Zakaariyaas 1

GAZGAZAfaan Oromoo21 Keeyyattoota5:50 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:50 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Daariyos mo'ee waggaa lammaffaa isaatti, waggichattiis ji'a saddeettaffaatti dubbiin Waaqayyoo gara Zakaariyaas raajichaa ilma Baraakiyaa akaakayyuu Iddoo dhufee,

2“Waaqayyo, abboota keessanitti baay'ee aareera” jedhe.

3Kanaaf Waaqayyo gooftaan maccaa, ati saba kanatti,“Waaqayyo gooftaan maccaa,“Gara kootti deebi'aa! Anis gara keessanitti nan deebi'a” jedhe” jedhii himi! Kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.

4Isin akka abboota keessan warra dur raajonni,“Waaqayyo gooftaan maccaa,“Karaa keessan isa jal'aa irraa, hojii keessan isa hamaa irraas deebi'aa! jedha” jedhanii utuma isaanitti himanii, isaan anaaf dhaga'uu, anaaf abboomamuus dhiisan sanaa hin ta'inaa! Kana ana Waaqayyotu dubbate;

5abboonni keessan amma eessa jiru” Raajonnis bara baraan in jiraatuu ree”

6Garuu dubbiin koo fi seerranni koo warri ani garboota koo warra raajota abboomee ajaje, abboota keessan irratti hin raawwatamnee ree” Ergasiis isaan gara kootti deebi'anii:- Waaqayyo gooftaan maccaa, akkuma dur murtoo godhee turetti nuuf kenne jedhan” jedhe.

7Daariyos mo'ee waggaa lammaffaa isaatti, waggichattii ji'a kudha tokkoffaa isa “Shebaax” jedhamutti, ji'ichattiis guyyaa digdamii afuraffaatti, dubbiin Waaqayyoo gara Zakaariyaas raajichaa ilma Baraakiyaa akaakayyuu Iddoo in dhufe.

8Ani Zakaariyaas halkan mul'ataan nama farda diimaa yaabbatee taa'u tokko nan arge; inni mukkeetii baala lalisaa qaban gidduu dachaa keessa in dhaabata ture; isa duuba immoo fardeen diddiimoo, boorrii fi adiitu ture.

9Yommus ani,“Yaa gooftaa ko, fardeen kun maali?” jedheen gaafadhe; ergamaan inni anatti dubbachaa ture immoo,“Maal akka isaan ta'an ani sitti nan mul'isa” jedhe.

10Namichi inni mukkeetii baala lalisaa qaban gidduu dhaabatu sunis deebisee,“Isaan warra Waaqayyo biyya keessa asii fi achi akka adeemaniif ergee dha” jedhe;

11isaan immoo ergamaa Waaqayyoo isa mukkeetii baala lalisaa qaban gidduu ijaajju sanaan,“Nuyi biyya lafaa hundumaa keessa adeemneerra, kunoo, biyyi lafaa guutummaatti nagaa fi boqonnaatti akka jiru argineerra” jedhan.

12Ammas ergamaan Waaqayyoo deebisee,“Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa! Hamma yoomiitti mandara Yerusaalemii fi mandaroota Yihudaa warra waggaa torbaatama itti dheekkamte kanaaf araara hin deebiftu ree?” jedhe.

13Waaqayyo yommus ergamaa isa anatti dubbachaa ture sanatti dubbii gaggaarii fi dubbii jajjabinaa in dubbate.

14Ergasii immoo ergamaan inni anatti dubbachaa ture sun dubbii isa Waaqayyo gooftaan maccaa,“Ani mandara koo Yerusaalemiif, Xiyooniifis baay'ee hinaafeera;

15ani saba kootti xinnoo ishee aareen ture; saba warra nagaatti jirra of se'anitti garuu guddaa aareera; isaan immoo ittuma dabalanii wanta hamaa in hojjetan.

16Egaa ani araaraan gara Yerusaalemitti nan deebi'a, manni koos achitti deebifamee in ijaarama; funyoon safaraas Yerusaalem irratti in diriirfama; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.

17“Si'achi mandaroonni koo wanta gaariidhaan in guutu; ani Waaqayyo gooftaan maccaa ammas Xiyoonin nan jajjabeessa, Yerusaaleminis nan fo'adha” jedhee dubbateera” jedhee iyyee akkan labsuuf anatti in hime.

18Ammas ani yommuun ol ilaale, kunoo gaanfota afur nan arge;

19ani ergamaa isa anaa wajjin dubbachaa jiru sanaan,“Isaan kun maali?” nan jedhe; innis,“Isaan kun gaanfota warra Yihudaa, Israa'elii fi Yerusaalemin bittimsanii dha” jedhee anaaf in deebise.

20Kana booddee immoo Waaqayyo namoota sibiila tuman afur anatti in argisiise.

21Anis,“Jarreen kun immoo maal hojjechuudhaaf dhufu?” nan jedhe; inni immoo deebisee,“Isaan gaanfota warra akka namni tokko illee mataa isaa ol hin qabannetti namoota Yihudaa bittimsanii dha; jarri sibiila tuman sun immoo warra gaanfa saba warra kaanii, warra biyya Yihudaa irratti ka'anii saba isaas bittimsuu barbaadan sana sodaachisuudhaaf gaanfota isaaniis cabsuudhaaf dhufanii dha” jedhe.

