Luqaas 10

GAZGAZAfaan Oromoo42 Keeyyattoota8:39 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 8:39 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kana booddee immoo gooftichi kan biraa namoota torbaatamii lama mul'inatti hojiidhaaf kenne, gara mandaraa fi iddoo inni ofii dhaquuf jiru hundumaatti, lama lamaan of dura isaan erge.

2Inni isaaniin, ?Midhaan sassaabamu danuu dha; hojjetoonni sassaaban garuu muraasa. Kanaafis hojjetoota midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa.

3?Ammas beenaa, kunoo akka ilmoolee hoolaa yeeyyii keessaattan isin erga.

4Horii, qalqalloo, kophees hin baatinaa, karaa irrattis eenyuun illee nagaa gaafachuuf hin dhaabatinaa.

5Mana tokko yommuu lixan, duraan dursaatii ?Nagaan mana kanaaf haa ta'u!? jedhaa.

6Achi ilmi nagaa yoo jiraate, nagaan keessan isa irra in boqota; kanaa achis nagaan keessan isiniif deebi'a.

7Manichuma sana keessa turaa, waan isaan isiniif dhi'eessan nyaadhaa, dhugaas, hojjetaadhaaf gatii dadhabbii isaatii argachuun in ta'a; manaa mana hin labinaa!

8Mandara tokkotti galtanii yoo isin siman, waan isiniif dhi'aate nyaadhaa!

9Dhukkubsataa achi keessaa fayyisaa, saba achi jiraniinis, ?Mootummaan Waaqayyoo isinitti dhi'aateera? jedhaa!

10Mandara tokkotti galtanii, yoo isin simuu didan garuu, gara karaatti achi ba'aa;

11?Awwaara mandara keessan keessaa miilla keenyatti qabate illee of irraa in dhadhoofna; garuu mootummaan Waaqayyoo akka dhi'aate beekaa!? jedhaan.

12Guyyaa sanatti firdiin warra Sodoom kan mandara kanaa irra akka salphatu isinittan hima? jedhe.

13Yesus itti fufee, ?Siif wayyoo yaa Koraaziin, siif wayyoo yaa Betsayidaa, hojiin humna Waaqayyoo isin keessatti godhame, utuu Xiiroosii fi Sidoonaa keessatti godhameera ta'ee, sabni isaan keessa jiraatu silaa yowwana, uffata gaddaa uffatee, daaraa keessas taa'ee, geddarannaa yaada garaa isaa in mul'isa ture.

14Egaa, guyyaa sanatti isin irra kan caalu Xiiroosii fi Sidooniif firdiin in salphata.

15Ati immoo yaa Qifirnaahom, hamma waaqaatti ol ol kaafamuu barbaaddee? Badduu baasa iyyuu gara lafa jalaatti gad in darbatamta? jedhe.

16Bartoota isaatiin immoo, ?Namni isin dhaga'u, ana dhaga'a; namni isin dhaga'uu didu, ana dhaga'uu dida, namni ana dhaga'uu didus, isa na erge dhaga'uu dida? jedhe.

17Jarreen torbaatamii lamaanis guddaa gammadaa deebi'anii dhufanii, ?Yaa gooftaa, maqaa keetiin yommuu isaan abboomne, hafuuronni hamoonni iyyuu nuuf abboomaman? jedhaniin.

18Yesus immoo deebisee, ?Seexanni akka bakakkaa waaqa keessaa bu'utti, utuu inni kufuun arge.

19Ani, kunoo, mar'ataa irra, torbaanqabaa irra, aangoo diinaa hundumaa irras ejjechuu akka dandeessaniif, gooftummaa isiniif kenneera; homtinuus isin hin miidhu.

20Haa ta'u iyyuu malee, hafuuronni hamoonni isiniif abboomamuu isaaniitti hin gammadinaa; maqaan keessan waaqa irratti waan caafameef, guddisaa gammadaa malee? isaaniin jedhe.

21Yeroo sanatti Yesus hafuura qulqulluutti gammadee, ?Yaa abbaa, gooftaa waaqaatii fi lafaa, isa kana warra ogeessotaa fi hubatoota jalaa dhoksitee, wallaalotatti waan mul'ifteef sin jajadha; eyyee, yaa abbaa isa kanatti gammaddeetta? jedhe.

