Isaayaas 57

GAZGAZAfaan Oromoo21 Keeyyattoota5:27 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:27 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1“Namni qajeelaan in du'a, namni Waaqayyoof of kennu, wanti hamaan akka isa irra hin geenyeef in fudhatama; namni kana yaadaan qabu immoo hin jiru.

2Warri gara-qajeelonni ciisanii in boqotu, nagaadhaanis in galu.

3“Isin yaa ilmaan warra duumessa ilaalanii ayyaana hedanii, sanyii warra ejjituu fi halalee as dhi'aadhaa!

4Isin eenyutti ga'iftu, eenyutti laagaa bantu” Eenyuttis arraba baaftu” Isin ilmaan irra-daddarbituu fi sanyii sobduu mitii”

5Isin muka baalli isaa lalisu hundumaa jalatti, waaqayyolii tolfamoo keessanii wajjin ejjuuf, kajeellaan akkuma ibiddaatti isin in gube; laga keessatti, holqa dhagaa keessattis mucoolii keessan isaaniif aarsaa in dhi'eessitu mitii?

6“Dhagoota cuccululuqoo bishaan keessa jiranitti in sagaddu, dhibaayyuu isaaniif in dhi'eessitu, kennaa midhaaniis in geessituuf; egaa ani kanatti nan gammadaa ree”

7Isin tulluu dheeraa fi ol ka'aa irratti waaqayyolii tolfamoo keessanii wajjin in ejjitan, achi irrattis aarsaa in dhi'eessitan;

8cufaa jala, michichila balbalaa duuba milikkita warra saba koo hin ta'inii in kaa'attan; isin ana dhiiftanii siree qullaatti hambiftanii adeemtanii, siree isa bal'aatti ol in baatan; warra isin jaallatanii wajjin waliif in galtan, isaanii wajjinis in ejjitan.

9Moleek Waaqayyo tolfamaadhaaf kennaa dhadhaa ejersaa keessanii dhi'eessuudhaaf, urgooftuu dibataa keessan baay'iftanii dibattanii gara isaa in dhaqxan; waaqayyolii tolfamoo barbaaddachuudhaaf ergamtoota keessan, hamma gara iddoo lafa jalaatti iyyuu in ergitan;

10isaan barbaaddachuudhaaf karaan yommuu isin dadhabsiise illee, isin,“Kun abdii hin qabu” hin jenne; humna haaraa waan argattaniif dadhabdanii hin dhiifne.

11“Akka isin sobdaniif warri akkas isin sodaachisanii, isin naasisan kun eenyufa'i” Isin ana in irraanfattan, waa'ee koos yaadatti hin qabanne; sababii ani yeroo dheeraadhaaf calluma jedheef ana sodaachuu dhiiftanii”

12Ani hojii keessan isa isin qajeelummaatti lakkaa'attan nan mul'isa; isaan si'achi homaa waa'ee isiniif hin baasan.

13Yommuu isin gargaarsaaf iyyattan, waaqayyoliin keessan warri baay'een mee isin haa oolchan kaa! Hunduma isaanii qilleensi afuufee in fageessa, isaan in balleessas; namni ana amanatu garuu lafa in dhaala, tulluu koo isa qulqullaa'aas qabeenya isaa in godhata” jedhe.

14Gooftichi,“Ka'aa karaa tottolchaa, daandiis wal qixxeesaa, saba koo duraa gufuu buqqisaa!

15Ani inni ol jedhaan, guddaan, bara baraan kanan jiraadhu, maqaan koo qulqulluu kan ta'e, iddoo ol ka'aa fi iddoo qulqullaa'aa nan jiraadha; warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebi'anii wajjinis nan ta'a; hafuura warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebi'anii nan haaressa.

16Hafuurri nama ani uumee ana duratti akka hin dadhabnetti, akka inni jiraatuuf hafuurri ani isa keessa kaa'es akka hin mudhuknetti, ani bara baraan hin morkadhu, si'a hundumaas hin dheekkamu;

17bu'aa gar-malee argachuu isaatiin sababii yakkeef, ani isatti dheekkamee isa nan adabe, aarees fuula koo isa irraa nan deebise; kana keessaa immoo didee karuma ofii isaatii irra in bu'e.

18“Ani karaa isaa argeera, garuu isa nan fayyisa; isa nan geggeessa, deebisees isa nan jajjabeessa;

19warri rakkatan afaan isaaniitiin akka na galateeffatan nan godha; nagaan warra fagoo jiraniif, nagaan warra dhi'oo jiraniifis haa ta'u! Ani isaan nan fayyisa.

