Hoose'aa 1

GAZGAZAfaan Oromoo9 Keeyyattoota2:33 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:33 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kun dubbii Waaqayyoo isa bara Uziyaa, Yotaam, Ahaaz, Hisqiyaasis tarreetti biyya Yihudaa irratti mo'anii, Yerobi'aam ilmi Yeho'aash immoo biyya Israa'el irratti mo'etti, gara Hose'a ilma Beriit dhufee dha.

2Waaqayyo dura karaa Hose'a yeroo dubbatetti, Hose'aadhaan,“Biyyichi Waaqayyoon dhiisuu isaatiin ejja guddaa keessa lixeera; kanaaf dhaqi, dubartii ejjituu fuudhi, ijoollee ejjaas godhadhu!” jedhe.

3Kana irratti inni dhaqee Gomeerin intala Diiblaayim fuudhe; isheen ulfooftee ilma in deesseef.

4Yommus Waaqayyo, “ ‘Yizre'el” jedhii moggaasi! Yeroo gabaabduu booddee sababii dhiiga Yizre'elitti dhangala'eef mana Yehuu nan adaba; mootummaan Israa'elis kanumaan akka raawwatu nan godha.

5Gaafas ani dachaa Yizre'el keessatti humna warra Israa'el nan cabsa” jedheen.

6Gomeer ammas ulfooftee, durba in deesse; Waaqayyo immoo Hose'aadhaan,“Ani si'achi mana Israa'eliif cubbuu isaanii isaaniif dhiisuuf matumaa oo'a hin argisiisu, kanaaf“Lo-Ruhaamaa” jedhii maqaa moggaasi! [Hiikaan isaas “Oo'a hin arganne” jechuu dha].

7Mana Yihudaatti garuu oo'a nan argisiisa, isaan nan oolchas; iddaadhaan yookiis billaadhaan yookiis lolaan yookiis fardeenii fi abboota fardeeniin utuu hin ta'in, ani Waaqayyo gooftaan isaanii harka kootiin isaan nan oolcha” jedhe.

8Gomeer erga “Lo-Ruhaamaa” harma guuftee, ulfooftee ilma in deesse.

9Waaqayyo yommus Hose'aadhaan, “ ‘Lo-Amii” jedhii moggaasi, isinoo saba koo miti, anis Waaqayyo keessan miti” jedhe. [“Lo-Amii” jechuun “Saba koo miti” jechuu dha].

Ibsa

1:1-7

Israa'el badhaadhaa ture, garuu Hoose'aan sodaa malee cubbuu isaanii itti hime, akkasumas balleessaa isaanii raajii dubbate. Namoonni cubbuu isaanii keessatti, waan addunyaa kana keessatti badhaadhanef, jajjabeessamuu hin qaban; yoo isaan yakka isaanii keessa jiraatan immoo, badhaadhnni isaanii yeroo dheeraaf hin turu. Raajaan cubbuu Israa'elitti mul'isuu qaba; cubbuun sun baay'ee jibbisiisaa ta'uu isaa agarsiisuu qaba. Waaqayyolii tolfaman waaqeffachuu isaanii, cubbuu isaan asitti ittiin himatamanidha. Ulfinna Waaqayyoof qofa malu uumama kamiiyyuu kennuun, Waaqayyoof miidhaa fi salphinaadha; akkuma dubartiin abbaa manaa qabdu tokko orma fuutee abbaa manaatti gootu sana. Gooftaan, shakkii malee, ajaja akkasii raajichaaf kennuuf sababa gaarii qaba ture; kunis ayyaana Gooftaa kan hin mallee, obsa Isaa kan hin nuffine, akkasumas jal'inaa fi galata dhabuu Israa'el bifa tuqa qabeessa ta'een ni agarsiisa ture. Nuti jal'ina (cubbuu) nuti Waaqayyo keenyaatti agarsiifnu, kan obsa Isaa qoruufi Hafuura Isaa gaddisiisu kanaa walakkaa, yoo namoonni biraa nutti agarsiisanillee, cabnee fi dadhabnee turra. Nutiis fannoo Gooftaan nutti murteessu kamiyyuu baachuuf qophaa'oo haa taanu.

Raajaan badiisa saba sanaa, maqoota ijoollee isaatiif kennameen agarsiisuu qaba.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በይሁዳ ነገሥታት በዖዝያንና በኢዮአታም በአካዝና በሕዝቅያስም ዘመን በእስራኤልም ንጉሥ በዮአስ ልጅ በኢዮርብዓም ዘመን ወደ ብኤሪ ልጅ ወደ ሆሴዕ የመጣ የእግዚአብሔር ቃል ይህ ነው። አማርኛ ENGNIV The word of the Lord that came to Hosea son of Beeri during the reigns of Uzziah, Jotham, Ahaz and Hezekiah, kings of J… English BCV ብነገስታት ይሁዳ ብዖዝያንን፥ ብዘመን ኢዮኣታምን ብኣካዝን ብሕዝቅያስን፥ ከምኡውን ብዘመን ንጉስ እስራኤል ብወዲ ኢዮኣስ ኢዮርብዓምን፥ ናብ ወዲ ብኤሪ ሆሴዕ ዝመፀ ቓል እግዚኣብሄር እዙይ እ… ትግርኛ GAZBIB Kun dubbii Waaqayyoo isa bara Uziyaa, Yotaam, Ahaaz, Hisqiyaasis tarreetti biyya Yihudaa irratti mo'anii, Yerobi'aam il… Afaan Oromoo BCV GIZ ቃለ እግዚአብሔር ዘኮነ ኀበ ሆሴዕ ወልደ ቤዕርም በመዋዕለ ዖዝያን ወኢዮአታም ወአካዝ ወሕዝቅያስ ነገሥተ ይሁዳ በመዋዕለ ኢየሩበዓም ወልደ ዮአብ ንጉሠ እስራኤል። giz BCV aksum ብነገስታት ይሁዳ ብዖዝያንን፥ ብዘመን ኢዮኣታምን ብኣካዝን ብሕዝቅያስን፥ ከምኡውን ብዘመን ንጉስ እስራኤል ብወዲ ኢዮኣስ ኢዮርብዓምን፥ ናብ ወዲ ብኤሪ ሆሴዕ ዝመፀ ቓል እግዚኣብሄር እዙይ እ… ትግርኛ AMHNIV በይሁዳ ነገሥታት በዖዝያን፣ በኢዮአታም፣ በአካዝና በሕዝቅያስ ዘመን እንዲሁም በእስራኤል ንጉሥ በዮአስ ልጅ በኢዮርብዓም ዘመን ወደ ብኤሪ ልጅ ወደ ሆሴዕ የመጣው የእግዚአብሔር ቃል ይህ ነው፤ አማርኛ SWAHSUV Hili ndilo neno la Bwana lililomjia Hosea, mwana wa Beeri, siku za Uzia, na Yothamu, na Ahazi, na Hezekia, wafalme wa Y… Kiswahili