Raajoota Ba'aal
24 LakkoofsotaAfaan Oromoo1ffaa Mootota 18:17-40
17Ahaab yommuu Eliyaasin arge,“Edaa, sii inni Israa'elin rakkisu?” jedheen.
18Eliyaas immoo deebiseefii,“Sii fi hortee abbaa keetiitu Ba'aal duukaa bu'ee abboommii Waaqayyoo dhiisuudhaan Israa'elitti rakkina fidde malee, ani rakkina itti hin fidne.
19Egaa amma nama ergiitii Israa'eloota hundumaa, raajota Ba'aal dhibba afurii fi shantamman akkasumas raajota Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu dhibba arfan warra maaddii Iizaabel irraa nyaatan sana tulluu Qarmelos irratti walitti anaaf qabi!” jedhe.
20Kana irratti Ahaab Israa'eloota hundumaatti nama ergee tulluu Qarmelos gubbaatti raajota sana walitti in qabsiise.
21Eliyaas yommus namoota sana hundumaa duratti ba'ee,“Hamma yoomiitti yaadni keessan walaallammii ta'a” Gooftichi Israa'el Waaqayyoo dha yoo ta'e, isa duukaa bu'aa! Yookiis Ba'aaltu Waaqayyoo dha yoo ta'e, isa duukaa bu'aa!” isaaniin jedhe; jarri garuu waan tokko illee hin dubbanne.
22Yommus Eliyaas namoota sanaan,“Raajota Waaqayyoo keessaa ana duwwaatu hafe, Ba'aal garuu raajota dhibba afurii fi shantama qaba.
23Egaa tuntunoota lama nuuf dhi'eessaa, raajonni Ba'aal kun tuntunoo tokko fo'atanii haa qalan! Foon isaa immoo buusaa buusaatti kukkutanii qoraan irra haa naqan! Garuu ibidda itti hin qabsiisin! Ani immoo tuntunoo isa kaan qopheessee qoraan irra nan naqa, garuu ibidda itti hin qabsiisu.
24Isaan waaqayyo isaanii maqaa dha'anii haa kadhatan, anis Waaqayyoon maqaa dha'ee nan kadhadha; Waaqayyo inni ibidda erguu isaatiin deebii kennu inni dhuguma Waaqayyoo dha” jedhe; namoonni sun hundinuu deebisanii,“Dubbiin kun ba'eessa” jedhaniin.
25Eliyaas yommus raajota Ba'aaliin,“Isin baay'ee waan taataniif, tuntunoo tokko fo'adhaatii dura qopheessaa; Waaqayyo keessan maqaa dha'aatii kadhadhaa, ibidda garuu itti hin qabsiisinaa!” jedhe.
26Isaan tuntunoo isaaniif kenname sana qalanii qopheessanii,“Yaa Ba'aal deebii nuuf kenni!” jedhanii ganamaa hamma waareetti Ba'aalin maqaa dha'anii in kadhatan; isaan ofumaa iddoo aarsaa isa ijaaran sanatti naanna'anii sirban malee, sagaleen hin turre; kan isaaniif deebii kennes hin argamne.
27Gara sa'aatii ja'aa yommuu ta'e Eliyaas,“Inni waaqayyolii keessaa tokko; tarii yaadatu isa fudhatee sokke, yookiis hojiitu itti baay'ate, yookiis karaa adeemaa jira, yookiis immoo rafaa jira waan ta'eef, isa dammaqsuudhaaf guddisaatii iyyaa!” jedhee isaanitti in ga'ise.
28Isaan sagalee guddaadhaan iyyanii, akkuma amala isaanii dhiigni isaanii hamma lola'utti billaadhaa fi eeboodhaan of in murmuran.
29Waaree booddees hamma yeroo aarsaa galgalaatti ittuma fufanii in caraanan; garuu sagaleen kan biraa hin turre, kan isaaniif deebii kenne hin argamne, namni yaadaan isaan qabes hin turre.
30Yommus Eliyaas,“Amma immoo as gara koo kottaa!” jedhee jaratti in dubbate; jarris gara isaa in dhaqan; inni immoo iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessan isa diigamee ture deebisee in ijaare.
31Inni lakkoobsa gosa ilmaan Yaaqoob kudha lamaaniin dhagaa kudha lama walitti in qabate; Yaaqoob kun isa Waaqayyoo,“Maqaan kee Israa'el in jedhama” ittiin jedhee turee dha.
32Dhagoota kanaan Waaqayyoof iddoo aarsaa in ijaare; iddoo aarsaa kanatti naannessee immoo boolla akka bishaan liitrii kudha shanii baachuu danda'u in qote.
33Qoraan iddoo aarsaa sana irra naqee, tuntunoo qalame sana kukkutee qoraanicha irra in naqe; kana booddees,“Bishaan okkotee afur guutaatii qalmicha gubamuu fi qoraanicha irratti dhangalaasaa!” isaaniin jedhe.
34Itti fufee,“Si'a lammaffaas akkuma ammaa kana godhaa!” isaaniin jedhe; isaanis si'a lammaffaa itti in dhangalaasan; inni immoo,“Si'a sadaffaas akkasuma godhaa!” jedhee in abboome; isaanis si'a sadaffaa akkasuma in godhan.
35Bishaanichis gad yaa'ee boolla iddoo aarsaa sanatti naanneffamee qotame iyyuu in guute.
36Yeroo aarsaa galgalaatti, Eliyaas raajichi gara iddoo aarsaatti dhi'aatee,“Yaa Waaqayyo gooftaa isa kan Abrahaam, kan Yisihaq, kan Yaaqoobis ati Waaqayyo isa kan Israa'el akka taate, ani garbicha kee akkan ta'e, wanta kana hundumaas abboommii keetiin akkan godhe har'a akka beekamu godhi!
37Jarri kun ati Waaqayyo gooftaa akka taate, yaada isaanii gara ofii keetti deebisuuf akka jirtu akka beekanitti anaaf dhaga'i! Yaa Waaqayyo, anaaf dhaga'i!” jedhee in kadhate.
38Yommus ibiddi waaqa irraa bu'ee qalmicha gubamu, qoraanicha, dhagaa fi biyyoo gubee, bishaan boollicha keessa tures arraabee in gogse.
39Jarri hundinuu kana yommuu argan, adda isaaniitiin gombifamanii sagalee guddaadhaan,“Gooftichi kun Waaqayyoo dha! Gooftichi kun Waaqayyoo dha!” jedhan.
40Yommus Eliyaas,“Raajota Ba'aal qabaa! Isaan keessaa namni tokko illee akka ba'u hin godhinaa!” jedhee isaan in abboome; jarri sunis raajota sana in qaban; Eliyaas immoo gara laga Qiisonitti geessee achitti isaan in fixe.