Luqaas 16

GAZGAZAfaan Oromoo31 Keeyyattoota7:09 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 7:09 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yesus bartoota isaatiin immoo, ?Namni sooressi tokko, qabeenya mana isaa hundumaa irratti kan gaafatamuuf, hojii adeemsiftuu qaba ture; al tokko hojii adeemsiftuun isaa kun qabeenya isaa akka duraa bittimsaa jiru, namichatti in himame.

2Yommus namichi ofitti isa waamsisee, ?Waa'ee keef kanan dhaga'u kun maal inni? Caaffata hojii adeemsisuu keetii, anaaf dhi'eessi! Si'achi itti fuftee hojii koo adeemsisuu hin dandeessu? ittiin jedhe.

3Yommus hojii adeemsiftuun sun garaa isaatti yaadee, ?Gooftaan koo hojii adeemsisuu kana keessaa yommuu na baasu, maal gochuudhaafan jira? Soqaa hin danda'u, kadhachuuf immoo nan yeella'a? jedhee of gaafate.

4?Yommuu ani hojii kana keessaa ba'u namoonni akka ofitti na fudhataniif, amma waanan godhu beekeera? jedhe.

5Warra gooftaan isaa gatii irraa qabu hundumaa tokko tokkoon ofitti waamee, isa duraatiin, ?Gatiin gooftaa koo maaltu si irra jira?? jennaan,

6namichi immoo, ?Dhadhaa ejersaa huuroo dhibba? jedhee deebise. Hojii adeemsiftuunis namichaan, ?Ho'u fiirmaa gatii si irra jiruu, taa'ii dafiitii shantama jedhii caafi?.

7Nama kan biraa tokkoon immoo, ?Gatii hammamiitu si irra jira?? jennaan, innis, ?Qamadii guuboo dhibba? jedhe. Isa kanaanis, ?Ho'u fiirmaa gatii si irra jiruu, saddeettama jedhii caafi!? ittiin jedhe.

8?Gooftichis hojii adeemsiftuu hin amanamne kana miliquu isaatiif in jaje; ijoolleen biyya lafa kanaa ijoollee ifaa irra kan caalu akka itti miliqanii walii wajjin jiraatan beeku.

9Ani isinittan hima, qabeenyichi yommuu gatii dhabu mana bara baraatti akka simatamtaniif qabeenya biyya lafa irraa isa hin amansiifne kanaan firoota baafadhaa!? jedhe.

10Yesus itti fufee, ?Waan baay'ee xinnoo irratti amanamaa kan ta'e, waan guddaa irrattis amanamaa in ta'a; waan baay'ee xinnoo irratti amanamaa kan hin ta'in waan guddaa irratti immoo amanamaa hin ta'u.

11Isin qabeenya biyya lafa irraa isa sobaa irratti kan hin amanamin, qabeenya isa dhugaa immoo eenyutu amanee isinitti kenna ree?

12Qabeenya biyya lafaa isa kan keessan hin ta'initti erga amanamuu dhabaattanii, kan keessan isa ta'uuf jedhu eenyutu isiniif kenna ree?

13Garbichi tokko gooftota lamaaf abboomamuu hin danda'u; isa tokko jibbee, isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee. Isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan? jedhe.

14Fariisonni warri horii jaallatan kana hundumaa dhaga'anii, Yesusitti ga'isan.

15Inni garuu deebisee, ?Isin namoota biratti qajeelota jedhamuu barbaaddu, Waaqayyo garuu garaa keessan keessa beeka, waan nama duratti ol fuudhame Waaqayyo duratti ciigga'amaa dha.

16Seerrii fi raajonni hamma bara Yohannis cuuphaatti turan, ergasii immoo wangeela mootummaa Waaqayyootu lallabama, namni hundinuus dhiibbate itti galuudhaaf yaalaa jira.

17Garuu seerichi kan ittiin caafame keessaa gar tokkoon fidalaa illee hir'achuu irra, waaqnii fi lafti ija duraa baduutu salphata.

18?Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundinuu in ejja, dubartii abbaa manaa isheettii gargar baate kan fuudhus in ejja? jedhe.

