Zakaariyaas 10

GAZGAZAfaan Oromoo12 Keeyyattoota3:29 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:29 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Bokkaa ji'a birraa akka isiniif kennuuf Waaqayyoon kadhadhaa! Isatu duumessa bokkaa qabuu fi bokkaa tiifuu namootaaf ergee, wanta hundumaaf, lafti biqiltuu biqilchee akka lalisu godhe.

2Waaqayyoliin tolfamoon maatii wanta waa'ee hin baafne in dubbatu, warri hooda himanis mul'ata sobaa in argu, abjuu sobaas in himu; isaan akkasumaan nama in jajjabeessu; kanaaf sabni tiksee waan hin qabneef, akka hoolotaa in jooru, in rakkatus.

3Waaqayyo,“Aariin koo tiksoota irratti in boba'a, warra dura-buutotas nan adaba; ani Waaqayyo gooftaan maccaa hoolota koo namoota Yihudaatiif nan dhimma, akka farda lolaas isaan nan jabeessa;

4sanyii Yihudaa keessaa dhagaan golee, qofoon dunkaanaa, iddaan lolaa fi warri biyya bulchan hundinuu in ba'u.

5Isaan walii wajjin akka jagnoota jajjaboo, warra yeroo lolaa diinota isaanii dhoqqee karaa keessaa irratti lafatti dhidhiitanii in ta'u; Waaqayyo isaanii wajjin waan jiruuf, isaan lola keessatti abootii fardeenii in yeellaasisu.

6“Ani namoota Yihudaa nan jabeessa, namoota Yoseefis nan fayyisa; ani waanan isaaniif oo'uuf, akka isaanii duriitti isaan nan deebisa; ani Waaqayyo isaanii waanan ta'eef, kadhata isaanii isaaniif nan dhaga'a, akka waanan takkaa isaan hin tufatiniis in ta'u;

7namoonni Efreemis akka jagnoota warra jajjaboo in ta'u, akka waan daadhii waynii dhuganiitti garaa isaaniitti in gammadu; ilmaan isaanii kana arganii in gammadu, garaan isaaniis Waaqayyotti in gammada.

8Ani milikkitaan waamee, walitti isaan nan qaba; ani dhugumaan isaan nan fura, isaanis akkuma isaanii duriitti in baay'atu;

9ani saba warra kaan gidduu utuman isaan facaasee jiruu iyyuu, isaan biyya fagoo sanaa ana in yaadatu turan; isaanii fi ilmaan isaanii in jiraatu, biyyattis in deebi'u;

10ani biyya Gibxii deebisee isaan nan fida; biyya Asor keessaas walitti isaan nan qaba; ani biyya Giil'aadii fi biyya Liibaanonitti isaan nan galcha; akkasitti isaan biyyicha keessa in guutu.

11Isaan galaana rakkinaa sana keessa in darbu, dha'aan galaanaas isaaniif in abboomama; tuujjubni galaana Abbayyaa hundinuus in goga; Asor ishee of tuultuun gad in deebiti, uleen mootummaa warra Gibxiis in bada;

12ani Waaqayyo isaan nan jabeessa, maqaa kootiinis karaa isaanii irra in deddeebi'u” jedha.

Ibsa

Zakaariyaas 10:1-5

10:1-5 Eebbawwan hafuuraa baay'ina lafaatti fakkeeffamanii waadaa galameefii turan. Bokkaan yeroo isaa garaa laafina guddaadha; isa Waaqayyo irraa yeroo inni baay'ee nu barbaachisu gaafachuu, akkasumas akka inni dhufuufis eeggachuu dandeenya. Kadhannaa keenyaan garaa laafina yeroo isaa sirriitti gaafachuu qabna. Gooftaan duumessa ifaa uumee bokkaa roobsa. Kun gorsa dhiibbaa Hafuura Qulqulluu amantii fi kadhannaadhaan barbaaduuti; isaan kanaan eebbawwan waadaa keessatti mul'isan argamanii itti gammaduun danda'ama. Raajichi gowwummaa waaqayyoolii tolfamootti kadhannaawwan dhiheessuu, akkuma abbootiin isaanii godhanitti, ni agarsiisa. Gooftaan hafeerraa bushaa isaa garaa laafinaan daawwate, akkasumas jabinnaa fi humna isaanii lolaafii injifannoof haaromsuuf jedha ture. Uumamni hundi Waaqayyo akka isa godhutti nuuf ta'a.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በኋለኛው ዝናብ ጊዜ ከእግዚአብሔር ዘንድ ዝናቡን ለምኑ፤ እግዚአብሔር መብረቅ ያደርጋል፤ እርሱም የበልግ ዝናብን ለእያንዳንዱም በሜዳ ውስጥ ሣርን ይሰጣል። አማርኛ ENGNIV Ask the Lord for rain in the springtime; it is the Lord who makes the storm clouds. He gives showers of rain to men, an… English BCV ብጊዜ ዳሕረዋይ ዝናም፥ ካብ እግዚኣብሄር ዝናም ለምኑ፤ እግዚኣብሄር መብረቅ ይገብር፤ ዝናምን ንነፍሲ ወከፍ ድማ ሳዕሪ ኣብ ግራት ክህብ እዩ። ትግርኛ GAZBIB Bokkaa ji'a birraa akka isiniif kennuuf Waaqayyoon kadhadhaa! Isatu duumessa bokkaa qabuu fi bokkaa tiifuu namootaaf er… Afaan Oromoo BCV GIZ ወዝናመ ጾደየ ወመፀወ፡ እግዚአብሔር ገብረ ለምትሀተ ዐይን ወይሁቦሙ ዝናመ ተጐን ወይበቍል ሣዕር በገዳም። giz BCV aksum ብጊዜ ዳሕረዋይ ዝናም፥ ካብ እግዚኣብሄር ዝናም ለምኑ፤ እግዚኣብሄር መብረቅ ይገብር፤ ዝናምን ንነፍሲ ወከፍ ድማ ሳዕሪ ኣብ ግራት ክህብ እዩ። ትግርኛ AMHNIV የበልግ ዝናብ እንዲሰጣችሁ እግዚአብሔርን ጠይቁ፤ ማዕበሉን ደመና የሚያደርግ እግዚአብሔር ነው፤ እርሱ ለሰዎች በቂ ዝናብን፣ ለእያንዳንዱም የምድርን ተክል ይሰጣል። አማርኛ SWAHSUV Mwombeni Bwana mvua wakati wa masika, naam, Bwana afanyaye umeme, naye atawapa manyunyu ya mvua, kila mtu atapewa nyasi… Kiswahili