Liqii
12 Lakkoofsota12Afaan OromooRoomaa 13:8
8Wal jaallachuu irraa kan hafe gatii wal dubbifattan hin qabaatinaa! Namni nama jaallatu waan seerri isa irraa barbaadu raawwachuu isaa ti.
Faarfannaa 37:21
21Namni jal'aan in liqeeffata, danda'ee hin baasus; namni qajeelaan immoo arjaa dha, waan kennus qaba.
Luqaas 6:30
30Abbuma si kadhateef kenni, qabeenya kee isa si duraa fudhates, naa deebisi jettee, hin gaafatin!
Roomaa 13:7
7Egaa hundumaaf waan isaan isin irraa argachuuf malan, baasaaf; isa gibirri isaaf ta'uuf gibira, isa qaraxi isaaf ta'uuf qaraxa, isa sodaatamuun isaaf ta'uuf sodaatamuu, isa ulfinni isaaf ta'uuf ulfina kennaaf!
Luqaas 14:28
28?Isin keessaa namni mana dhagaa ijaaruu barbaadu, duraan dursee horii ittiin mana kana ijaaree raawwatu qaba yoo ta'eef, taa'ee kan hin shallagne eenyu?
Keessa Deebii 15:6
6Waaqayyo gooftaan kee akkuma si abdachiisetti si eebbisuuf jira; ati saba baay'eedhaaf in liqeessita, ofii garuu hin liqeeffattu; ati saba baay'ee irratti in moota, isaan garuu si irratti hin mo'an.
Fakkeenya 13:11
11Badhaadhumni karaa malee argamu irraa hir'achaa in adeema, namni itti dadhabee wal irra buusaa adeemu garuu in baay'ifata.
Ibraa'oota 13:5
5Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin ta'in, wanta argattaniin ?Nu ga'a? jedhaa! Waaqayyo, ?Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!? jedheera.
Fakkeenya 22:7
7Sooressi hiyyeessa in bulcha, inni liqeeffatus abbaa liqiitiif hojjetaa dha.
Maatewos 6:12
12Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi!
Fakkeenya 3:27
27Gochuudhaaf utuu dandeessuu, warra wanta gaarii argachuun ta'uuf duraa hin hambisin!
Maatewos 6:24
24Yesus itti fufee, ?Eenyu illee gooftolii lamaaf hojjechuu hin danda'u, isa tokko jibbee isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee; isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan.