutti, isan abboota isaaniif kennuuf kakadhe sanatti isaan galchu, isaan immoo achitti nyaatanii quufanii, gabbataniis gara waaqayyolii biraatti gara galanii isaaniif in hojjetu, ana immoo in tuffatu, kakuu koos in cabsu.

21Yeroo wanti hamaan baay'eenii fi rakkinni isaanitti dhufu, faarfannaan kun ijoolleen isaanii waan isa hin irraanfanneef isaanitti dhugaa in ba'a; biyya ani isaaniif kennuuf kakadheefitti utuma hin galin iyyuu har'uma garaa isaanii keessatti maal akka isaan yaadaa jiran ani beeka” jedhe.

22Museen yommusuma faarfannaa sana caafee Israa'eloota in barsiise.

23Waaqayyo yommus,“Cimi, ija jabaadhu! Ati ijoollee Israa'el biyya ani isaaniif kennuuf kakadhetti in galchita, anis sii wajjin nan ta'a” jedhee Iyaasuu ilma Nun in abboome.