Amoos 4

GAZGAZAfaan Oromoo13 Keeyyattoota4:41 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:41 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Isin yaa giiftolii, warra akka saawwan biyya Baashaan tulluu Samaariyaa irratti gabbattanii, warra dadhaboo immoo cunqursitanii, warra wanta barbaachisaa dhaban caccabsitanii, abboota manaa keessaniin “Dhugaatii as fidaa, in dhugnaa!” jettanii, dubbii kana dhaga'aa!

2Waaqayyo gooftaan qulqullummaa isaatiin kakatee, “Kunoo! Guyyaan itti hokkoodhaan isin harkisanii, warra isin booddees hokkoo qurxummiitiin baasan in dhufa.

3Adduma addaan qaawwa dallaa fuula keessan dura jiru keessa in baafamtu, gara tulluu Hermoonittis in daddarbatamtu” in jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.

4“Bet'el iddoo itti sagadan dhaqaa, irra-daddarbaa keessanis ittuma dabalaa! Giilgal iddoo sagadaa isa kaanittis irra-daddarbaa keessan ittuma baay'isaa! Borumtaa qalma aarsaa, guyyaa sadaffaattis kudhan keessaa tokko dhi'eessaa!

5Mee buddeena bukaa'aa irraa iyyuu aarsaa galataa dhi'eessaa, jaalala keessaniin aarsaa dhi'eessuu keessan mul'isaa beeksisaa! Akkas gochuu in jaallattu'o, yaa namoota Israa'el” jedhee dubbateera Waaqayyo gooftaan.

6“Mandara keessan hundumaa keessatti wanti afaanitti deebifattan akka hin argamne, iddoo jirtan hundumaattis buddeenni akka dhabamu anatu godhe; kanuma irratti iyyuu isin gara kootti hin deebine” jedhee dubbateera Waaqayyo.

7“Midhaan sassaabuuf ji'i sadii hafee utuu jiruu, bokkaa isin nan dhowwadhe; mandara isa tokkotti bokkaan akka roobu, mandara isa kaanitti immoo akka hin roobne nan godhe; maasii isa tokkotti bokkaan in roobe, maasiin inni bokkaa dhabe immoo in goge.

8Kanaaf namoonni mandara lama sadii, bishaan dhuguudhaaf gara mandara isa tokkootti tiratan; haa ta'u iyyuu malee dheebuu ba'uu hin dandeenye; kanuma irratti iyyuu isin gara kootti hin deebine” jedhee dubbateera Waaqayyo.

9“Waagiidhaa fi gogiidhaan isin nan rukute, lafa isin biqiltuu dhaabbattan, dhaabaa waynii keessanis nan gogse, harbuu keessanii fi ejersa keessan hawaannisatu nyaatee fixe; kanuma irratti iyyuu isin gara kootti hin deebine” jedhee dubbateera Waaqayyo.

10“Dha'icha sanyii isa biyya Gibxii keessatti ta'e isin irratti nan erge; dargaggoota keessan billaadhaan nan ajjeesise, fardeen keessanis nan boojisiise; raqni iddoo buufata keessaniis funyaan akka isin rukutu nan godhe; kanuma irratti iyyuu isin gara kootti hin deebine” jedhee dubbateera Waaqayyo.

11“Ani Waaqayyo, Sodoomii fi Gomoraa akkuman barbadeesse, isin keessaas akkasuma nan barbadeesse; isin akka mukukkula ibidda boba'aa jiru keessaa butamee taatan; kanuma irratti iyyuu isin gara kootti hin deebine” jedhee dubbateera Waaqayyo.

12“Kanaafis ani kana si irratti nan raawwadha, yaa Israa'el! Ani kana si irratti waanan raawwadhuuf, ati immoo achuma dhaabadhuu Waaqayyo kee eegi, yaa Israa'el!” jedha gooftichi.

13Kunoo! Inni tulloota tolche, inni qilleensa uume, inni wanta yaada isaa keessa jiru namatti beeksisu, inni barii ganamaas dukkana godhu, inni lafa ol jedhaa gara irraa adeemu, maqaan isaa Waaqayyo gooftaa maccaa ti!

Ibsa

4:1-5

Wanti saamame yeroo baay'ee foon quubsuuf, akkasumas fedha foonichaa guutuuf kan oolu dha. Wanti cunqursaan argame guutummaatti gammachuudhaan ittiin jiraachuun hin danda'amu. Warri amana isaanii barmaatilee Caaffata Qulqullaa'aa wajjin wal hin simne irratti godhatan, kunis isaan soba akka amanan qofa kan dhugaa ba'u waan ta'eef, akkam nama gaddisiisu! Amantii keenya, abdii keenya, fi waaqeffannaa keenya Sagalee Waaqayyootiin kan deeggarame ta'uu isaa haa mirkaneeffannu.

4:6-13

Gowwummaa garaa foonii ilaalaa; isaan uumama tokkorraa gara uumama biraatti bidirfatu, wanta isaan quubsudhaaf barbaadu, akkasumas waan…

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በሰማርያ ተራራ የምትኖሩ፥ ድሆችንም የምትበድሉ፥ ችጋረኞችንም የምታሰጨንቁ፥ ጌቶቻቸውንም፦ “አምጡ እንጠጣ፡” የምትሉ እናንተ የባሳን ላሞች ሆይ፥ ይህን ቃል ስሙ። አማርኛ ENGNIV Hear this word, you cows of Bashan on Mount Samaria, you women who oppress the poor and crush the needy and say to your… English BCV ኣትን ኣብ እምባ ሰማርያ እትነብራ፥ ንድኻታት እተጥቅዓ፥ ሽግረኛታትውን እተጨንቓ፥ ንጐይተቶም ድማ “ኣምፅኡ ንስተ” እትብላ፥ ኣላሕም ባሳን እዝ ቃል እዙይ ስምዓ። ትግርኛ GAZBIB Isin yaa giiftolii, warra akka saawwan biyya Baashaan tulluu Samaariyaa irratti gabbattanii, warra dadhaboo immoo cunqu… Afaan Oromoo BCV GIZ ስምዑ ዘንተ ነገረ እጐልተ ባሳን እለ ውስተ አድባረ ሰማርያ እለ ይትኤገላ ነዳየ ወየሀይዳ ምስኪናነ እለ ይብላሆሙ ለአጋእስቲሆሙ ሀቡነ ንስተይ። giz BCV aksum ኣትን ኣብ እምባ ሰማርያ እትነብራ፥ ንድኻታት እተጥቅዓ፥ ሽግረኛታትውን እተጨንቓ፥ ንጐይተቶም ድማ “ኣምፅኡ ንስተ” እትብላ፥ ኣላሕም ባሳን እዝ ቃል እዙይ ስምዓ። ትግርኛ AMHNIV እናንተ በሰማርያ ተራራ የምትኖሩ የባሳን ላሞች፣ ድኾችን የምትጨቁኑና ችግረኞችን የምታስጨንቁ፣ ባሎቻችሁንም፣ “መጠጥ አቅርቡልን” የምትሉ ሴቶች ይህን ቃል ስሙ፣ አማርኛ SWAHSUV Lisikieni neno hili, enyi ng'ombe wa Bashani, mnaokaa juu ya mlima wa Samaria, mnaowaonea maskini, na kuwaponda wahitaj… Kiswahili