Isaayaas 45

GAZBIBAfaan Oromoo25 Keeyyattoota5:13 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:13 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo, inni Qiirosin moosise, “Qiiros saba lafa irraa harka isaa jala akka galfatuuf, moototas mi'a waraanaa akka hiikkachiisuuf “Harka isaa mirgaa qabee isa nan gargaara?; balbaloonni biyya garaa garaatti geessan isaaf in banamu, karrawwan mandarootatti galchanis isatti hin cufaman” jedha.

2Qiirosiin immoo,“Ani si dura adeemee isa ol ka'e hundumaa gad nan deebisa, balbaloota sibiila borrajjii irraa hojjetaman nan caccabsa, danqaraa sibiilaas nan hurreessa;

3ani qabeenya iddoo dukkanaa keessa jiru siif nan kenna, badhaadhummaa iddoo dhokataatti walitti qabames harka kee keessa nan buusa, yommus ati, ani gooftaa akkan ta'e maqaa keetiinis kanan si waame, Waaqayyo isa kan Israa'el ta'uu koo kanaan in beekta;

4yoo ati ana beekuu dhabaatte iyyuu, Yaaqoob garbicha koo fi Israa'el isa ani fo'adheef jedhee, si waamee maqaa ulfinaa siif kenneera.

5Waaqayyo ana duwwaa dha, ana malees Waaqayyo kan biraa hin jiru; yoo ati ana beekuu dhabaatte iyyuu ani immoo si hidhachiisee sin jabeessa.

6Kanaanis ba'a-biiftuutii hamma lixa-biiftuutti, ani kophaa koo Waaqayyo akkan ta'e, ana malees Waaqayyo kan biraa akka hin jirre namoonni in beeku.

7Ani ifa, dukkanas nan uuma; nagaa nan buusa, gooliis nan kaasa; ani Waaqayyo kana hundumaa nan hojjedha.

8“Bantiiwwan waaqaa haa banaman, duumessoonni qajeelummaa gad haa roobsan, lafti banamee fayyina haa biqilchu, qajeelummaanis isaa wajjin biqilee haa guddatu! Ani Waaqayyo kana hundumaa nan godha” jedha.

9Nama uumaa isaa qoccoluuf wayyoo! Inni akka suphee harka nama qodaa suphee dha'uu keessa jiruu ti; supheen dhooftuu isaatiin, “Ati maal hojjetta?” jechuu danda'aa ree” Wanti inni dha'es, “Ati harka hin toltu” ittiin jechuu danda'aa ree”

10Mucaan abbaa isaatiin, “Ati nama attamii na dhalchuuf” jetta” Haadha isaatiinis, “Ati nama attamii na da'uuf jetta?” jechuu danda'aa ree”

11Waaqayyo inni qulqulluun kan Israa'el inni isa uume, “Waa'ee wanta ta'uuf jiruu na gaafadhaa! Waa'ee ilmaan kootii warra ani uummadhee garuu, anumatti dhiisaa!

12Ani lafa uumeen, namootas isa irratti uume; bantiiwwan waaqaa anatu harka kootiin diriirse, macca isaanii hundumaas anatu abboome;

13ani qajeelummaadhaan Qiirosin kaaseera, karaa isaa hundumaas isaaf qajeelcheera; inni mandara koo in ijaarsisa, warra na duraa booji'amanis gad in dhiisisa; kana yeroo godhus gatii yookiis badhaasa fudhata miti” jedhe; Waaqayyo gooftaan maccaa kana dubbateera.

14Waaqayyo, “Wanti warrii Gibxii hojjetanii argatan, bu'aan nagada warra Kuushis siif in ta'u, warri Saabaa warri dhedheeroonis gara kee dhufanii, kan kee in ta'u, of kennanii si duukaa in bu'u; siif qoomma'aniis “Waaqayyo dhugumaan sii wajjin jira, isa malees Waaqayyo kan biraa hin jiru” in jedhu” jedhe.

15Yaa Waaqayyo, fayyisaa Israa'el, ati dhugumaan Waaqayyo isa dhokataa dha;

16warri waaqayyolii tolfamoo tolfatan hundinuu, in yeellaasifamu, in salphatus; walii wajjinis in salphifamu;

17Waaqayyo garuu fayyina bara baraatiin Israa'elin in fayyisa, yaa Israa'el, ati bara baraan hin yeellaasifamtu, hin salphattus.

18Waaqayyo inni bantiiwwan waaqaa uume, inni Waaqayyoo dha; inni lafa bifa itti godhee, tolchee jabeessee yommuu dhaabe akka irra jiraataniif malee, bifa hin qabnee fi onaa akka ta'uuf hin uumne; inni,“Ani Waaqayyoo dha, ana malee kan biraa hin jiru.

19Ani lafa irratti, iddoo dukkanaatti dhoksaatti hin dubbanne, ani sanyii Yaaqoobiin, akkasumaan “Na barbaadi!” hin jenne; wanti ani Waaqayyo dubbadhu dhugaa dha, wanti ani himus qajeelaa dha.

20“Warri fakkeenya waaqayyolii muka irraa hojjetaman baatanii yaa'an, warri waaqayyolii nama fayyisuu hin dandeenyetti sagadanis beekumsa hin qaban; isin warri saba garaa garaa keessaa badiisa ooltan, walitti qabamaatii kottaa, as dhi'aadhaas!

21Walitti himaa, walii wajjinis mari'adhaatii dhimma keessan dhi'eeffadhaa! Kana eenyutu beeksise” Duraan dursees eenyutu raajii dubbate” Ana Waaqayyotu kana godhe mitii ree” Ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru, Waaqayyo inni qajeelaanii fi inni fayyisaan ana malee hin jiru.

