Miikiyaa 7

GAZGAZAfaan Oromoo20 Keeyyattoota5:50 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:50 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani akka nama erga iji mukaa ciramee iji wayniis muramee booddee, haftee barbaaddatee dhabee waanan ta'eef, anaaf wayyoo! Ija waynii akkan hin nyaanneef irratti hin hafne, ija harbuu isa dura bilchaatu illee garaan koo kajeelee ture, garuu irraa nan dhabe.

2Namni Waaqayyoof of kenne lafa irraa badeera, namni yaada qajeelaa qabus isaan keessa hin jiru; hundumti isaanii dhiiga namaa dhangalaasuudhaaf riphanii in eeggatu; namni adduma addaan kiyyootti wal in oofa.

3Harki isaanii waan hamaa hojjechuu ba'eessa godhee beeka; namni guddaan harka-fuudhaa in gaafata, abbaan firdiis gabbarsuu fudhachuudhaan firdii in kenna; inni dubbiin isaa dhaga'amuuf akkuma garaan isaa barbaade in dubbata, isaan kun dubbii micciiranii walitti in fidu.

4Isaan keessaa inni hundumaa caalaa “Ba'eessa” jedhamu akka qoraattii ti, inni yaada qajeelaa “Qaba” jedhamus dallaa qoraattii caalaatti in sodaachisa; guyyaan adabamuu kee inni warri ilaaltuun si irratti dhufuu isaa argan ga'eera; walii wallaalchifamuun isaaniis amma ta'uu isaa ti.

5Hidhata keessan hin amaninaa; fira isinitti dhi'aatus hin amanatinaa; haadha manaa kee ishee ammattee ciiftutti iyyuu waa himuu irraa of eeggadhu!

6Ilmi“Joonja'aa dha” jedhee abbaa isaa in tuffata, intalli haadha ishee irratti, haati manaa ilmaas amaatii ishee irratti in kaati, diinonni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in ta'u.

7Ani garuu abdiidhaan gara Waaqayyoo nan ilaala, Waaqayyo koo isa ana fayyisu nan eeggadha, Waaqayyotu anaaf dhaga'a.

8Ani kufeera garuu deebi'ee nan ka'a, dukkana keessa nan jiraadha; Waaqayyo garuu ifa koo ti; yaa diinota ko, egaa anatti hin gammadinaa!

9Ani Waaqayyoon waanan yakkeef hamma inni dubbii koo ilaalee dhugaa koo anaaf baasutti dheekkamsa isaa isa boba'aa nan baadha; inni gara ifaatti na baasa, ani immoo qajeelina isaa argee nan gammada.

10Diinonni koo warri, “Waaqayyo gooftaan kee eessa jira?” anaan jedhan kana in argu, yeelloonis isaan in qabata; karaa keessattis akkuma kosiitti dhidhiitamuu isaanii arguutti nan gammada.

11Gaaf tokko masaraawwan kee deebi'anii in ijaaramu; gaafas daariin kee in bal'ata.

12Bara sanatti namoonni kee warri biyya Asorii hamma biyya Gibxiitti, Gibxii hamma laga Efraaxiisitti, galaanaa hamma galaanaatti, tulluudhaa hamma tulluutti tamsa'anii jiraatan gara kee in dhufu.

13Ija hojii hamaa warri isa irra jiraatan hojjetan irraa kan ka'e, lafti in ona.

14Saba kee, warra hoolota dhuunfaa kee godhatte, ulee keetiin tiksi! Isaan lafa gaggaarii isa naannoo isaanii jiru dhabanii, caakkaa keessa kophaatti in jiraatu; akka bara duriitti biyya Baashaanii fi Giil'aad keessa akka dheedan godhi!

15Akkuma bara biyya Gibxiitii isaan baafte sanaatti dinqii nutti argisiisi!

16Sabni lafa irraa kana arganii, humna isaanii hundumaa keessaa immoo in yeellaasifamu, afaan isaanii in qabatu, gurri isaaniis in duuda.

17Isaan akka bofaa, akka warra lafa munyuuqaniis biyyoo in araabu, rom'aas iddoo cufatanii taa'an keessaa in ba'u; si sodaachuu irraa kan ka'e rifatanii gara kee, gara Waaqayyo gooftaa keenyatti gara in galu.

18Yaa Waaqayyo, kan akka kee cubbuu namaaf dhiisu eenyu ree” Ati dhuunfaa kee kan ta'an keessaa warra hafaniif balleessaa isaanii irra in darbitaaf; ati gaarummaatti in gammadda malee, dheekkamsa keessa hin ooltu.

19Ati deebitee araara nutti in argisiifta; yakka keenya miilla kee jalatti in gatta, cubbuu keenya hundumaas galaana gad fagoo keessa in buufta.

