Mul'ata 6

GAZGAZAfaan Oromoo17 Keeyyattoota4:15 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:15 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kana booddee hoolichi mallattoowwan torban keessaa isa tokko utuu banuu nan arge; uumama lubbuu qaban arfan keessaa immoo inni tokko sagalee akka kakawweetiin, ?Kottu!? jechuu isaa nan dhaga'e.

2Ani achi ilaaleen farda adii tokko arge; inni fardicha irra taa'e immoo iddaa harkatti qabate; gonfoon tokkos isaaf in kenname. Inni mo'aa, ammas mo'uudhaaf in ba'e.

3Yeroo hoolichi mallattoo isa lammaffaa bane immoo, uumamni lubbuu qabu inni lammaffaan, ?Kottu!? jechuu isaa nan dhaga'e.

4Fardi biraa diimaa biluun tokkos in ba'e; isa fardicha irra taa'eef immoo nagaa lafa irraa balleessuuf, namoonnis akka wal gorra'an gochuun in kennameef; akkasumas billaan guddaan tokko isaaf in kenname.

5Yeroo hoolichi mallattoo isa sadaffaa bane immoo, uumamni lubbuu qabu inni sadaffaan, ?Kottu!? jechuu isaa nan dhaga'e. Anis achi ilaaleen farda gurraacha tokko arge; inni fardicha irra taa'es madaalii of harkaa qaba ture.

6Yommus ani wanta sagalee fakkaatu, isa uumama lubbuu qaban arfan gidduudhaa, ?Qamadii safartuu xinnoo tokko gatii dadhabbii guyyaa tokkoo, garbuu safartuu xinnoo sadiis gatii dadhabbii guyyaa tokkoo godhi! Ejersaa fi muka waynii garuu hin miidhin!? jedhu nan dhaga'e.

7Yeroo hoolichi mallattoo isa afuraffaa bane immoo, sagaleen uumama lubbuu qabu isa afuraffaa, ?Kottu!? jechuu isaa nan dhaga'e.

8Yommus ani achi ilaaleen farda baalqajjii tokko arge. Inni fardicha irra taa'es maqaan isaa ?Du'a? in jedhama, mootummaan warra du'aniis isa duukaa adeeme. Lafa kana irratti harka afur keessaa harka tokko, billaadhaan, beelaan, dha'ichaan, bineensa caakkaatiin akka ajjeesaniif aboon isaaniif in kenname.

9Yeroo hoolichi mallattoo isa shanaffaa bane immoo, ani iddoo aarsaa jalatti lubbuu warra dubbii Waaqayyootiif, wanta dhugaa ba'aa turanitti jabaachuu isaaniitiifis jedhanii qalamanii nan arge.

10Isaan sagalee guddaadhaan iyyanii, ?Yaa gooftaa guddaa, qulqulluu fi dhuga-qabeessaa! Warra lafa irra jiraatanitti nuuf faraddee hamma dhiiga keenyaaf gumaa nuuf baaftutti hammam tura?? jedhan.

11Yommus adduma addaan uffanni adaadiin isaaniif kenname, obboloonni isaanii, hojii Waaqayyoo keessatti hidhati isaanii, warri akkuma isaanii ajjeefamuuf jiran hamma raawwatanii gumaa'anitti, yeroo xinnoo dabalanii akka aara galfatan isaanitti himame.

12Kana booddee hoolichi mallattoo isa ja'affaa banuu isaa nan arge. Socho'a lafaa guddaa tokkotu ta'e; biiftuunis akka cilaattii eelee in taate, ji'i guutummaatti akka dhiigaa diimate.

13Akka ija harbuu qilleensi jabaan raasee harcaasutti, urjoonni waaqa keessaa lafatti gad harca'an.

14Waaqni tarsa'ee gargar baafame, akka macaafa maramuu danda'utti in marame; tulluun, biyyi bishaan keessaa hundinuus iddoo isaaniitii in butaman.

15Kana booddee, mootonni lafa kana irraa, namoonni gurguddoonni, abboonni duulaa, sooreyyiin, jajjaboonni, garbichi, birmaduunis hundinuu holqa keessa, kattaa tullootaa gidduus in dhokatan.

16Tullootaa fi kattaawwanis waammatanii, ?Nu irratti jigaa, fuula isa teessoo irra taa'uu duraa, dheekkamsa hoolichaa duraas nu dhoksaa!

17Guyyaan guddaan inni itti isaan kun dheekkaman dhufeera; egaa eenyutu dura dhaabachuu danda'a ree?? jedhan.

Ibsa

6:1-8

Kiristoos, Hoolichi, mallattoo isa jalqabaa ni bana: maal akka mul’ate ilaalaa. Farda adii irra kan taa’e tokko. Fardi adiin kun yeroo deemuun isaa, yeroo nagaa, yookaan dura bu’iinsi amantii Kiristiyaanaa isa jalqabaa, akeekamuu akka danda’u fakkaata; qulqullummaan isaa yeroo deeme, yeroo Hundeesaan isaa samii ergamoota isaa saboota hundaa barsiisuuf erge, dabalees, "Kunoo! Ani yeroo hundumaa, hamma dhuma addunyaattillee isinii wajjinan jira" jedhe. Amantiin Waaqayyoo gonfoo qabu, ayyaanni Waaqayyoo isa irra bulfamee, diinota isaa irratti hafuuraan hidhatamee, dhuma irrattis mo’ataa ta’uuf kan murtaa’e ta’ee ni ba’a.

