1“Namni qajeelaan in du'a, namni Waaqayyoof of kennu, wanti hamaan akka isa irra hin geenyeef in fudhatama; namni kana yaadaan qabu immoo hin jiru.
2Warri gara-qajeelonni ciisanii in boqotu, nagaadhaanis in galu.
3“Isin yaa ilmaan warra duumessa ilaalanii ayyaana hedanii, sanyii warra ejjituu fi halalee as dhi'aadhaa!
4Isin eenyutti ga'iftu, eenyutti laagaa bantu” Eenyuttis arraba baaftu” Isin ilmaan irra-daddarbituu fi sanyii sobduu mitii”
5Isin muka baalli isaa lalisu hundumaa jalatti, waaqayyolii tolfamoo keessanii wajjin ejjuuf, kajeellaan akkuma ibiddaatti isin in gube; laga keessatti, holqa dhagaa keessattis mucoolii keessan isaaniif aarsaa in dhi'eessitu mitii?
6“Dhagoota cuccululuqoo bishaan keessa jiranitti in sagaddu, dhibaayyuu isaaniif in dhi'eessitu, kennaa midhaaniis in geessituuf; egaa ani kanatti nan gammadaa ree”
7Isin tulluu dheeraa fi ol ka'aa irratti waaqayyolii tolfamoo keessanii wajjin in ejjitan, achi irrattis aarsaa in dhi'eessitan;
8cufaa jala, michichila balbalaa duuba milikkita warra saba koo hin ta'inii in kaa'attan; isin ana dhiiftanii siree qullaatti hambiftanii adeemtanii, siree isa bal'aatti ol in baatan; warra isin jaallatanii wajjin waliif in galtan, isaanii wajjinis in ejjitan.
9Moleek Waaqayyo tolfamaadhaaf kennaa dhadhaa ejersaa keessanii dhi'eessuudhaaf, urgooftuu dibataa keessan baay'iftanii dibattanii gara isaa in dhaqxan; waaqayyolii tolfamoo barbaaddachuudhaaf ergamtoota keessan, hamma gara iddoo lafa jalaatti iyyuu in ergitan;
10isaan barbaaddachuudhaaf karaan yommuu isin dadhabsiise illee, isin,“Kun abdii hin qabu” hin jenne; humna haaraa waan argattaniif dadhabdanii hin dhiifne.
11“Akka isin sobdaniif warri akkas isin sodaachisanii, isin naasisan kun eenyufa'i” Isin ana in irraanfattan, waa'ee koos yaadatti hin qabanne; sababii ani yeroo dheeraadhaaf calluma jedheef ana sodaachuu dhiiftanii”
12Ani hojii keessan isa isin qajeelummaatti lakkaa'attan nan mul'isa; isaan si'achi homaa waa'ee isiniif hin baasan.
13Yommuu isin gargaarsaaf iyyattan, waaqayyoliin keessan warri baay'een mee isin haa oolchan kaa! Hunduma isaanii qilleensi afuufee in fageessa, isaan in balleessas; namni ana amanatu garuu lafa in dhaala, tulluu koo isa qulqullaa'aas qabeenya isaa in godhata” jedhe.
14Gooftichi,“Ka'aa karaa tottolchaa, daandiis wal qixxeesaa, saba koo duraa gufuu buqqisaa!
15Ani inni ol jedhaan, guddaan, bara baraan kanan jiraadhu, maqaan koo qulqulluu kan ta'e, iddoo ol ka'aa fi iddoo qulqullaa'aa nan jiraadha; warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebi'anii wajjinis nan ta'a; hafuura warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebi'anii nan haaressa.
16Hafuurri nama ani uumee ana duratti akka hin dadhabnetti, akka inni jiraatuuf hafuurri ani isa keessa kaa'es akka hin mudhuknetti, ani bara baraan hin morkadhu, si'a hundumaas hin dheekkamu;
17bu'aa gar-malee argachuu isaatiin sababii yakkeef, ani isatti dheekkamee isa nan adabe, aarees fuula koo isa irraa nan deebise; kana keessaa immoo didee karuma ofii isaatii irra in bu'e.
18“Ani karaa isaa argeera, garuu isa nan fayyisa; isa nan geggeessa, deebisees isa nan jajjabeessa;
19warri rakkatan afaan isaaniitiin akka na galateeffatan nan godha; nagaan warra fagoo jiraniif, nagaan warra dhi'oo jiraniifis haa ta'u! Ani isaan nan fayyisa.
20Warri jal'oonni garuu akka galaana hunkuramee, boqonnaa dhabuu, akka isa dha'aan isaa dhoqqee jalaa kaasee bishaan boressuu ti” jedha.
21Waaqayyoon koo, “Warri jal'oonni nagaa hin qaban” jedha.