Hoose'aa 5

GAZGAZAfaan Oromoo15 Keeyyattoota4:14 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:14 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1“Isin luboota nana kana dhaga'aa, yaa gurguddoota Israa'el, yaadatti qabadhaa; warri mana mootichaas gurra keessan as qabaa! Firdii eeguun isiniif kennamee ture, amma garuu firdiin isin irratti in raawwatama; isinoo iddoo “Miisphaa” jedhamutti akka futtaasaa, tulluu Taabor irrattis akka kiyyoo diriirfamee taataniittu.

2Isin sanyii isa Shiixiimitti hojjettanii gad fageessitanii bal'ifattaniittu; ani garuu hunduma keessan cimsee nan adaba.

3Ani Efreemin nan beeka, Israa'elis ana duraa hin dhokanne; amma immoo yaa Efreem, ejjuu keetiin gara-gaggaluu argisiifteetta, Israa'elis xuroofteetti.

4Gara-gaggaluun yaada isaanii keessa waan jiruuf, Waaqayyoon hin beekan; hojiin isaanii gara Waaqayyootti deebi'uu isaan in dhowwa.

5“Wanti Israa'el ittiin of gurguddisu isumatti dhugaa in ba'a; Israa'elii fi Efreem yakka isaaniitiin in gufatu; Yihudaanis immoo isaanii wajjin in gufata.

6Isaan bushaayee isaanii fi saawwan isaanii fudhatanii Waaqayyoon barbaaduuf in dhufu; garuu inni waan isaan jalaa deebi'eef, isa hin argatan.

7Isaan Waaqayyoof waan hin amanamneef, ormaaf ijoollee in godhatan; kanaaf baatii haaraatti isaan lafa isaanii wajjin xaph in jedhu.

8“Egaa fiinoo Giibe'aa keessatti, fiingees Raamaa keessatti afuufaa! Sagalee nama dammaqsu“Bet-Aween” [ishee dur“Bet'el” jedhamtutti] dhageessisaa! Benyaamiinin garaa raasaa!

9Guyyaa adabaatti Efreem onaa in ta'a; wanta dhuguma gosa Israa'el keessatti ta'us nan labsa.

10Gurguddoonni Yihudaa akka warra daarii dhiibanii ta'aniiru, kanaaf ani dheekkamsa koo akka bishaaniitti isaan irratti nan dhangalaasa.

11Efreem wanta waa'ee hin baafne duukaa bu'uu yaadaa waan qabuuf, cunqurfamee dhugaan isaa badeera.

12Kanaafis ani Efreemitti akka madaa malaa kuusee ti, mana Yihudaattis akka boccoqaa raammessuu ti.

13“Efreem dhukkuba isaa, Yihudaanis madaa isaa yommuu arge, yommus Efreem biyya Asor dhaqe, mooticha guddaa sanattis in ergate; garuu inni isin fayyisuu, madichas isin irraa balleessuu hin dandeenye.

14Anoo Efreemitti akka leencaa, mana Yihudaattis akka leenca saafelaa nan ta'a; ani, anumti tatarsaasee nan adeema, fuudhees nan sokka, kan oolchus hin jiru.

15Hamma isaan yakka isaanii of iratti beekanii fuula koo barbaaddatanitti, ani nan adeema, iddoo koottis nan deebi'a; yoos isaan rakkina isaanii keessatti dammaqanii ana in barbaaddatu” jedhe.

Ibsa

5:1-7

Iji Waaqayyoo isa hundumaa qoratu, fedhii dhokataa cubbuu hojjechuuf qaban, jaalala mana Israa'el cubbuu isaaniif qaban, akkasumas mootummaa cubbuun isaanii isaan irratti qabate arge. Ofittummaan nama cubbuu biroo keessatti diroonsaa godha. Yihudaanis tarkaanfii walfakkaataa irra deemaa waan jiruuf, Israa'el wajjin ni kufa turan. Waaqayyoon ganuudhaan, namoonni ofuma isaanii gowwoomsu. Warri Waaqayyoon barbaaduuf loonii fi horii isaanii qofa fudhatanii deeman, garuu garaa fi lubbuu isaaniitiin hin deemen, isa argachuuf hin eegan; akkasumas warri Waaqayyoon yeroo inni argamutti isa hin barbaanne tokkollee hin milkaa'u. Kun hammam nuuf barbaachisaa akka ta'e ilaali, Waaqayyoon dafnee, amma, yeroo fudhatamaa fi guyyaa fayyinaa ta'etti barbaaduun.

5:8-15 Badiisni cubbamoota hin gaabbinne kan isaan sodaachisuuf jecha dubbatame haasaa homaa hin taane miti; murtoo deebi’ii hin qabne dha. Akkasumas, dallansaa dhufu jallachuuf akka akeekkachiisni yeroo isaa sirrii nutti kenname oo’a guddaa dha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ካህናት ሆይ፥ ይህን ስሙ፤ የእስራኤል ቤት ሆይ፥ አድምጡ፤ የንጉሥ ቤት ሆይ፥ ልብ አድርጉ፤ በምጽጳ ላይ ወጥመድ፥ በታቦርም ላይ የተዘረጋ አሽክላ ሆናችኋልና ፍርድ በእናንተ ላይ ነው። አማርኛ ENGNIV “Hear this, you priests! Pay attention, you Israelites! Listen, O royal house! This judgment is against you: You have b… English BCV “ኣቱም ካህናት፥ ነዙይ ስምዑ፤ ኣቱም ቤት እስራኤል፥ ኣቕልቡ፤ ኣቱም ቤት ንጉስ፥ ፅን በሉ፤ ኣብ ምፅጳ መፈንጠር፥ ኣብ ታቦር ከዓ ዝተዘርግሐት መርበብ ኴንኹም ኢኹም እሞ፥ እዝ ፍርዲ እዙይ… ትግርኛ GAZBIB “Isin luboota nana kana dhaga'aa, yaa gurguddoota Israa'el, yaadatti qabadhaa; warri mana mootichaas gurra keessan as q… Afaan Oromoo BCV GIZ ስምዑ ዘንተ ካህናት ወአጽምዕዎ ቤተ እስራኤል ወይስምዕዎ ቤተ ነጋሢ፤ እስመ በእንቲአክሙ ውእቱ ዝንቱ ኵሉ ኵነኔ እስመ መሥገርተ ኮንክምዎ ለዘያስተሐይጽ፤ ወከመ መሥገርት እንተ ሰፍሑ ያሥግሩ… giz BCV aksum “ኣቱም ካህናት፥ ነዙይ ስምዑ፤ ኣቱም ቤት እስራኤል፥ ኣቕልቡ፤ ኣቱም ቤት ንጉስ፥ ፅን በሉ፤ ኣብ ምፅጳ መፈንጠር፥ ኣብ ታቦር ከዓ ዝተዘርግሐት መርበብ ኴንኹም ኢኹም እሞ፥ እዝ ፍርዲ እዙይ… ትግርኛ AMHNIV “እናንተ ካህናት፤ ይህን ስሙ! እናንት እስራኤላውያን፤ አስተውሉ! የንጉሥ ቤት ሆይ፤ ስሙ! ይህ ፍርድ በእናንተ ላይ ነው፤ በምጽጳ ወጥመድ፣ በታቦርም ላይ የተዘረጋ መረብ ሆናችኋልና። አማርኛ SWAHSUV Sikieni haya, enyi makuhani, sikilizeni, enyi nyumba ya Israeli, tegeni masikio yenu, enyi wa nyumba ya mfalme, kwa kuw… Kiswahili