22Itti fufee namoota achi turanitti, ?Abbaan koo waan hundumaa dabarsee anatti kenneera. Abbaa isaa duwwaatu beeka malee, ilmi eenyu akka ta'e kan beeku hin jiru; ilma isaatii fi warra ilmi isaa itti mul'isuu barbaadetu abbaa beeka malee, abbaan eenyu akka ta'e kan beekus hin jiru? jedhee dubbate.

23Kana booddee immoo gara bartoota isaatti gara galee kophaatti, ?Iji waan isin amma argitan kana argu ayyaantuu dha.

24Raajonnii fi mootonni baay'een isa isin argitan kana arguu akka kajeelan akka hin argin hafanis, waan isin dhageessanis dhaga'uu akka kajeelan, akka hin dhaga'in hafanis, isinittan hima? ittiin jedhe.

25Kunoo, barsiisaan seeraa tokko ka'ee, Yesusin qoruudhaaf, ?Yaa barsiisaa, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?? jedhee gaafate.

26Yesus immoo deebisee, ?Seera keessatti maaltu caafamee jira? Namootaaf attamitti dubbifta?? jedhee isuma gaafate.

27Kana irratti namichi, ?Garaa kee guutuudhaan jireenya kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee goofticha jaallachuutu siif ta'a; namas akka ofii keetiitti jaallachuun siif in ta'a? jedhee deebise.

28Yesus immoo, ?Deebiin kee qajeelaa dha, atis in jiraatta kana raawwadhu!? jedheen.

29Barsiisichi seeraa garuu, nama qajeelaa of gochuu barbaadee, ?Nama isa kami?? jedhee Yesusin gaafate.

30Yesus immoo deebiseefii, ?Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gad bu'uu, warra saamtuu afaan bu'e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du'aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman.

31Lubni tokko karaa sana utuu darbuu, namicha yommuu lafatti arge irraa goree darbe.

32Akkasumas namni gosa Lewwii tokko, iddoo sana dhufee yommuu isa arge, irraa goree darbe.

33Namni Samaariyaa tokko garuu, utuu karaa adeemuu achi ga'ee, yommuu isa arge in oo'eef.

34Itti dhi'aatees, madaa isaa dibataan mucuceessee, daadhii wayniis itti naqee erga hidheefii, horii ofii isaatii yaabee adeemaa ture irra teessisee, mana buufata keessummaatti isa geesse; achittis isa gargaare.

35Borumtaas meetii lama fuudhee, isa buufata keessummaa sana eegutti kennee, ?Hadaraa ittiin wal'aani; kana irra caalaa yoo baaftes, yommuun deebi'u siifan kenna? ittiin jedhe? jedhe.

36Yesus itti fufee, ?Egaa jarreen sadan kana keessaa, isa kamtu namicha warra saamtuu afaan bu'e kana akka ofii isaatiitti ilaale sitti fakkaata?? jedhee gaafate.

37Barsiisaan seeraa sun immoo deebisee ?Isa oo'eef? jedhe; Yesus immoo, ?Atis dhaqii, akkasuma godhi!? ittiin jedhe.

38Yesus bartoota isaa wajjin adeemsa isaa itti fufee, gara ganda tokkoo yommuu dhufe, dubartiin Maartaa jedhamtu mana isheetti isa simte.

39Isheen obboleettii, Maariyaam jedhamtu, tokko qabdi; Maariyaam kun miilla gooftichaa jala teessee, dubbii isaa dhaggeeffachaa turte.

40Maartaan hojii mana keessaatti qabamtee waan kurkurtuuf, gara isaatti baatee, ?Yaa gooftaa obboleettiin koo kophaa akkan hojjedhuuf isa na dhiifteef anaaf hin yaadduu ree? Egaa akka na gargaartuuf itti naa himi kaa!? jette.

41Gooftaan garuu deebiseefii, ?Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati in yaaddofta, waan baay'eettis hammacamta.

42Kan barbaachisu waan tokkicha, Maariyaam qooda gaarii isa ishee duraa hin fudhatamne sana fo'atte? jedhe.

Ibsa

10:1-16

Kiristoos bartoota torbaatamaa lama lamaan erge, akka isaan wal jabeessanii fi wal kakaasan. Tajaajilli Wangeelaa namoota Kiristoosin akka Mootii fi Fayyisaatti fudhachuuf waama; Innis iddoo inni tajaajiltoota isaa amanamoo ergu hundumaatti humna Hafuura isaa isaatiin dhufuu isaa hin oolu. Haa ta'u malee, murtiin warra ayyaana Waaqayyoo fayyadaa malee fudhatan baay'ee sodaachisaa ta'a. Warri tajaajiltoota Kiristoos warra amanaman tuffatan, warri isaan xiqqeessanii yaadan, akkasumas warri isaanitti qoosan, akka Waaqayyoo fi Kiristoos tuffattotaatti lakkaa'amu.