19Amma immoo, ?Al tokko namichi sooressi tokko ture; innis uffata irraa fi jalaan dhagnatti toluu fi ijatti miidhagu gatiin isaa baay'ee kan guddate gegeddaruudhaan guyyuma guyyaatti qannootti jiraata ture.

20Deegaan Alaazaar jedhamu, namummaan isaa guutummaatti madaa'e tokko immoo balbala kellaa isaa dura kaa'amee ture.

21Inni achi ciisee hurraa maaddii sooressichaa irraa harca'ee gatamu illee nyaachuudhaaf in kajeela ture; saroonni immoo dhufanii madaa isaa in arraabu turan.

22Gaaf tokko namichi deegaan sun du'ee, ergamoota Waaqayyootiin gara bukkee Abrahaamitti geeffame; sooressichis immoo du'ee awwaalames.

23Qilillee keessaas dhiphachaa utuma jiruu ol ilaalee, Abrahaamin fagootti, Alaazaarinis bukkee isaatti arge.

24Achumaanis, ?Yaa abbaa ko Abrahaam, naa oo'i; fiixee quba isaa bishaan cuuphee, arraba koo anaaf haa qabbaneessuufis Alaazaarin as anaaf ergi. Anoo ibidda kana keessatti dhiphachaan jira? jedhee waammate.

25Abrahaam garuu, ?Yaa ilma ko, bara jireenya keetti carraa gaggaarii akka argatte yaadadhu; yommus Alaazaar immoo carraa gaggadhee argachaa ture. Amma garuu inni bal'inatti jira, ati immoo dhiphinatti jirta.

26Kana hundumaa irratti immoo as gama keenyaa gara keessanitti darbuu warri barbaadan, akka hin dandeenyetti, achiis gara keenyatti akka hin ceenetti, bowwaa guddaan isaa nu gidduu jira? ittiin jedhe.

27?Inni immoo deebisee, ?Egaa immoo yaa abbaa ko, mana abbaa kootti akka isa ergitu sin kadhadha.

28Anoo obboloota shan qaba, isaanis as iddoo dhiphinaa kana akka hin dhufneef isaan haa akeekkachiisu? jedhe.

29Abrahaam garuu, ?Isaan Museedhaa fi raajota qabu, isaan haa dhaggeeffatan? jedhee deebiseef.

30Inni immoo, ?Waawuu, yaa abbaa ko Abrahaam, warra du'an keessaa tokko deebi'ee gara isaanii yoo dhaqe, yaada garaa isaanii geddaratu malee? jedhe.

31Abrahaam immoo, ?Museedhaa fi raajota yoo dhaga'uu dhabaatan, warra du'an keessaa tokko deebi'ee ka'u iyyuu dhugaa dha hin jedhan? ittiin jedhe? jedhe.