Ibsa

1:1-6

Humni Waaqayyoo inni hundumaa danda'u fi aboon mootummaa isaa olaanaan, cubbamoota akka isaan cubbuu isaaniitti gaabbee gara isaatti deebi'an kakaasuu fi jajjabeessuu qabu. Gooftaa humnoota hundumaa fira keenya godhachuun baay'ee nama hawwata; isa diina keenya godhachuun immoo baay'ee sodaachisaadha.

Waan darbe irra deebi'aa ilaalaa, akkasumas ergama Waaqayyo karaa hojjetoota isaa, raajota, abboota keessanitti erge ilaalaa. Amma karaa keessan isa hamaa irraa fi hojii keessan isa hamaa irraa deebi'aa. Balaa dhufaa jiru ittisuuf karaa tokkichi waan ta'eef, cubbuu keessan dhiisuuf of amansiisaa.

Abbootiin keenyaa fi raajonni isaanitti lallaban maaltu ta'e? Isaan hunduu du'anii darbaniiru. Asuma jiraachu turan, magaalaalee fi biyyoota nuti keessa jiraannutti, karaa tokkicha irra darbuu fi deebi'uu, mana tokko keessa jiraachaa, duukanaalee fi gabaalee tokko keessa daldaluu, Waaqayyoon bakka tokkootti waaqeffachaa turan. Garuu isaan eessa jiru? Yeroo isaan du'an, dhumni isaanii hin turre; isaan barabaraa keessa, addunyaa hafuurotaa keessa, addunyaa hin jijjiiramne kan nuti ariitiidhaan itti deemnu keessa jiru. Eessa jiru isaan? Isaan keessaa warri cubbuu keessa jiraatanii du'an, dhiphina keessa jiru. Warri Kiristoos keessa jiraatanii du'an immoo, waaqa keessa jiru; nutis akkuma isaan jiraanne fi duune yoo jiraanne, dafee fi bara baraan isaan wajjin taana. Yoo isaan lubbuu isaanii hin dhimmanne, kun sababa ijoolleen isaanii kan isaanii balleessan ta'a moo?

Raajonni darbaniiru. Kiristoos Raajii bara baraan jiraatuudha, garuu raajonni kaan hunduu yeroon hojii isaanii dhaabbatee jira. Yaadni kun ulfina isaa argatee oollee! Tajaajiltoonni du'aa jiran namoota du'aa jiran wajjin waa'ee lubbuu isaanii kan gonkumaa hin duune, akkasumas waa'ee barabaraa sodaachisaa isa isaan lachuu qarqara isaa irra dhaabbatanii jiranitti haasa'aa jiru! Addunyaa biraa keessatti, nuufi raajonni keenya lachuu bara baraan jiraanna; addunyaa sanaaf qophaa'uun dhimma keenya isa guddaa addunyaa kana keessatti ta'uu qaba.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በዳርዮስ በሁለተኛው ዓመት በስምንተኛው ወር የእግዚአብሔር ቃል ወደ አዶ ልጅ ወደ በራክዩ ልጅ ወደ ነቢዩ ወደ ዘካርያስ እንዲህ ሲል መጣ፦ አማርኛ ENGNIV In the eighth month of the second year of Darius, the word of the Lord came to the prophet Zechariah son of Berekiah, t… English BCV ዳርዮስ ምስ ነገሰ፥ ኣብ ካልኣይ ዓመቱ፥ በታ ሻምነይቲ ወርሒ፥ ናብ ወዲ ኣዶ፥ ወዲ በራክዩ ነቢይ ዘካርያስ፥ ከምዙይ ዝብል ቃል እግዚኣብሄር መፀ። ትግርኛ GAZBIB Daariyos mo'ee waggaa lammaffaa isaatti, waggichattiis ji'a saddeettaffaatti dubbiin Waaqayyoo gara Zakaariyaas raajich… Afaan Oromoo BCV GIZ ወበካልእ ዓመተ መንግሥቱ ለዳርዮስ በሳምን ወርኅ ኮነ ቃለ እግዚአብሔር ኀበ ዘካርያስ ወልደ በራኪዩ ወልደ ሐዶ ነቢይ ወይቤሎ፦ giz BCV aksum ዳርዮስ ምስ ነገሰ፥ ኣብ ካልኣይ ዓመቱ፥ በታ ሻምነይቲ ወርሒ፥ ናብ ወዲ ኣዶ፥ ወዲ በራክዩ ነቢይ ዘካርያስ፥ ከምዙይ ዝብል ቃል እግዚኣብሄር መፀ። ትግርኛ AMHNIV ዳርዮስ በነገሠ በሁለተኛው ዓመት በስምንተኛው ወር የእግዚአብሔር ቃል ወደ አዶ ልጅ ወደ በራክዩ ልጅ ወደ ነቢዩ ዘካርያስ እንዲህ ሲል መጣ፤ አማርኛ SWAHSUV Katika mwezi wa nane, mwaka wa pili wa Dario, neno la Bwana lilimjia Zekaria, mwana wa Berekia, mwana wa Ido, nabii, ku… Kiswahili