Ruutii fi Booz

57 Lakkoofsota3Afaan Oromoo

Ruut 2:1-22

1Naa'omiin lammii abbaa manaa isheetii kan ta'e aantii tokko qabdi turte; inni qomoo Eliimelek keessaa nama guddaa fi jabaa tokko ture, maqaan isaas “Boaz” jedhama.

2Gaaf tokko Ruut isheen biyya Mo'aab Naa'omiidhaan,“Ka'een lafa maasiin jiru dhaqee abbaa faara anaaf tole biraa qarmii bu'adha” jette; amaatiin ishees,“Dhaqi intala ko” jetteen.

3Ruut kana irratti baatee gara maasii tokkoo dhaqxee, warra midhaan haaman biraa qarmii bu'atte; akkuma ayyaana isheetii immoo maasiin sun hirmaata Boaz isa qomoo Eliimelek sanaa ta'ee argame.

4Kana gidduutti Boaz Betlihemii dhufee warra midhaan haamaniin,“Waaqayyo isin bira haa jiraatu!” jedhee nagaa isaaniif dhi'eesse; isaanis,“Waaqayyo si haa eebbisu!” jedhaniin.

5Boaz immoo,“Intalli kun kan eenyuu ti?” jedhee naa'oo isaa isa warra midhaan haaman kana irratti aboon kennameef in gaafate.

6Naa'ichi inni warra midhaan haaman sana irratti aboon kennameef deebisee,“Isheenoo intala ishee Naa'omii wajjin biyya Mo'aabii dhuftee dha;

7isheen,“Hadaraa, qarmii nan bu'adha, warra midhaan haaman booddeedhaanis bissii bissii gidduudhaa nan funaannadha” jettee kadhatte; isa dhuftes ganamaa jalqabdee hamma ammaatti utuu gad hin taa'in, reefuu xinnoo ishee aara galfatti” jedhe.

8Boaz yommus Ruutiin,“Mee dhaggeeffadhu intalo! Qarmii bu'achuudhaaf gara maasii biraa dhaquu si hin barbaachisu, asii hin adeemin! Dubartoota maasii koo keessa hojjetan biraas hin hafin!

9Maasii isaan keessaa midhaan haaman ijaan qabi, isaan duukaa dhaqi, hojjetoonnis akka si hin tuqneef kunoo ani abboomeera; yommuu dheebottus gara qodaa bishaanii dhaqii isa hojjetoonni waraaban dhugi!” jedhe.

10Ruut kana irratti lafa geessee qoommaatee Boaziin,“Attamitti akkas faara anaaf tolte, ana ishee ormas akka firaatti na ilaalte?” jette.

11Boaz immoo deebisee Ruutiin,“Erga abbaan manaa kee du'ee wanti ati amaatii keef goote hundinuu, tokko tokkoon anatti himameera; attamitti abbaa kee fi haadha kee, biyya itti dhalattes dhiiftee, gara saba dur hin beeknee akka ati dhufte dhaga'eera.

12Gocha keetiif Waaqayyo waan gaarii siif haa deebisu, gatiin kees Waaqayyo gooftaa Israa'el, isa ati bobaa isaa jalatti kooluu galte biraa waan gaariidhaan siif haa guutu!” jedhe.

13Isheen yommus,“Ati faara anaaf tolteetta gooftaa ko; ani illee hojjetoota kee keessaa hamma ishee tokkoo iyyuu hin ga'u, ati garuu na jajjabeessitee, waan hojjettuu kee garaa ciibsu dubbatteetta” jette.

14Yeroo itti guceedhaaf taa'anittis Boaz Ruutiin,“As dhi'aadhu, buddeenas cabsadhu, cuunfaa waynii isa dhangaggaa'e kanattis cuuphadhu!” jedhe; isheenis warra midhaan haaman bukkeedhaan in teesse; Boaz immoo akaayii itti qabe; isheenis isa fudhattee nyaattee, quuftee, irraa hafes.

15Kana booddee isheen kaatee qarmii bu'achuutti deebite; Boaz immoo hojjetoota isaatiin,“Bissii bissii gidduudhaa iyyuu haa bu'attu ishee hin rifaasisinaa!

16Kana malee iyyuu isheen haa bu'attuutii duroo duroo keessaa luqqisaatii hambisaaf! Isin immoo hin ifatinaa!” jedhe.

17Akkasitti isheen hamma galgalaatti qarmii bu'atte; garbuu bu'atte sanas cagadattee, akka quunnaa sadii ba'eef.

18Isheen midhaanicha ol fudhattee mandaratti galte; isa bu'atte sanas amaatii isheetti argisiifte; isa guyyaa nyaattee quuftee irraa hambiftes, gad fuutee amaatii isheetiif in laatte.

19Yommus amaatiin ishee Ruutiin,“Har'a eessaa bu'atte” Eessaa waa barbaaddachaa oolte” Namicha karaa kana siif yaade Waaqayyo haa eebbisu!” jette; Ruut eenyu biraa akka bu'achaa ooltee, maqaan namicha isheen biraa hojjetachaa ooltes Boaz ta'uu isaa amaatii isheetti himte.