22Isin warri andaara lafaa jiraattan hundinuu, gara kootti deebi'aatii fayyina argadhaa! Ani Waaqayyoo dha, ana malees kan biraa hin jiru;

23jilbi hundinuu anaaf akka jilbeenfatu, arrabni hundinuu anaan akka kakatu, wanti qajeelaan afaan koo keessaa ba'es akka hin deebine, ani maqaa ofii kootiin kakadheera.

24Namoonni, “Qajeelinnii fi jabinni Waaqayyoo duwwaa bira jira” jechaa gara koo in dhufu; warri anaan morman garuu in yeellaasifamu;

25sanyiin Israa'el hundinuu humna kootiin in mo'u, ana Waaqayyo isaaniitiin ulfina in argatu” jedhe.

Ibsa

45:1-4

Qiiros, inni Waaqayyoon dibame jedhameera; inni tajaajila isaa guddaa sanaaf gorsa Waaqayyootiin tolfameefi dandeessifame. Balbaloonni Baabilon kan gara lagaatti geessan, Qiiros halkan sana humna waraanaa isaa karaa bishaan hin qabne keessa yeroo lixu banaa turan. Gooftaan dura isaa deeme, magaalota inni marsee qabeef daandii banaa kennuudhaan. Qabeenya dhokataa kan iddoo iccitii keessa turanis isaaf kenne. Waaqni dhugaa Qiirositti Waaqa hin beekamne ture; ta'us Waaqayyo isa duraan beeke; maqaa isaatiin isa waame. Guutummaan raawwii kanaa Qiirositti Yihowaan Waaqa dhugaa tokkicha qofa ta'uu isaa mirkaneessuu qaba ture, akkasumas inni kan milkaa'e saba Israa'eliif jedhamee akka ta'e. Jijjiirama mootummootafi biyyoota hundumaa keessatti, Waaqayyo gaarummaa Waldaa isaa ni raawwata.

45:5-10

Yihowaa malee Waaqayyo biraa hin jiru. Isa malee homaa hin hojjetamu. Inni nagaa buusa, kunis wantoota gaggaarii hundaaf kan dhaabateedha; hammina uumas, kun hammina cubbuu osoo hin taane, hammina adabbii ti. Inni hundeesaa wantoota dhugaa, qulqulluu, gaarii yookiin gammachuu hundaati; hamminni, dogoggorri fi rakinni garuu, hayyama isaatiin, ofirraa dabarsuu uumamoota isaa kan fedhii isaaniitiin ta’een gara addunyaatti dhufan, garuu kaayyoo isaa qajeelaadhaaf dhorkamanii to’ataman. Barumsi kun, jajjabina warra furamuu Israa’eliif fedhii guddaadhaan hawwanii, garuu tasgabbiidhaan eegan sanaaf hojiirra oola. Furamuu cubbamootaa Ilma Waaqayyootiin, fi dhangala’uu Hafuura Qulqulluu, misiraachichaaf milkaa’ina kennuuf, kanneen addatti asitti yaadamanidha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እግዚአብሔር ለቀባሁት፥ አሕዛብንም በፊቱ አስገዛ ዘንድ የነገሥታትንም ወገብ እፈታ ዘንድ፥ በሮቹም እንዳይዘጉ መዝጊያዎቹን በፊቱ እከፍት ዘንድ፥ ቀኝ እጁን ለያዝሁት ለቂሮስ እንዲህ ይላል፦ አማርኛ ENGNIV “This is what the Lord says to his anointed, to Cyrus, whose right hand I take hold of to subdue nations before him and… English BCV እግዚኣብሄር ንዝቐባእኹዎ፥ ህዝብታት ኣብ ቅድሚኡ ኸግዝአሉ፥ ሕቘ ነገስታት ከፍትሕ፥ ደገታቱ ኸይዕፀዉ፥ መዓፁኡ ኣብ ቅድሚኡ ንኽኸፍት፥ የማነይቲ ኢዱ ንዝሓዝኩዎ ብዛዕባ ቂሮስ እግዚኣብሄር ከ… ትግርኛ BCV GIZ ከመዝ ይቤ እግዚአብሔር አምላክ ለመሢሕየ ቂሮስ ዘአኀዝክዎ በእዴየ ከመ ኣግርሮመ ለአሕዛብ በቅድሜሁ፤ ወእነፅኅ ኀይለ ነገሥት ወኣርኁ አናቅጸ በቅድሜሁ ወኢይትዐጽዋ አህጉር፦ giz GAZGAZ Waaqayyo, inni Qiirosin moosise, “Qiiros saba lafa irraa harka isaa jala akka galfatuuf, moototas mi'a waraanaa akka hi… Afaan Oromoo BCV aksum እግዚኣብሄር ንዝቐባእኹዎ፥ ህዝብታት ኣብ ቅድሚኡ ኸግዝአሉ፥ ሕቘ ነገስታት ከፍትሕ፥ ደገታቱ ኸይዕፀዉ፥ መዓፁኡ ኣብ ቅድሚኡ ንኽኸፍት፥ የማነይቲ ኢዱ ንዝሓዝኩዎ ብዛዕባ ቂሮስ እግዚኣብሄር ከ… ትግርኛ AMHNIV “ለቀባሁት፣ ቀኝ እጁን ለያዝሁት፣ ነገሥታትን ትጥቅ አስፈታ ዘንድ፣ ሕዝብን ሁሉ ላስገዛለት፣ ደጆች እንዳይዘጉ፣ በሮቹን በፊቱ ለምከፍትለት፣ ለቂሮስ እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፤ አማርኛ SWAHSUV Haya ndiyo Bwana amwambiayo Koreshi, masihi Kiswahili