Raajii
6 Lakkoofsota4Afaan Oromoo1ffaa Ximotewos 4:14
14Sagalee raajii dubbatameen, maanguddoonni harka isaanii mataa kee irra kaa'uudhaanis, kennaa hafuuraa siif kennamee si keessa jiru sana hin dagatin.
2ffaa Pheexiroos 1:19-21
19Ammas dubbiin raajonni dubbatan kun caalchisee nuuf cime; isinis hamma boruun baqaqutti, bakkalchi garaa keessan keessa ibsus hamma ba'utti, dubbii kana akka ibsaa iddoo dukkanaatti ibsutti yaadaan duukaa yoo buutan gaarii gochuu keessan.
20Caalaadhumatti immoo raajiin caaffata qulqullaa'aa akka namni tokko yaada ofii isaatiin kennutti hiikamuun akka hin taane beekuun isin irra jira.
21Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatiin hin taane; garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru.
Mul'ata 19:10
10Kana irratti isaaf sagaduudhaaf miilla isaatti nan kufe; inni garuu, ?Kana gochuun siif hin ta'u! Ani sii fi obboloota kee warra isa Yesus dhugaa ba'etti qabamaniifis hidhata hojii ti, Waaqayyoof sagadi!? naan jedhe. Inni Yesus dhugaa ba'e immoo isa hafuurri namoota raajii dubbachiisuu dha.
Mul'ata 22:19
19Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame irraa yoo waa hir'ise immoo, Waaqayyo muka jireenya kennuu fi, mandarattii qulqulluu waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman keessaa qooda isaa hir'isuuf jira.