Hoose'aa 8

GAZGAZAfaan Oromoo14 Keeyyattoota3:50 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:50 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo,“Fiinoo afaanitti kaa'adhu! Sababii sabni koo kakuu koo cabsanii seera kootiinis mormaniif, wanti akka joobiraa biyya koo irra in bu'a.

2“Nuyi warri Israa'el Waaqayyo keenya in beekna” jedhanii gargaarsaaf gara kootti in iyyu;

3haa ta'u iyyuu malee, Israa'el isa gaarii tuffatee waan dhiiseef, diinni isa in ari'ata.

4Isaan mootii moosifataniiru, ani garuu keessa hin jiru; gurguddoota biyyaas in kaafatan, ani garuu hin beekneef; lafa irraa balleeffamuufis meetii isaanii fi warqee isaanii irraa waaqayyolii tolfamoo hojjetatan.

5“Yaa warra Samaariyaa, dibicha isin tolfattanii itti sagaddan tuffadhee nan gate; dheekkamsi koo warra kana godhan irratti in boba'e; isaan hamma yoomiitti yakka malee taa'uu dadhabu ree”

6Dibicha Israa'el keessatti hojjetame kana namuma harka-tolu tokkotu tolche malee, dibichi sun Waaqayyo miti; dibichi warra Samaariyaa in hurraa'a.

7Isaanoo akka nama qilleensa facaasuu wanta hundee hin qabne in facaasu; akka nama bubbee haamuuttis wanta guddaa sodaachisu in galfatu; midhaan maasii keessaa mataa hin qabu ijas hin godhatu; tarii ija yoo godhate iyyuu ormatu nyaata.

8“Warri Israa'el in miliqfaman, amma immoo saba lafa irraa keessatti akka qodaa namatti hin tolle in ta'an.

9Harreen diidaa illee kophaatti in jiraata, isaan garuu warra Asorii wajjin walii galuudhaaf ol ba'an; namoonni Efreemis kennaadhaan, namoonni ejjummaaf akka isaan jaallatan godhan.

10Isaan saba lafa irraa keessaa kennaadhaan warra isaanii wajjin walii galan yoo argatan iyyuu, ani amma qabaa koo jala isaan nan galcha; egaa isaan yeroo gabaabaatti ba'aa mootii gurguddoota Asor jalaa in wiriiqqatu.

11“Efreem iddoo aarsaa baay'ise; iddoowwan aarsaa sun immoo sababii cubbuu isatti ta'an.

12Seera koo hammam baay'isee caaffataan yoon isaaf kenne iyyuu, akka kan ormaatti in lakkaa'ama.

13Isaan aarsaa in jaallatu, foon aarsaadhaaf in dhi'eessu, isa irraas in nyaatu; ani Waaqayyo garuu isaanitti hin gammanne; ani amma irra-daddarbaa isaanii nan yaadadha, cubbuu isaaniifis isaan nan adaba; isaan immoo gara biyya Gibxiitti in deebi'u.

14Warri Israa'el uumaa isaanii irraanfataniiru, mana gurguddaa ijaarrataniiru; warri Yihudaas mandaroota marsaa cimaa qaban in baay'isan, ani garuu mandaroota isaanii irratti ibidda nan erga, innis mana isaanii warra jajjaboo in fixa” jedhe.

Ibsa

8:1-4 Israa’el yeroo garmalee rakkisaa keessa turetti, Waaqayyo irraa eegumsa argachuuf ni dubbatu turan, garuu kun hin fudhatamu ture. ‘Yaa Waaqayyo koo, sin beeka’ jedhuun bu’aa maalii qaba ree, yoo ‘Yaa Waaqayyo koo, sin jaalladha, sin tajaajila, akkan si qofatti maxxana’ jechuu hin dandeenye?

8:5-10

Isaan waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuudhaan badhaadhina, nagaa fi injifannoo ofiif abdachaa turan, garuu abdii isaanii hundi guutummaatti fashalee. Waan facaasan jirma hin qabu, baala hin qabu, yookiin yoo qabaate iyyuu, daraaraan isaa ija hin godhatu; isaan keessa homaa hin turre. Hojiin dukkanaa firii hin qabu; caalatti, dhuma wantoota sanaa du’a dha. Abdiin cubbamootaa isaan dogoggorsiisa, bu’aan isaaniis kiyyoo isaanitti ta’a. Yeroo balaa, keessumaa guyyaa firdii, karoorri foonii hundumtuu ni gufata.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6