Mallattoo isa lammaffaa yeroo bane, fardii diimaan tokko mul’ate; kunis firdiiwwan mancaasan argisiisa. Seefiin waraanaa fi ari’atamaa firdii sodaachisaa dha; innis nagaa lafa irraa, isa eebbawwan gurguddoo keessaa isa tokko, ni fudhata; namoonni wal jaallachuu fi wal gargaaruu qaban, wal ajjeesuu irratti ni ka’u. Haalawwan akkasii yeroo qulqulluu Kiristiyaanummaa isa jalqabaa boodas kan hordofan turan, yeroo hogganoonni Kiristiyaanaa jaalala fi hidhata nagaa dagatanii, ofuma isaanii gidduutti qoodamanii, seefitti iyyaatan, ofis badiisa keessa galchan.

Mallattoo isa sadaffaa yeroo bane, fardii gurraachi tokko mul’ate; kunis bifa gadda fi boo’icha, dukkanaa fi wallaalummaa argisiisu dha. Inni isa irra taa’e qaagaa harka isaa keessa qaba ture. Yaaliin ulkisa duudhaa amantii of tuulummaa barattoota irratti kaa’uuf godhame ture. Akka ya’a Kiristiyaanummaa burqaa qulqulluu isaa irraa fagaachaa deeme, inni caalaa caalaa ni manca’e. Yeroo fardii gurraachi kun deemetti, wantoonni jireef barbaachisan gatii guddaa ta’u, akkasumas wantoonni gatii qabeeyyii ta’an hin miidhamne. Akka dubbii raajummaatti, wantoonni kun nyaata beekumsa amantii, kan lubbuun namaa jireenya bara baraaf ittiin gargaaramtu, argisiisu; kanas bituuf ni afeeramne, Isa 55:1. Ta’us, yeroo duumessii dukkanaa wallaalummaa fi amantii sobaa, kan fardii gurraachaan agarsiifame, addunyaa Kiristiyaanaa irra babal’ate, beekumsi fi hojiin amantii dhugaa ni dhabame. Yeroo sabaan nyaata isaanii isa hafuuraa jibban, Waaqayyo sirritti nyaata isaanii isa guyyaa irraa isaan dhoowwuu danda’a. Beelli buddeenaa firdii hamaa dha; garuu beelli sagalee sana caalaa hamaa dha.

Mallattoo isa afuraffaa yeroo bane, fardii biraa, bifa burrii qabu tokko mul’ate. Inni isa irra taa’e Du’a ture, mootii sodaachisaa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በጉም ከሰባቱ ማኅተም አንዱን በፈታ ጊዜ አየሁ፥ ከአራቱም እንስሶች አንዱ ነጐድጓድ በሚመስል ድምፅ፦ “መጥተህ እይ፡” ሲል ሰማሁ። አማርኛ ENGNIV I watched as the Lamb opened the first of the seven seals. Then I heard one of the four living creatures say in a voice… English BCV እቲ በጊዕ፥ ካብቲ ሸውዓተ ማሕተማት፥ ነቲ ቐዳማይ ክፈትሖ እንተሎ ረአኹ። ሓደ ኻብቶም ኣርባዕተ እንስሳ ድማ፥ ከም ነጐድጓድ ብዝመስል ድምፂ፥ “ነዓ ረአ” እንትብል ሰማዕኹ። ትግርኛ GAZBIB Kana booddee hoolichi mallattoowwan torban keessaa isa tokko utuu banuu nan arge; uumama lubbuu qaban arfan keessaa imm… Afaan Oromoo BCV GIZ ወሶበ ፈትሐ ዝክቱ በግዕ አሐደ ማኅተመ እምነ ሰብዐቱ ማኅተሚሃ ይቤለኒ አሐዱ እምነ እልክቱ አርባዕቱ እንስሳሁ፦ “ነዓ ርኢ”፤ ወሰማዕኩ ቃሎ ከመ ነጐድጓድ። giz BCV aksum እቲ በጊዕ፥ ካብቲ ሸውዓተ ማሕተማት፥ ነቲ ቐዳማይ ክፈትሖ እንተሎ ረአኹ። ሓደ ኻብቶም ኣርባዕተ እንስሳ ድማ፥ ከም ነጐድጓድ ብዝመስል ድምፂ፥ “ነዓ ረአ” እንትብል ሰማዕኹ። ትግርኛ AMHNIV በጉም ከሰባቱ ማኅተሞች የመጀመሪያውን ሲፈታ አየሁ፤ ከዚያም ከአራቱ ሕያዋን ፍጡራን አንዱ፣ ነጐድጓድ በሚመስል ድምፅ “ና!” ሲል ሰማሁ። አማርኛ SWAHSUV Kisha nikaona napo MwanaKondoo alipofungua moja ya zile muhuri saba, nikasikia mmoja wa wale wenye uhai wanne akisema, … Kiswahili