Isaayaas 39

GAZGAZAfaan Oromoo8 Keeyyattoota2:21 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:21 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Merodaak-Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon, Hisqiyaas dhukkubsatee akka fayye yommuu dhaga'e, caaffataa fi kennaa namootatti in ergeef;

2Hisqiyaas jarreen ergaman sana gammachuudhaan simatee, mana qabeenya isaatii keessa kan jiru hundumaa, meetii, warqee, urgooftuu, dhadhaa ejersaa isa ba'eessa, mi'a waraanaa, badhaadhummaa biyya isaa keessa jiru hundumaa keessaa tokko illee utuu hin hambisin isaanitti in argisiise.

3Kana booddee Isaayaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhufee,“Jarreen kun maal jedhan” Eessaas gara kee dhufan?” jedheen; Hisqiyaas immoo,“Baabilon biyya fagoo sanaa ba'anii na bira dhufan” jedhe;

4itti fufees Isaayaas,“Mana kee keessatti maalfaa argan?” jedhee gaafate; Hisqiyaas immoo deebisee,“Wanta mana koo keessa jiru hundumaa arganiiru; qabeenya koo keessaa wanti ani isaanitti hin argisiisin tokko illee hin jiru” jedhe.

5Kana irratti Isaayaas raajichi Hisqiyaasiin,“Mee wanta Waaqayyo gooftaan maccaa jedhu dhaga'i!

6Kunoo! Guyyaan itti qabeenyi mana kee keessa jiruu fi wanti abboonni kee hamma ammaatti walitti qaban hundinuu gara biyya Baabilonitti geeffamu in dhufa; wanti tokko illees siif hin hafu;

7ilmaan ati godhatte keessaas kaan gara biyya Baabilonitti in geeffamu; achittis xu'aashii ta'anii mana mootii Baabilon keessa in ergamu” jedha Waaqayyo.

8Yommus Hisqiyaas,“Hamma ani jirutti nagaanii fi gabiin in ta'a” jedhee waan yaadeef, Isaayaasiin,“Dubbiin Waaqayyoo inni ati amma dubbatte kun ba'eessa” jedhe.

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በዚያም ወራት የባቢሎን ንጉሥ የባልዳን ልጅ መሮዳክ ባልዳን ሕዝቅያስ ታምሞ እንደ ተፈወሰ ሰምቶ ነበርና ደብዳቤና እጅ መንሻ ላከለት። አማርኛ ENGNIV At that time Merodach-Baladan son of Baladan king of Babylon sent Hezekiah letters and a gift, because he had heard of … English BCV በታ ጊዜ እቲኣ መሮዳክ፥ ወዲ ባልዳን ንጉስ ባቢሎን፥ ሕዝቅያስ ሓሚሙ ኸም ዝሓወየ ሰሚዑ ነበረ እሞ፥ መልእኽትን ገፅ በረኸትን ሰደደሉ። ትግርኛ GAZBIB Merodaak-Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon, Hisqiyaas dhukkubsatee akka fayye yommuu dhaga'e, caaffataa fi kennaa… Afaan Oromoo BCV GIZ ወውእተ አሚረ ለአከ መሮዳክ በልዳንሃ ወልደ በልዳን ንጉሠ ባቢሎን መጻሕፍተ ወተናብልተ ወአምኃ ኀበ ሕዝቂያስ፤ እስመ ሰምዐ ከመ ደወየ ወበጽሐ ለመዊት ወሐይወ። giz BCV aksum በታ ጊዜ እቲኣ መሮዳክ፥ ወዲ ባልዳን ንጉስ ባቢሎን፥ ሕዝቅያስ ሓሚሙ ኸም ዝሓወየ ሰሚዑ ነበረ እሞ፥ መልእኽትን ገፅ በረኸትን ሰደደሉ። ትግርኛ AMHNIV በዚያን ጊዜ የባቢሎን ንጉሥ፣ የባልዳን ልጅ፣ መሮዳክ ባልዳን የሕዝቅያስን መታመምና መፈወስ ሰምቶ ስለ ነበር፣ ደብዳቤና ስጦታ ላከለት። አማርኛ SWAHSUV Wakati huo Merodakibaladani, mwana wa Baladani, mfalme wa Babeli, alipeleka barua na zawadi kwa Hezekia; kwa maana amep… Kiswahili