20Kana irratti Naa'omiin haadha manaa ilma isheetiin,“Waaqayyo inni gaarummaa isaa warra jiranii fi warra du'an irraa hin fudhanne, isa haa eebbisu!” jette; itti fuftees,“Namichi kun fira nutti dhi'aatu, barcumas kan qajeelchuu dha” jette.

21Ruut isheen biyya Mo'aab kun immoo,“Hamma hojjetoonni koo midhaan koo hundumaa sassaabanii fixanitti, isaan biraa hin hafin anaan jedheera” jette.

22Naa'omiinis Ruut haadha manaa ilma isheetiin,“Maasii nama biraa keessa dhaqxee namni si tuquu irra, dubartoota warra isaaf hojjetanii wajjin ba'uun kee ba'eessa yaa intala ko” jette.

Ruut 3:1-18

1Kana booddee Naa'omiin amaatiin ishee Ruutiin,“Yaa intala ko, mana akka godhattuuf“Uffee” jettees sitti akka toluuf, karaa siif barbaaduun ana irra jira mitii ree”

2Boaz inni ati dubartoota isaaf hojjetan bira oolaa turte, lammii keenya mitii ree” Ilaa inni har'a galgala lafa oobdiitti garbuu in qulleeffata;

3kanaaf ati dhiqadhuu, dibadhuu, uffadhuu, wayyaa kees fudhadhuu, lafa oobdii sanatti gad bu'i! Garuu erga namichi nyaatee dhugee booddee malee, itti hin mul'atin!

4Yeroo inni dhaqee rafu immoo iddoo inni ciisu sana hubadhu, kana booddees dhaqiitii miilla isaa irraa wayyaa saaqi, achumas ciisi! Inni yommus maal akka gootu sitti in hima” jette.

5Ruut deebiftee,“Waan hundumaa akkuma ati jette nan godha!” jetteen.

6Kana irratti Ruut gara lafa oobdii itti midhaan qulleessan sanatti gad buutee, akkuma amaatiin ishee itti himte goote.

7Boaz nyaatee dhugee erga garaa ciibsatee, dhaqee tuullaa midhaanii garasiin in ciise; ergasii Ruut suuta jettee dhuftee, miilla isaa irraa wayyaa saaqxee achuma in ciifte.

8Gara halkan walakkaatti namichi“Birr” jedhee, gara galee yommuu ilaalu, dubartiin tokko gara miilla isaa jalaan utuu ciiftuu argee,

9“Eenyu ati?” jedhe; isheen immoo deebiftee,“Ana Ruut hojjettuu kee ti; aantiin barcuma qajeelchu si waan ta'eef, amma golgaa kee hojjettuu kee irra diriirsi!” jette.

10Innis,“Waaqayyo si haa eebbisu, intalo! Hiyyeessotas haa ta'anii, sooressootas haa ta'anii, ati warra dargaggoota duukaa hin buune; kanaan isa dura argisiifte caalaa gaarii gochuu kee argisiifteetta.

11Ammas hin sodaatin yaa intalo! Ati dubartii ba'eettii ta'uu kee namni karra mandara kanaatiin ol galu hundinuu waan beekuuf, anis waanuma ati dubbatte siif nan godha.

12“Ani aantii barcuma qajeelchu ta'uun koo illee dhuguma, garuu barcuma qajeelchuudhaaf ana caalaa kan dhi'aatu tokko jira.

13Edanaaf asuma turi! Ganamas namichi“Barcuma nan qajeelcha” yoo jedhe, silaa in tole haa qajeelchu! Inni barcuma qajeelchuudhaaf fedha hin qabu yoo ta'e garuu, harka Waaqayyo isa jiraataa, ani barcuma nan qajeelcha; hamma bari'utti immoo achuma ciisi!” jedheen.

14Isheen hamma lafti bari'utti achi gara miilla isaa jalaan in ciifte; garuu Boaz,“Dubartiin lafa oobdii dhufuun ishee akka hin beekamne” jedhee waan tureef, Ruut utuu lafti ifee iji namaa wal hin hubatin kaate.

15Inni Ruutiin,“Wayyaa kee isa irra keessatti uffattu diriirsii as qabi!” jedhe; isheen immoo wayyaa ishee itti qabde; achumaanis garbuu qodaa safaraa ja'a itti naqeefii, ol fuudhee in baachise; akkasitti isheen deebitee mandaratti in galte.

16Yeroo isheen galtes amaatiin ishee,“Intala ko attam taate?” jetteen; yommus isheen immoo wanta namichi isheedhaaf godhe hundumaa itti himtee,

17“Inni,‘Harka kee duwwaa gara amaatii keetiitti hin deebi'in!’ jedhee, kunoo garbuu qodaa safaraa ja'an kana anaaf kenne” jetteen.

18Yommus Naa'omiin,“Yaa intala ko, namichi kun har'a dubbii kana utuu hin raawwatin hin boqotu, kanaaf hamma gara dubbichi itti deebi'u bartutti, calluma jedhii taa'ii ilaali!” ittiin jette.

