Lubbuu

19 Lakkoofsota13Afaan Oromoo

Seensa 2:7

7Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolche, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate; akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta'e.

Lewwoota 7:21

21Namni xuraa'ummaa namaa yookiis kan horii qe'ee, kan munyuuqaa, waanuma xuraa'aa ta'e keessaa tokkumatti iyyuu bu'ee, foon aarsaa qalma araaraa ana Waaqayyoof dhi'aatu irraa nyaatu hundinuu saba isaa keessaa baafamee haa balleeffamu!” jedhe.

Iyoob 33:27-30

27Namoota warra kaan duratti faarfatee, “Ani cubbuu hojjedheera, qajeelummaas micciireera, Waaqayyo garuu akkasitti anaaf hin deebifne;

28inni lubbuu koo gara boollaa dhaquu oolcheera, jireenyi koos ifa in arga” in jedha.

29“Kunoo, Waaqayyo irra deddeebisee, kana hundumaa namaaf in godha.

30Ifni jireenyaa isa irratti akka ibsuuf, lubbuu namaa deebisee boolla keessaa in baasa.

Faarfannaa 6:3-4

3Lubbuun koos immoo baay'ee raafameera, ati garuu yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti turta?

4Yaa Waaqayyo, deebi'i, jireenya koos anaaf oolchi, gaarummaa keef jedhiitii na gargaari!

Faarfannaa 17:13

13Yaa Waaqayyo, ka'iitii nama jal'aadhaan mormuudhaaf dura dhaabadhu, inni gugguufee harka isaa akka kennus godhi! Billaa keetiin isa harkaa ana baasi.

Faarfannaa 26:9

9Lubbuu koo kan warra cubbamootaa wajjin hin fuudhin, warra dhiiga namaa dhangalaasanii wajjinis jireenya koo hin balleessin!

Faarfannaa 40:14

14Warri jireenya koo butachuu barbaadan, guutummaatti haa yeella'an, haa qaana'anis; warri hamaan ana argachuutti gammadan, gara booddee deebi'anii haa salphifaman!

Faarfannaa 56:13

13Fuula kee dura, yaa Waaqayyo, ifa jireenyaa keessas akka ani deddeebi'utti, ati lubbuu koo du'a, miilla koos gufuu oolchiteetta.

Faarfannaa 97:10

10Isin warri Waaqayyoon jaallattan wanta hamaa jibbaa! Inni lubbuu warra isaaf of kennanii in eega, harka jal'ootaas isaan in oolcha.

Faarfannaa 116:6-8

6Waaqayyo warra garraamota in eega, yeroo ani mataa buusetti inni na gargaare.

7Waaqayyo wanta gaarii waan siif godheef, yaa lubbuu ko, aara-galfannaa keetti deebi'i!

8Ati immoo yaa gooftaa, lubbuu koo du'a, ija koo imimmaan, miilla koos gufachuu oolchiteetta.

Hezeqeel 18:4

4kunoo, lubbuun hundinuu kan koo ti, lubbuun abbaa akkuma kan koo ta'e, lubbuun ilmaas kan koo ti; lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa du'u!” jedheera.

Hezeqeel 18:27

27Namni jal'aan immoo jal'ina hojjete sana irraa deebi'ee, wanta dhugaa fi qajeelaa yoo hojjete, jireenya isaa in oolfata.

Maatewos 10:28

28Warra foon namaa ajjeesanii lubbuu garuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa! Kanaa mannaa isa lubbuu fi foon qilillee keessatti balleessuu danda'u sodaadhaa!