20Warri jal'oonni garuu akka galaana hunkuramee, boqonnaa dhabuu, akka isa dha'aan isaa dhoqqee jalaa kaasee bishaan boressuu ti” jedha.

21Waaqayyoon koo, “Warri jal'oonni nagaa hin qaban” jedha.

Ibsa

57:1,2 Warri qajeeloo hadhaa du’aa irraa ooldifamu, garuu rukuttaa isaa irraa miti. Addunyaan dagattee jirtu kun kanaaf dantaa hin kennitu. Meeqa muraasni qofti dhabama uummataa akka ta'etti gadda, akkasumas meeqa muraasni isaa akka akeekkachiisa uummataa tokkootti hubata. Isaan garaa laafinaan fudhatamu, akka hammina hin argineef, keessas hin hirmaanneef, akkasumas isaanin hin qoramneef. Namni qajeelaan yeroo du'u, nagaa fi boqonnaa keessa seena.

57:3-12

Asitti Gooftaan warra amantaa irraa deebi'an (apostates) fi fakkeessitoota fuula isaa duratti akka dhihaatan waama. Yeroo cubbuu isaaniitiif ceeffaman, akkasumas murtii Waaqayyoo (judgments) irra ga'uuf akeekkamanitti, isaan dubbii Waaqayyoo tuffatan. Yihudoonni boojuu dura waaqolii tolfamoo waaqessuudhaan (idolatry) cubbamoo turan; garuu dhiphina sana booda hin turre. Ciminnii fi kaka'umsi isaan waaqolii sobaa waaqessuu keessatti qaban, garaa qabanaa'ummaa keenya Waaqa dhugaa waaqessuu keessatti nutti qaanessuu danda'a. Tajaajilli cubbuu garbummaa qaanessaa dha; warri kanaan of gara si'oolitti gadi buusan, dhugumaan achitti qooda isaanii argatu. Namoonni gara amantii fedhii foonii isaanii qulqulluu hin taane (unholy passions) kakaasutti gara jabina qabu. Yoo gochoota hamoo isaaniitiif araarsuu yookiin fedhii foonii jaallatan tokkoof dhiifama bitachuu (purchase indulgence) danda'a jedhanii yaadan, gocha hamaa kamiiyyuu, hammam guddaa yookiin jibbiisaa yoo ta'ellee, gochuutti geeddarama. Kunis waaqolii tolfamoo waaqessuu, yoo amantii warra Waaqayyoon hin beekne (pagan), kan Yihudootaa yookiin kan Kiristoosiin mormitootaa (antichristian) ta'ellee, ni ibsa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ጻድቅ ይሞታል፥ በልቡም ነገሩን የሚያኖር የለም፤ ምሕረተኞችም ይወገዳሉ፥ ጽድቅም ከክፋት ፊት እንደ ተወገደ ማንም አያስተውልም። አማርኛ ENGNIV The righteous perish, and no one ponders it in his heart; devout men are taken away, and no one understands that the ri… English BCV ፃድቕ ይመውት፥ ግና ነቲ ነገር ብልቡ ዘስተውዕሎ የለን፤ ምሕረት ዝገብሩ ሰባት ይውሰዱ፤ ፃድቃን ካብ ክፉእ ምእንቲ ኽድሕኑ ኸም ዝውሰዱ፥ ዘስተብህል የለን። ትግርኛ GAZBIB “Namni qajeelaan in du'a, namni Waaqayyoof of kennu, wanti hamaan akka isa irra hin geenyeef in fudhatama; namni kana y… Afaan Oromoo BCV GIZ ርኢክሙሂ ከመ ተሀጕለት ጽድቅ ወኢኀለይክሙ በልብክሙ ወአእተቱ ዕደወ ጻድቃነ፤ ወአልቦ ዘአእመረ እስመ እምገጸ ዐመፃ ተአተተ። giz BCV aksum ፃድቕ ይመውት፥ ግና ነቲ ነገር ብልቡ ዘስተውዕሎ የለን፤ ምሕረት ዝገብሩ ሰባት ይውሰዱ፤ ፃድቃን ካብ ክፉእ ምእንቲ ኽድሕኑ ኸም ዝውሰዱ፥ ዘስተብህል የለን። ትግርኛ AMHNIV ጻድቅ ይሞታል፤ ይህን ግን ማንም ልብ አይልም፤ ለእግዚአብሔር ያደሩ ሰዎች ይወሰዳሉ፤ ጻድቃን ከክፉ ይድኑ ዘንድ፣ መወሰዳቸውን፣ ማንም አያስተውልም። አማርኛ SWAHSUV Mwenye haki hupotea, wala hakuna atiaye hayo moyoni; na watu watauwa huondolewa, wala hakuna afikiriye ya kuwa mwenye h… Kiswahili