10:17-24

Injifannoon Seexana irratti argannu hundi, humna Yesus Kiristoos irraa guutummaatti argamuun kan argamanidha; ulfinni hundinuu isaaf ta'uu qaba. Garuu, boona hafuuraa irraa haa eeggannu; inni baay'ee balleessaa ture. Gooftaan keenya abdii fayyina lubbuu baay'ee arguudhaan ni gammade. Sa'aatii gammachuu sanaaf xiyyeeffannaan addaa kennamuu qaba ture; sababiin isaas inni nama gaddaa tureetii, sa'aatiin akkasii muraasa turaniiru. Sa'aatii inni Seexanni kufuu argee fi tajaajiltoota isaa irratti milkaa'ina gaarii dhaga'etti, ni gammade. Inni yeroo hunda of tuultota mormeera, warra gad of deebisaniif immoo ayyaana kenneera. Irra caalaa salphaatti Ilma Waaqayyoo barsiisa isaatiif, gargaarsa isaatiif, fi eebba isaatiif hirkannuun, hanga sana Abbaa fi Ilma lamaanuu beekna; ulfina Fayyisaa Waaqayyummaa qabu arguudhaan, fi dubbii isaa dhaga'uudhaan hanga sana eebbifamoo taana; fi akka sanaan hojii isaa babal'isuudhaaf dhimma qabeeyyii taana.

10:25-37

Jireenya bara baraa fi karaa isaa ilaalchisee xiyyeeffannoo malee yoo dubbanne, maqaa Waaqayyoo akkasumaan kaafna. Namni kamiyyuu, ayyaana jijjiiramaa keessaa hirmaataa hin taane, Waaqayyoo fi nama isaa jaalala qulqulluu, hafuuraa ta'een hin jaallatu. Garuu garaan namaa inni boonaan hubannoo kanatti cimaatti morma. Kiristoos fakkeenya Yihuudii hiyyeessaa tokkoo kan rakkate, kan Samaariyaanicha gaarii ta'een gargaarame kenne. Namni hiyyeessaan kun warra hattoota gidduu bu'ee, madaa'ee akka du'uuf isa dhiisan.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ከዚህም በኋላ ጌታ ሌሎቹን ሰብዓ ሾመ፥ ሁለት ሁለትም አድርጎ እርሱ ሊሄድበት ወዳለው ከተማና ስፍራ ሁሉ በፊቱ ላካቸው። አማርኛ ENGNIV After this the Lord appointed seventy-two others and sent them two by two ahead of him to every town and place where he… English BCV ድሕሪዙይ ጐይታ ኻልኦት ሰብዓን ክልተን(ሀ) መረፀ። በብኽልተ ገይሩ፥ ናብቲ ንሱ ክኸዶ ዘለዎ ኸተማን ስፍራን ቀቅድሚኡ ለኣኾም። ትግርኛ GAZBIB Kana booddee immoo gooftichi kan biraa namoota torbaatamii lama mul'inatti hojiidhaaf kenne, gara mandaraa fi iddoo inn… Afaan Oromoo BCV GIZ ወእምዝ ኀረየ እግዚእነ ካልአነ ሰብዓ ወፈነዎሙ በበክልኤቱ ቅድመ ገጹ ውስተ ኵሉ አህጉር ወበሓውርት ኀበ ሀለዎ ይባእ። giz BCV aksum ድሕሪዙይ ጐይታ ኻልኦት ሰብዓን ክልተን(ሀ) መረፀ። በብኽልተ ገይሩ፥ ናብቲ ንሱ ክኸዶ ዘለዎ ኸተማን ስፍራን ቀቅድሚኡ ለኣኾም። ትግርኛ AMHNIV ከዚህ በኋላ ጌታ ሌሎች ሰባ ሁለት ሰዎችን መርጦ ሾመ፤ ወደሚሄድበትም ከተማና ቦታ ሁሉ እንዲቀድሙት፣ ሁለት ሁለት አድርጎ ላካቸው፤ አማርኛ SWAHSUV Basi, baada ya hayo Bwana aliweka na wengine, sabini, akawatuma wawili wawili wamtangulie kwenda kila mji na kila mahal… Kiswahili