Mata Duree Macaafa Qulqulluu: Yesus Yerusaalemitti Dursee Dubbateera
21 Lakkoofsota2Afaan OromooMaarqos 10:32-45
32Isaan gara Yerusaalem dhaquudhaaf karaa irra yommuu bu'an, Yesus isaan dura in adeema ture. Bartoonni na'anii dinqifachaa, warri isaan duukaa bu'anis sodaachaa in adeemu turan. Inni immoo warra kudha lamaan ammas kophaatti fuudhee, waan isatti dhufuudhaaf jiru isaanitti himutti ka'e,
33?Kunoo gara Yerusaalemitti ol ba'uu keenya! Ilmi namaa luboota warra angafootaatti, barsiisota seeraattis dabarfamee in kennama; isaan immoo yakka du'aa itti muranii, saba Waaqayyoo warra hin ta'initti dabarsanii isa in kennu;
34jarri itti in gai'su, itti in tufu, in reebu, in ajjeesus; inni immoo guyyaa sadii booddee du'aa in ka'a? jedhe.
35Yaaqoobii fi Yohannis ilmaan Zabdewos gara Yesusitti dhi'aatanii, ?Barsiisaa! Waan nuyi si kadhannu akka nuuf gootu in barbaanna? jedhaniin.
36Inni immoo, ?Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?? isaaniin jedhe.
37Yommus isaan deebisanii, ?Ulfina keetti abbaan tokko gara mirga kee inni kaan immoo gara bitaa kee akka teenyu nuuf kenni!? jedhaniin.
38Yesus garuu, ?Waan kadhattan hin beektan! Xoofoo dhiphinaa ani keessaa dhuguuf jedhu keessaa dhuguu in dandeessuu? Cuupphaa ani ittiin cuuphamuuf jedhus cuuphamuu in dandeessuu?? isaaniin jedhe.
39Isaan immoo, ?In dandeenya? jedhaniin. Yesus garuu, ?Xoofoo ani keessaa dhuguuf jedhu keessaa dhuguuf jirtu, cuupphaa ani ittiin cuuphamus cuuphamuuf jirtu.
40Mirga koo yookiis bitaa koo taa'uu garuu kennuun kan koo miti; taa'umsi sun warra kanaan dura qopheeffameefiif ta'a? isaaniin jedhe.
41Bartoonni warri kaan kurnan yommuu kana dhaga'an, Yaaqoobii fi Yohannisitti aaruutti ka'an.
42Yesus yommus gara isaatti isaan waamee, ?Warri saba biyya lafa kanaa abboomuutti beekaman, gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu in beektu; gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti argisiisu.
43Isin gidduutti garuu akkas hin ta'u; eenyu illee isin keessatti guddaa ta'uu kan barbaadu, hojjetaa keessan ta'uutu isa irra jira.
44Eenyu illee isin keessaa dura ta'uu kan barbaadu, hundumaaf garbicha ta'uutu isa irra jira.
45Ilmi namaa hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi lubbuu isaa furii namoota baay'eetiif kennuuf dhufe malee? jedhe.
Maarqos 10:46-52
46Ergasii isaan Yerikoo dhufan. Yeroo Yesus bartoota isaatii fi tuuta sonaan baay'ee wajjin Yerikoodhaa ba'ee adeemuuf jedhetti, Barxiimewos ilmi Ximeewos, namichi jaamaan tokko, karaa bukkee taa'ee in kadhata ture.
47Yesus nama biyya Naazireet ta'uu isaa yommuu dhaga'e, iyyee, ?Yesus! Ilma Daawit na maari!? jedhe.
48Namoonni baay'een calluma jechisiisuudhaaf isa ifatan; inni garuu ittuma caalchisee iyyee, ?Ilma Daawit, na maari!? jedhe.
49Yesus yommus dhaabatee, ?Waamaa!? jedhe. Isaan immoo namicha jaamaa sana waamanii, ?Jabaadhu, ka'i! Si waama!? jedhaniin.
50Kanaaf inni wayyaa isaa of irraa darbatee, utaalee ka'ee, gara Yesus dhufe.
51Yesusis, ?Maal akkan siif godhu barbaadda?? jedheen. Namichi inni jaamaan immoo deebisee, ?Agartuu koo akka anaaf deebiftu, yaa barsiisaa!? jedheen.
52Yesus immoo, ?Karaa kee dhaqi, amantiin kee si fayyiseera!? jedhe. Achumaanis agartuun isaa deebi'eefii, karaattis isa duukaa bu'e.