Israaʼeloota wajjin wal dura dhaabbachuu

17 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Ba'uu 32:19-35

19Museen buufatichatti yommuu dhi'aate dibicha sana, sirba sanas argee aaree boba'ee, gabatoota dhagaa sana harka isaa keessaa darbatee tulluu sana jalatti caccabse;

20dibicha isaan tolfatan sanas fuudhee ibiddaan gubee, bulleessee daakee, bishaan irra firfirsee, bishaanicha immoo Israa'eloonni akka dhugan in godhe.

21Museen yommus Aaroniin,“Sabni kun maal si goonaan cubbuu guddaa akkasii isaan irratti fidde?” jedhe.

22Aaron immoo deebisee Museedhaan,“Ati gooftaan koo aartee hin boba'in, sabni kun hammeenyatti qabamee akka jiru ati iyyuu beekta;

23isaan,“Musee isa biyya Gibxii nu baase kanatti maal akka itti dhufe hin beeknu, kanaaf waaqayyolii nu dura adeeman nuuf tolchi!” naan jedhan;

24ani kana irratti,“Warri warqee qaban of irraa haa ciran!” ittiin jennaan, isaan anatti kennan; ani immoo warqee sana ibidda keessa nan buuse, innis dibicha ta'ee ba'e” jedhe.

25Museen yommus sabni kun gad-dhiisatti akka jiraatan, Aaronis kanatti akka gad isaan dhiise, diinota isaanii birattis muka ga'oo akka ta'an in arge.

26Inni balbala buufatichaa keessa dhaabatee,“Mee warri kan Waaqayyoo taatan as gara koo kottaa!” jedhe; ilmaan Lewwootaas hundinuu gara isaatti walitti qabaman.

27Inni isaaniin,“Waaqayyo gooftaan Israa'el,“Tokkon tokkon keessan billaa keessan hidhadhaatii iddoo buufataa keessa balbala isa tokkoo jalqabdanii hamma balbala isa kaaniitti achi adeemaa, as deebi'aas! Adduma addaan, obboloota keessan, firoota keessan, olloota keessanis ajjeesaa!” isiniin jedheera” jedhe.

28Ilmaan Lewwootaa akkuma Museen dubbate in godhan; guyyaa sanatti akka namoota kuma sadiitu dhume.

29Kana irratti Museen,“Tokkon tokkon keessan ilmaan keessanii fi obboloota keessan irratti waan kaataniif, har'a Waaqayyo biraa eebba akka argattaniif, isin har'a hojii Waaqayyoof of kennaa!” jedhe.

30Borumtaas Museen saba sanaan,“Isin cubbuu guddaa hojjettaniittu, kanaaf ani tulluu irratti gara Waaqayyootti ol nan ba'a, cubbuu keessaniifis tarii nan araarsa” jedhe.

31Museen gara gooftichaatti deebi'ee,“Amma sabni kun cubbuu guddaa hojjeteera, warqee irraas Waaqayyo tolfamaa godhateera.

32Ammas fedha kee yoo ta'e maaloo cubbuu isaanii dhiisiif! Yoo dhiisuufii dhabaatte immoo macaafa kee isa keessatti na caafte sana keessaa ana balleessi!” jedhe.

33Waaqayyo deebisee Museedhaan,“Isa na duratti cubbuu hojjete duwwaa macaafa koo keessaa nan balleessa;

34amma dhaqii saba sana iddoo ani sitti hime sanatti geessi! Kunoo ergamaan koo si dura in adeema; yeroon isaan adabu yommuu ga'u cubbuu isaaniitiif jedhee isaan nan adaba” jedhe.

35Dibicha isa Aaron tolche waan dhaabbataniif, Waaqayyo dha'icha isaanitti fide.