Ruut 4:1-17

1Kana gidduutti Boaz gara karra dallaa lafa namoonni itti wal ga'anitti ol ba'ee taa'e; kunoo, namichi inni barcuma qajeelchuudhaaf ana caalaa itti in dhi'aata jedhee, Boaz waa'ee isaa dubbate sun achiin in darba ture; yommus Boaz,“Abalu, mee as gorii taa'i!” jedhee waame; innis itti goree in taa'e.

2Itti dabalees Boaz maanguddoota mandara sanaa keessaa nama kudhan ergee fidatee,“As taa'aa!” jedheen; isaanis in taa'an.

3Kana booddee Boaz, namicha barcuma qajeelchuudhaaf caalaa itti dhi'aatu sanaan,“Naa'omiin isheen biyya Mo'aabii deebite sun, lafa hirmaata Eliimelek lammii keenyaa gurgurachuu in barbaaddi;

4ammas waa'ee isaatiif kanan yaade mul'inatti sitti nan hima; warra as taa'an kana duratti, angafoota saba kootii duratti lafa kana oolfadhu! Yoo oolfachuu feete, oolfadhu! Yoo fedha isaa hin qabdu ta'e garuu akkan baruuf anatti himi! Namni oolfachuun ta'uuf si malee kan biraa hin jiru; sitti immoo anatu aana” jedhe; namichis,“Nan oolfadha” jedhe.

5Boaz immoo,“Egaa Naa'omii harkaa laficha gaafa oolfattu, maqaa namicha du'ee iddoo dhaala isaatiitti deebisuudhaaf, barcuma namicha du'ees qajeelchuudhaaf, Ruut haadha manaa isaa ishee biyya Mo'aabis immoo oolfachuu kee ti” jedhe.

6Namichi“Laficha nan oolfadha” jedhe kunis,“Lafa isa ani dhaaluudhaaf bitu kana dhabuuf jira, kanaaf ani danda'ee hin oolfadhu; egaa nama oolfatu ta'uu waanan dadhabeef, waan oolfachuun ana irra ture, ati ofii keetii oolfadhu!” jedhe.

7Dur biyya Israa'el keessatti, namni tokko yeroo wanta tokko isa kaan irraa oolfatu yookiis geddaratu, dubbiin isaa dhaabataa akka ta'utti kophee isaa miilla tokkoo ofittii baasee isa kaaniif in kenna ture; kun Israa'el keessatti wanta isaan ittiin dubbii walii galtee isaanii cimsan ture.

8Kanaaf namichi“Laficha oolfachuu hin danda'u” jedhe kun Boaziin,“Ati ofii keetii oolfadhu!” jedhee, kophee isaa miilla tokko ofittii baasee itti kenne.

9Yommus Boaz maanguddootaaf namoota achi turaniin,“Waan Eliimelek, ilmaan isaas Kiliyoonii fi Maahiloon qabu turan hundumaa, har'a Naa'omii irraa oolfachuu kootiif isin imaanyii koo ti.

10Ruut ishee durba Mo'aab ishee Maahiloon irraa du'es, haadha manaa koo akka taatuuf oolfadheera; kanas maqaa isa du'e sanaa iddoo dhaala isaatiitti deebisuudhaaf, maqaan isa du'e sanaa lammii isaa gidduudhaa, wal ga'ii karra mandara isaa keessaas akka hin balleeffamne gochuudhaaf akka ta'e, isin har'a dhugaa in baatu” jedhe.

11Yommus warri karra dallaa keessatti wal ga'an, maanguddoonnis,“Nuyi kanaaf imaanyii dha; dubartii haadha manaa kee ta'uuf jirtu kana Waaqayyo, akka Raahel akka Liyaas warra ijoollee Israa'el horan siif haa godhu! Ati immoo qomoo Efraataa keessatti nama jabaa ta'i! Betlihem keessattis gurra godhadhu!

12Qe'een kees ijoollee warra Waaqayyo dubartii kana irraa siif kennu kanaan, akka qe'ee Faares isa Taamaar Yihudaadhaaf deessee haa ta'u!” jedhan.

13Akka kanatti Boaz Ruutin ofitti fudhatee, haadha manaa godhate; yeroo inni ishee bira ga'etti Waaqayyo ishee eebbisee, in ulfoofte, ilmas in deesse.

14Yeroo sanatti dubartoonni mandaraa Naa'omiidhaan,“Waaqayyo inni har'a nama si furu si hin dhabsiisin haa jajamu! Maqaan mucichaas Israa'el keessatti beekamaa haa ta'u!

15Mucicha haadha manaa ilma keetii ishee ilmaan torba irra siif caaltu, ishee si jaallatutu siif da'e waan ta'eef, inni muuxxootti si deebisa, bara dulluma keettis si soora” jedhan.

16Ergasii Naa'omiin mucicha fuutee, baattee in guddifte.

17Dubartoonni ollaa sanaa,“Naa'omiif ilmi dhalateera” jedhanii mucichaaf maqaa kennuu dhaqanii, maqaa isaas “Yoobeed” jedhanii in moggaasan; Yoobeed abbaa Isey, Isey immoo abbaa Daawit ture.