20Ati akkuma bara duriitti abboota keenyaaf kakattetti, ijoollee Yaaqoobitti amanamummaa kan Abrahaamittis gaarummaa in argisiifta.

Ibsa

7:1-7

Raajichi akka inni saba badinsaaf dafanii bilchaatu keessa jiraatuuf, kanas keessatti namoonni gaariin hedduun miidhaman, gadda isaa ibsa. Namoonni maatii isaanii keessatti yookiin firoottan isaanii dhihoo biratti tasgabbii yookiin quufinsa hin qaban turan. Dirqama maatii tuffachuu fi cabsuun mallattoo badina waliigalaa gaddisiisaa dha. Warri warra isaaniif ajajamoo hin taane yoomiyyuu gaarii argachuu hin danda'an. Raajichi nagaa yookiin tasgabbii Gooftaatti ilaaluudhaanii fi Waaqa fayyina isaa eeggachuudhaan malee hin arganne. Yeroo qorumsa jala jirru, akka nuti isa amanachuuf humnaa fi ayyaana argannuuf, akkasumas warra naannoo keenya jiraniif fakkeenya taanuuf, Furaa keenya isa Waaqummaa qabutti yeroo hundumaa ilaaluu qabna.

7:8-13

Warri cubbuu isaaniif guutummaatti qalbii jijjiirratan, rakkoo keessatti obsuuf sababa guddaa argatu. Yeroo yeroo hamaa ta'uu Gooftaatti iyyannu, hammaa garaa keenyaa ofuma keenyatti iyyachuu qabna. Yeroo sirrii isaatti bilisummaa nuuf hojjechuuf Waaqayyo irra dhaabachuu qabna. Isa ilaaluu qofa utuu hin taane, isa eeggachuu qabna. Rakkoo keenya isa guddaa keessatti, yoo amantiidhaan Gooftaa akkuma Waaqayyo fayina keenyaa ilaalle, fayina abdii kutachuuf sababa tokko illee hin argannu. Diinonni yoo injifatanii tuffatanillee, ni callisuu fi qaanitti ni galu. Dallaan Xiyoon yeroo dheeraaf diigamanii turanillee, guyyaan deebi'anii itti ijaaraman ni dhufa. Israa'el bakkeewwan fagoo hundumaa irraa ni dhufa, abdii kutachuudhaanis duubatti hin deebi'u.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የዛፍ ፍሬና የወይን ፍሬ ከተለቀሙ በኋላ እንደ ቀረው ቃርሚያ ሆኛለሁና ወዮልኝ! መብል የሚሆን ዘለላ፥ ነፍሴም የተመኘችው በመጀመሪያ የበሰለው በለስ የለም። አማርኛ ENGNIV What misery is mine! I am like one who gathers summer fruit at the gleaning of the vineyard; there is no cluster of gra… English BCV ፍረ ኦምን ፍረ ወይንን ምስተኣረዩ፥ ከም ዝተረፈ ቐሪም ኮይነ ኣለኹሞ ወይለይ! ንምግቢ ዝኸውን፥ ነፍሰይውን ዝተመነየቶ፥ ኣቐዲሙ ዝበሰለ በለስውን የለን። ትግርኛ GAZBIB Ani akka nama erga iji mukaa ciramee iji wayniis muramee booddee, haftee barbaaddatee dhabee waanan ta'eef, anaaf wayyo… Afaan Oromoo BCV GIZ አሌ ሊተ እስመ ኮንኩ ከመ ዘያስተጋብእ ሰዊተ ድኅረ ማእረር ወከመ ትቅራም ድኅረ ቀሥም ዘአልቦ አስካል ዘይበልዑ ደቂቅ። giz BCV aksum ፍረ ኦምን ፍረ ወይንን ምስተኣረዩ፥ ከም ዝተረፈ ቐሪም ኮይነ ኣለኹሞ ወይለይ! ንምግቢ ዝኸውን፥ ነፍሰይውን ዝተመነየቶ፥ ኣቐዲሙ ዝበሰለ በለስውን የለን። ትግርኛ AMHNIV ለእኔ ወዮልኝ! የወይን ዕርሻ በሚቃረምበት ጊዜ የበጋ ፍራፍሬ እንደሚለቅም ሰው ሆኛለሁ፤ የሚበላ የወይን ዘለላ የለም፤ የምንጓጓለት፣ ቶሎ የሚደርሰው በለስም አልተገኘም። አማርኛ SWAHSUV Ole wangu! Maana mimi ni kama hapo walipokwisha kuyachuma matunda ya wakati wa hari, kama zabibu zichumwazo baada ya ma… Kiswahili