Ibsa

16:1-12 Wanti nuti qabnu hundi, abbummaan isaa kan Waaqayyooti; nuti itti fayyadama isaa qofa kan qabnu yoo ta'u, kunis akka qajeelfama Gooftaa keenya isa guddichaatti, akkasumas ulfina isaatiifi. Bulaan qabeenyaa kun qabeenya gooftaa isaa balleesse. Akkasumas, nu hundi keenya himata walfakkaataa kanaaf saaxilamoo dha; Waaqayyo wanta nuuf amanate sirriitti itti hin fayyadamne. Bulaan qabeenyaa kun isa ganuu hin danda'u; herrega isaa qulqulleessee dhiheessuu qaba, deemuus qaba. Kunis, duuti akka dhufuufi carraawwan amma qabnu nu dhabsiisuu isaa nu barsiisuu danda'a. Bulaan qabeenyaa kun, ida'aa gooftaa isaatiif qaban irraa gartokkee guddaa muruudhaan, warra gooftaa isaa irraa liqeeffatan yookiin warra lafa gooftaa isaa irra jiraatan irraa michoota ni argata. Gooftaan fakkeenya kana keessatti dubbatame, gowwoomsaa kana osoo hin taane, mala bulaa qabeenyaa sanaa jajeera. Karaa sana qofaan akkasitti hubatameera. Namoonni addunyaa kanaa kaayyoo isaanii filachuu irratti gowwoomoo dha; garuu hojii isaanii keessatti, akkasumas jabaatanii dhaabbachuu isaanii keessatti, yeroo baay'ee amantoota caalaa ogeessota ta'u. Bulaan qabeenyaa qajeelummaa hin qabne sun, gooftaa isaa gowwoomsuu keessatti akka fakkeenyaatti nu dura hin keenyamne, yookiin qajeelummaa dhabuu kamiyyuu deeggaruuf hin keenyamne, garuu karaa namoonni addunyaa kanaa ittiin of eeggannoo guddaadhaan hojjetan agarsiisuuf malee. Ijoolleen ifaa namoota addunyaa kanaa irraa ogummaa baratan, akkasumas kaayyoo isaanii isa caalu dhimma guddaadhaan yoo hordofan, gaarii ta'a. Badhaadhummaan dhugaan eebbawwan hafuuraa agarsiisa; namni tokko wanta Waaqayyo isaaf amanate (wantoota alaa ilaalchisee) ofiif yoo dabarsu yookiin yoo kuusu, inni Kiristoosiin Waaqayyoo irraa dhaalaa ta'uu isaa ragaa akkamii qabaachuu danda'a? Badhaadhummaan addunyaa kanaa dogoggoraa fi hin jajjabduu dha. Nu amantiidhaan, gara Waaqayyootti, Kiristoositti, akkasumas abdiiwwaniin badhaadhan, warra dhugaan badhaadhan, akkasumas baay'ee badhaadhan akka ta'an haa hubannu. Egaa qabeenya keenya samii keessatti haa kuusnu, qooda keenyas achi irraa haa eegnu.

16:13-18 Fakkii kanaaf Gooftaan keenya akeekkachiisa jabaa dabale. Waaqayyoonii fi addunyaaf hojjechuu hin dandeessan; sababiin isaas fedhiin lamaan wal faallessituu dha. Yeroo Gooftaan keenya akkana dubbatu, Farisoonni sassatoo qajeelfama isaa tuffatan.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ደግሞም ለደቀ መዛሙርቱ እንዲህ አለ፦ “መጋቢ የነበረው አንድ ባለ ጠጋ ሰው ነበረ፥ በእርሱ ዘንድ፦ ‘ይህ ሰው ያለህን ይበትናል፡’ ብለው ከሰሱት። አማርኛ ENGNIV Jesus told his disciples: “There was a rich man whose manager was accused of wasting his possessions. English BCV ኢየሱስ መሊሱ ንደቀ መዛሙርቱ ኸምዙይ በሎም፦ “መጋቢ ዝነበሮ፥ ሓደ ሃብታም ሰብኣይ ነበረ። ንእኡ ኸዓ ገንዘብካ ይብትነልካ ኣሎ፤ እናበሉ ነገርዎ። ትግርኛ GAZBIB Yesus bartoota isaatiin immoo, ?Namni sooressi tokko, qabeenya mana isaa hundumaa irratti kan gaafatamuuf, hojii adeems… Afaan Oromoo BCV GIZ ወይቤሎሙ እግዚእ ኢየሱስ ለአርዳኢሁ፦ “አሐዱ ብእሲ ባዕል ቦቱ መጋቢ ወአስተዋደይዎ ኀቤሁ ከመ ዘይዘሩ ሎቱ ንዋዮ። giz BCV aksum ኢየሱስ መሊሱ ንደቀ መዛሙርቱ ኸምዙይ በሎም፦ “መጋቢ ዝነበሮ፥ ሓደ ሃብታም ሰብኣይ ነበረ። ንእኡ ኸዓ ገንዘብካ ይብትነልካ ኣሎ፤ እናበሉ ነገርዎ። ትግርኛ AMHNIV ኢየሱስ ለደቀ መዛሙርቱ እንዲህ አለ፤ “አንድ ሀብታም ሰው አንድ መጋቢ ነበረው፤ ይኸው መጋቢ የሀብታሙን ሰው ንብረት እንደሚያባክን ለዚሁ ሀብታም ሰው ወሬ ደረሰው። አማርኛ SWAHSUV Tena, aliwaambia wanafunzi wake, Palikuwa na mtu mmoja, tajiri, aliyekuwa na wakili wake; huyu alishitakiwa kwake kuwa … Kiswahili